✅️Akka Allaattii Samii irra kan balali’uu fi akka Qurxummii Galaana kan daaku:- Teeknooloojiin 'SkyX' Addunyaa dinqisiisaa jira!!
✅️Olka'insa samii irraa hanga gadi fageenya Galaanaatti rakkoo tokko malee ce'uu kan danda'u meeshaan ammayyaa haaraan kun addunyaa teeknooloojii baay'ee dinqisiisaa jira.
✅️Kampaaniin teeknooloojii Chaayinaa beekamaan 'Changsha Nighthawk Intelligent Technology' samii irra balali'uu fi bishaan keessa daakuuf dandeettii addaa kan qabu meeshaa ammayyaa "SkyX" jedhamu dhiheesseera.
✅️ Meeshaan kun amala Qurxummii uumamaan balali'u (flying fish) irraa moodela fudhachuun kan hojjetame yoo ta'u, qilleensa irra yeroo balali'u baallee isaa diriirsee haala dinqisiisaadhaan socho’a; gara bishaan keessaatti yeroo seenu ammoo baallee isaa dachaasuun salphaatti akka daaku isa dandeessisa.
✅️Kalaqni dinqisiisaan kun bishaan keessa sa'aatii tokkotti kiiloo meetira 50 deemuu kan danda'u, saffisa ol’aanaa kan qabu yoo ta'u, qilleensa irra garuu sa'aatii tokkoo oliif otoo addaan hin kutiin balali'uuf dandeettii qaba.
✅️Teeknooloojiin kun qorannoo Saxaxaa fi qorannoo bishaan jalaa milkaahinaan kan darbe yoo ta’u, yeroo ammaa kaayyoowwan gurguddoo adda addaatiif akka oolu qorannoo bal’aan taasifamaafii jira.
✅️Keessattuu hojiiwwan tajaajila hatattamaatiif, eegumsa fi hordoffii garbaa, akkasumas dameewwan ittisaa fi nageenyaatiif gumaacha ol’aanaa ni taasisa jedhameet abdiin ol’aanaan irra kaawwameera.
#SkyX #Innovation #FutureTech #FlyingFish #Technology
#join👇