Waa'ee leencaa dhugaalee ቀkana beektuu laata?
➊Leenci hin sodaatu!
Jireenya isaa keessatti Leenci sodaa waan jedhamu hin beeku.Yeroo hundumaa miira caalmaan jiraata.Ilaalcha mo'ichaan jiraata. Arbi guddaan ilmoo Leencaa xiqqoo tokko fuulleetti yoo arge, "Naaf dhumate! Nyaatameera!" jedha.Ilmoon Leencaa xiqqoon immoo Arba guddaa fagootti yoo argite, "Har'a guyyaa gammachuuti.Laaqana furdaa arganne.Waaqayyoof haa galatu!" jetti.Leenci hin sodaatu.
➋Leenci geggeessaa cimaadha:
Maatii isaaf baay'ee kan amanamu yoo ta'u, leenci kormi haadha manaa isaa
dhiisee abadan kan biraa bira hin deemu. Hojiin Leenca kormaa maatii isaaf eegumsa taasisuu yoo ta'u; kan ishee dhaltuu immoo adamsuudha. Adamsitee maatii ishee itti waamti. Hamma miseensonni maatii isaa nyaatanii quufanitti achi irraa hiiqee ciisa. Isaan quufnaan booda ofii isaa nyaata.Nyaatanii erga quufanii booda haftee isaa achumatti dhiisanii deemu. Boriif ol hin kaawwatan. Bor guyyaa haaraadha: nyaanni haaraan akka qophaa'tu beeka. Nan dhaba jedhee hin yaadda'u.
➌Leenci ni rafa.
Maatii isaa wajijin nyaata isaa nyaatee quufnaan hojin isaa rafuudha, Sa'aatii 24 keessaa sa'aatii 22 fi walakkaa akka inni rafutu himama.Bakka ija isaatti tole, yoo fedhe lafa ol ka'aa irra, yoo fedhe asfaaltii walakkaa -mijeeffatee rafa. Hamma inni ofii isaa hirriba isaa quufee
dammaqutti eenyu illee isa hin dammaqsu. Jireenya boqonnaa qaba.Kitaabni Qulqulluun, "Namni qajeelaan akka Leenca dhalaa hirkatee ciisa!" kan jedhu kanaaf. Gooftaa irratti of gatanii boqochuu, rafuu fi amanchuu jechuudha.
❹Leenci xiyyeefataadha.
Al tokkotti waan tokko qofa iratti xiyyeeffachuun beekama. Harree diidaa 20 gamatti yoo arge, 20 isaanii keessaa
ija isaa ishee tokko qofa irra kaa'ata.Ari'uus jalqaba. Otoo waan fedhe ta'ee ishee ija isaa irra kaa'ate malee hin nyaatu. Isaan kaan qaqqabee otoo jiruu
ishee sana ari'uuf fiiga.Namoota yeroo tokkotti hojii 100 wal biratti ari'aniif kun barumsa guddaa mitiiree? Oromoon
maal jedha? "Kan lama ari'u tokko iyyuu hin qabatu." Al tokkotti waan tokko irratti xiyyeeffachuu.
❺Leenci nama hin tuqu.
Baay'een keenya Leenca yeroo jedhamu waanuma inni abbaa irree ta'e nutti fakkaata. Dhugaan isaa garuu faallaa kanaati. Leenci yoo tuqan malee nama hin tuqu. Yoo nyaata dhabe qofa yeroo adamoo adamsu bineensota qabee nyaata. Sun immoo adeemsuma uumama isaati. Sanaan ala garuu argeef qofa hin nyaatu; hin miidhus.Hamma itti hin buunetti otoo inni dhaabatuu bira darbitee deemuu dandeessa, Mootummoonni abbaa irree Leenca irraa waan guddaa baratu jedheen yaada.
@Falaasama_Addunyaa