😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 6ffaa
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)
10. Guyyaa dhumaatti hundumarratti faraduuf aboo isaa kan qabaatu isa ta’uu isaa dubbachuun:
“Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa’a. Yommuus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re’ootattii akka gargara fo’u, innis namoota sana gargara in fo’a. ...?”(Mat. 21:15-16).
📌Waaqayyoo sagalee qulqullaa’aa isaa keessatti ulfina isaa enyuuf iyyuu akka hin laanne irra deddeebi’ee dubbateera (Kes. 5:6-10, Isa. 42:8). Yesuus Kristos garuu waaqeffannaa fi sagada namootaa simateera. Ulfina Waaqayyoof qofaaf malu fudhachuun Waaqa ta’uu isaa argisiiseera.
11. Gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:
“Barsiisaa, gooftaas jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa. Ani barsiisaan keessanii fi gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta’a. Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera”(Yoh. 13:13-15).
12. Sanbata irratti gooftaa ta’uu isaa dubbachuun:
“Egaa ilmi namaa Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha” isaaniin jedhe (Mar. 2:28).
🔻Musliimonni hedduun Yesuus gooftummaa isaa ifatti dubbachuu isaa beekuu dhiisuu isaaniin “bakka itti gooftaadha ofiin jedhe nu argisiisaa” jechuudhaan gaafatu. Garuu Yohannis 13:13-15 irratti kan argamu yommuu itti argisiifnu xiqqo erga rifatanii booda tooftaa biraa uummatu. “Macaafa Qulqulluu keessattii namoonni gooftaa jedhamaniiru” jedhu.
🔻Garuu Yesuus gooftummaan isaa akkuma ergamtoonni isaa ittiin jedhan ta’uu isaa waan dubbateef, karaa ergamtoonni jedhaniin malee karaa mataa keenyaan hikkatti kennuu hin dandeenyu. Mata-duree kana jalatti itti fufnee akkuma arginu ergamtoonni waaqummaa Yesuus itti amanaa waan turaniif “gooftaa yommuu isaatiin jedhan waaqummaa isaa argisiisuuf malee namoonni sadarkaa guddaa qabaatan karaa ittiin gooftaa jedhamaniin kan isa waaman miti.
🔻Yesuus Gooftaa ta’uu isaa kan dubbate karaan inni biraan sanbata irratti Gooftaa ta’uu isaa dubbachuudhaani. Kun ammoo haala falmii kaafneen Waaqummaa isaa argisiisa.
📌Sababni isaa Sanbatni guyyaa Waaqayyoof eebbifame ta’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessatti dubbatameera (Ba’u 31:12-17). Waaqayyo guyyaa ofii isaaf eebbifate irratti gooftaa ta’uu kan danda’u Waaqayyo matuma isaa ti.
📌KANAAFU IYYESUUS KIRISTOOS WAAQAYYODHA!!
🔺Kutaa darbe (5ffaa) Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1186
📅 Kutaa 7ffaan Itti fufa..Yeroo Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!
Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
📥Yaada Yoo Qabaattan Asirratti nu dubbisa
👉🏼@Believe_In_Christ79
🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22