Odeessaa Ajjee**chaa!
[SBO-Bitootessa 10, 2025] Dargaggoon Oromoo Daawit Baqqaanaa Oromummaa isaan yakkamuun yeroo gara garaatti hidhamaa ture, mana hidhaatti Reebicha ulfaata irra gahe irraa dandamachuu dadhabuun Hospitaala gahee Lubbuun isaa darbuu maddeen SBO ifoomsan.
Dargaggoon Daawwit Baqqaanaa abbaa ijoollee Afurii (4) kan tahe yeroo gara garaatti hidhamaa turee tibbuma kana mana hidhaatii kan bahe. Torbee dabre kana keessa qaamni hidhate barbaacha mana isaa dhufee, inni mana waan hin turreef yeroo biraa maaliif na barbaaddan jedhee dhaqee gaaffannaan achumaan qabanii reebicha hamaa eerga irraan gahnii booda konkolaataa irratti darbanii hurufatti gatuuf deemaanii yeroo turanitti haati warraa isaa argitee ummatatti iyyitee lubbuu isaa yeroof baraarteerti.
Battaluma sanatti Ummanni waan isaan argeef Bulchiinsa Shaggar kutaa Maggaalaa Burraayyuu Waajjira Poolisii Aanaa 1ffaa baanamutti deebisanii hihadhan. Ergasiis mana hidhaatti reebicha hamaa irraan gahaniin Sadafiin mataa isaa keessa miidhanii dhiigni keessatti dhangala’uun Hospitaala Abeetitti osoo wal’aanamaa jiruu guyyaa kaleessaa Bitootessa 9, 2025 Lubbuun isaa dabarteerti.