Dhibee HIV AIDS bara 2030 A.L.A tti sadarkaa sodaa Hawaasaa hin taane irraan gahuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi hirmaannaa irraa eegamu taasisuu qabu.
Gurraandhala 20 bara 2017 Adaamaa.
=================================
Ministeera fayyaatti garee ittisaa fi to'anoo HIV/AIDS gamaggama raawwii hojii ji'a jahaa bara 2017 gaggeessee jira.
Sagantaa kana irratti walitti qabduun koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasaa, aadaa fi ispoortii Adde Warqaasammaawu Maammoo argamuun haasaa taasisaniin HIV/AIDS yaaluu fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun akkasuumas kenna tajaajilaa dhaabbilee fayyaatti kennamuu qofaan to'achuun akka hin danda'amnee dubbachuun damee hawaasummaa damee fayyaa waliin qindeessuun hojjachuun barbaachisaa akka ta'e kaasanii jiru.
Manneen barnootaa olmaa daa'immanii irraa jalqabee Ittisaa fi to'annoo HIV/ AIDS barsiisuun daa'imman dhukkuba ittisuu irratti beekkumsa akka gabbifatan taasisuu irra darbee HIV/ AIDS ittisuuf tooftaa itti fufiinsa qabu ta'ee akka gargaaru dubbatanii jiru.
Ministeerri ministeera fayyaa Federaalaa Dr. Maqdas Dhaabaa gama isaaniitiin biyyi keenya HIV/AIDS ittisuu fi to'achuuf bu'aa salphaa hin taane galmeessuu ibsuun akka instiyuutii qorannoo fi qo'annoo fayyaa hawaasaa Itoophiyaa qorannoo taasiseen haalli tatamsa'ina HIV ga'eessotaa bara 2010 tti %1.26 ture bara 2023 tti gara %0.87tti gadi bu'uu dubbatanii jiru.
Naannoleen raawwii gadi aanaa qaban naannolee raawwii gaarii qaban irraa muuxannoo qooddachuun bara 2030tti HIVn akka sadarkaa sodaa hawaasaa hin taane irraan gahuuf qamolee dhimmi ilaallatu waliin kutannoon irratti hojjachuu qabu jedhanii jiru.
Sagantaa kana irratti hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaanat Warqinah argamuun ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun akka naannoo Oromiyaatti hojiin ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS raawwii gaarii agarsiisuu fi facaatin dhukkuba kanaa 0.63 irraa gara 0.6tti kan gad bu'e ta'us ammallee ciminaan irratti hojjechuun dhaloota HIV irraa bilisa ta'e horachuun akka barbaachisu kaasaniiru.
Sagantaa kana irratti hooggantoonni biiroo fayyaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaatanii jiru.
#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!
#share
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa