Forward from: Falaasama Addunyaa
Sooressaaf: Gochi inni seeraan ala raawwate akka waan tasa uumameetti ykn akka dogoggoraatti (mistake) ilaalamaaf. Maallaqa fi beekamtii isaatiin sababa itti uumama.
Hiyyeessaaf: Dogoggorri inni utuu hin beekin ykn dandeettii dhabuun raawwate akka yakkaatti (crime) lakkaawamee adabbii cimaaf isa saaxila.
Sooressi yoo yakke ni gorfama, hiyyeessi yoo dogoggore ni hidhama.Yakki sooressaa qabeenyaan dhifamaaf, dogoggorri hiyyeessaa seeraan yakkama.
Soressaaf: Qabeenyi isaa akka saaphanaatti isa tajaajila. Utuu deemuu yoo kufe, saaphanni isaa sun isa qaba malee lafa hin dha'u (dogoggora).
Hiyyeessaaf: Hiyyeessi lafa qulqulluu irra deema. Yoo jireenya keessatti gufate, kallattiin dhagaa irratti kufa, lafeen isaa ni caba (Yakka).Walumaa galatti, Gufannaan isaanii wal fakkaata, Garuu, lafti irratti isaan kufan garaa gariidha. Kenniif waan kennitu hin dhabin!