#Dinqisisoo Adunyaa kanaa. ✅
#Maxwell_Day Namni jedhamu Miila isaa digirii 157 Gara duubatti naannessuu kan danda’uu fi ittiin dhaabatee Deemuu kan danda’uu dha.
Maxwell Day Akka jedhutti yegguu miila isaa kana Naannessuu fi ittiin adeemu dhukkubbiin akka itti hin dhagamnes Dubbatee jira.🧑🩰🕺🤷♂️
#Cathie_Jung Dubartiin jedhamtu Ameerikaa kutaa United States kan jiraattu yoo taatu. mudhii xiqqaa qabaachuun Akka Adunyaa tti Ishee jalqabaa ti Dheerinni hojjaa ishee meetira 1.72 Yoo taatu Jung, mudhiin ishee seentimeetira 38.1 inchi 15, jechuudha.💃💃
#Kiim_Guudmaan dubartii ija guddaa addunyaa kanarraa qabdudha. Ija ishee Ala baasuu kan dandeessuu dha. Kanaanis Galmee dinqisoo Adunyaa kanaa irratti Riikardii qabattee jirti. Kiim amerkaa kutaa Chikaagoo, keessa jiraatti.😳😳😅
#Garry_Turner, lammii biyya England, kan ta’e gogaa Qaama isaa dheerina hanga seentimeetira 15.8 (6.25 in) dheeratutti diriirsuu nama danda’uu dha kanaanis ,akka Adduniyaatti nama duraa irratti argama🌚🌝
#C.Manoharan namni jedhamu dhalataa biyya India magaalaa madras jedhamtu yoo ta’u sekendii 30 keessatti raammolee lafarra adeeman 200 nyaachuu fi Bofa Lubbuu Qabdu kan maqaan ishee manu jedhamtu.Funyaan isaa keessaan Ol seensisuun Afaan isaa keessaan nama Baasuu danda’uu dha. Kanaanis Galmee dinqisoo Adunyaa irratti Ajab jedhameeti jira.🥸🫨😬
#EDWARD_MOODRAKE – ykn Abba fuula lamaa jedhamuun kan beekamu
Fuula lama kan qabu yoo ta’u, tokko fuulduraa, inni kaan immoo duubaan kan Uumamaan kalaqamee jiruudha Fuulli isaa inni lammaffaan jinnii itti fakkaate, hakiimonni akka buqqisan barbaadus garuu namni Fuula kana gidduu baqaqsuuf itti gaafatamummaa fudhatu hin argamne🤯🤯
#Jonathan_Lee jedhama. Suusii nama himachuu qaba hanga ammaatti abbaa qabeenyaa addunyaa kanaa #Bill_Gates, #phaaphaasii #Roomaa 16ffaa Benedikt dabalatee gara namoota 4000 ol ta’an irratti himata baneera. Galmeen dinqisiisoo addunyaa (#World_Guinness_books) Guinness, s namoota hedduu himachuutiin (kasasuutiin) addunyaarratti sadarkaa 1ffaa irra kaahuun maqaasaa galmicharratti barreesseera.
Yonaataanis kanaan gaheera jedhee hin dhiisne eeyyama koon ala maqaa koo maaliif galmee dinqisiisoorratti barreessitan jechuun isaaniinis himateera.😁😄😂