Walgitiinsaa fi qaqqabamaa kenna tajaajilaa fayyaa milkeessuu irratti inshuraansiin fayyaa hawaasaa gumaacha ol'aanaa taasisaa jira. H/I/A biiroo fayyaa Sr. Tigist Tafarii
Onkololeessa /2017 Shaashamannee
=========================
Inshuraansiin fayyaa hawaasaa baasii xiqqaa waggaatti yeroo tokko kaffalamuun hawaasni tajaajila fayyaa akka argatuu fi baasii hin malleef akka hin saaxilamne taasisuun gahee guddaa qabaachuu H/I/A biiroo Sr. Tigist Tafarii ibsaniiru.
Kaayyoon gamaaggama raawwii inshuraansii fayyaa hawaasaa bara 2016 ciminoota jiran itti fufsiisuun dhimmoota xiyyeeffannoo addaan raawwatamuu qaban karoora itti aanuu keessatti akka hojiirra oolaniif marii geggeessuudha.
Waltajjii kana irrrattis dhiyeessiin gabaasaa, qajeelfamaa fi daawwannaan erga geggeeffame booda marii bal'aa taasisuun kallattiin hojii kennameera.
I/G/W/Fayyaa, paartii, bulchaa fi qindeessitoonni IFH, godinaalee fi magaalotaa akkasumas daarektaroonni olaanoo inshuraansii fayyaa biyyolessaa saganticha irratti hirmaataniiru.
#share
t.me/BiirooFayyaaOromiyaa