#Deebii_Albert_Einstein
☛Albert Einstein yeroodhuma barataa tureetti haalli inni itti yaaduu fi barattoonni biroo itti yaadan gargar ture. Gaafa tokko barsiisaan waa'ee qooyyabota herregaa osoo barsiisaa jiruu barattoota gaafii gaafate.
#Barsiisaa: simbirroonni #sadii muka irra jiru,sadii keessaa #tokko dhagaadhaan rukunnee yoo buusne simbirroo meeqatu mukarratti hafa?
#Baratoota:lama
#Barsiisaa:eeyyeen sirriidha.3-1=2 waan taheef
#Anastaayiin harka baase☝: lakki homtuu hin hafu.simbirri tokko yoo rukutamte warri hafan maaliif taa'uu? barrisani deemu.Kanaaf Zeroodha.
#Barsiisaa: gatiin hoolaa tokkoo qarshii 1000, yoo tahe gatiin hoolota shanii meeqa?
#Barattoota: 5000 taha.
#Barsiisaa: eeyyeen sirriidha.5x1000=5000 waan taheef.
#Anastaayiin: lakki hin beekamu.Maal hoolonni kuni hundi xiqquma illeen wal hin caaltuu? Kanaaf ani gama kootiin hin beekamuun jedha.
"Loojikiin tarkaanfii tokko nu deemsisa,xinxaalliin garuu bakka fedhe nu deemsisa".
Albert Einstein