👉Hasbarruuwwan Gorsaaf Oolan Kutaa 49ffaa 👇👇👇🙏✅
👉Namoonni naannoo keetii hundi si wajjin jiraataniif waa'ee kee hinbeekani. Sababa waa'ee kee sirriitti hin beekneef hamma beekaniifi danda'an sitti dubbatu. Ati garuu yeroo kamittiyyuu mul'ata mataa keef waan jiraattuuf kan siin jedhamu dhiisii ofii kee qofarratti xiyyeeffadhuu galma mataa keetti arreedi.
👉Gaaffii gaafatamtu hunda dubbiin deebisuuf hinrakkatiin. Hanguma baay'ee dubbattu dogoggoruu dandeessa, yeroof humna kees fixxa. Kanaa mannaa gochaan agarsiisi.
👉Akka har'a taateefi irra geessee jirtu kanaaf maatii kee dabalatee nama baay'eetu keessaa shoora qaba. Akka gara fuulduraatti taatuufi irra gahuu barbaadduuf garuu, siif Waaqa keetu of harkaa qaba. Waaqa kee abdattee amanattee guddachuuf yoo cimtee hojjetteefi tattaafatte ni guddatta. Bakka yaaddes inuma geessa. Faallaasaa yoo dhiboofteefi hinhojjenne garuu jireenya har'a jiraachaa jirtu irratti waa dabalatta osoo hintaane isheema har'a qabdu kanayyuu dhabdee kan kanaa gadii taata. Achumaan utuu siin darbiin siin darbiti. Sosocho'i! sosocha'aa rirmi hinnyaatu jedhama.
Ani Gammadaa Milkaa'ina Koofi Namootaati.
@HamboofAroon1