Faarfannaa 5:1-8
1 Yaa Waaqayyo, gurra kee gara dubbii kootti qabi, isa ani hasaasee sitti himadhus yaadatti anaaf fudhadhu!
2 Ani sin kadhadha yaa mootii ko, yaa Waaqayyoo ko, sagalee iyya kootii dhaggeeffadhu!
3 Yaa Waaqayyo, ganama sagaleen koo si biratti in dhaga'ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala.
4 Ati yaa Waaqayyo, isa jal'inni itti tolu miti'o, hamaanis si bira hin buufatu.
5 Warri of jajanis ija kee dura hin dhaabatan, warra wanta waa'ee hin baafne hojjetan hundumaas in jibbita.
6 Warra soba dubbatan lafa irraa in balleessita, Waaqayyo warra dhiiga namaa dhangalaasanii fi warra nama wallaalchisan in ciigga'a.
7 Ani garuu gaarummaa kee isa baay'eedhaan gara mana keetti ol galuun anaaf kennameera; ulfinaan si sodaachuudhaanis, gara mana qulqullummaa keetti garagalee kufee siif nan sagada.
8 Yaa Waaqayyo, sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati qajeelummaa keetiin na geggeessi! Karaa kees fuula koo duratti anaaf qajeelchi!
🙌Halkan Gaarii!!