1Phe. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Kanaaf mudhii yaada keessanii jabeeffadhaa, warra of qaban ta'aa, abdii keessan guutummaatti ayyaana isa yeroo Yesus Kristos mul'atutti isiniif dhufu irra kaa'adhaa!
¹⁴ Akka ijoollee abboomamanii ta'aa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin luucca'inaa!
¹⁵ Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa!
¹⁶ Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, "Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!" jedheera.
¹⁷ Isa nama utuu wal hin caalchisin, adduma addaan akka hojii isaatti faradu sana "Abbaa" jettanii in waammattu yoo taatan, bara itti akka ormaatti jiraattan hundumaatti isa safeeffachuutti jiraadhaa!
¹⁸ Akka jireenya keessanii isa abboota keessan irraa isinitti darbee, isa waa'ee hin baafne sana jalaa, wanta badu waan akka meetii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin iyyuu in beektu.
¹⁹ Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti.
²⁰ Inni uumamuu biyya lafaa dura yaadaan qabame, gara dhuma barichaatti immoo isiniif jedhee mul'ifame.
²¹ Karaa isaa isin immoo Waaqayyo isa du'aa isa kaasetti ulfinas kenneefitti, warra amanan taataniittu; akkasumas amantiin keessannii fi abdiin keessan Waaqayyotti jabaachuu isaa ti.
²² Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala ho'aa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!
²³ Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu.