"Haqan Sirraa Qaba"
Rafee abjuu kiyyaan
Ana faana bultee...
Bari'ee si dhabnaan
Onneen na rifatte!
Maaloo dafii kottu
Yaadaan nan hubini
Utuu ati naa jirtuu
Qorri nan hubini....
Akka nama dhoksaan
Meeshaa waraanaa kuusee
Poolisiin jaalala kee
Mana adabaa na buuse
Ati naaf kennaa kooti
Hiree kiyya ganamaa
Balballi onnee kootii
Gaaddidduu keen banama
Ati naaf burtukaana
Foolii koo situ urgeessa
Filannoo biraa hin qabu
Jaalalakoo situ murteessa
Kanaaf calaqqistuu koo
Akka calleefi warqii
Si dhabnaan nan raata'a
Miilla natti ta'a harkii
Sin eega sin kunuunsa
Akka bililleef hanqaaquu
Ergan takkaa carroomee
Deebi'ee sin dhabuu....
Hadhaaf miwaa jiruu
Waliin dhandhamanna
Rakkoof dhiphuu hedduu
Wajjin dabarfanna
Kanaaf garaan koo
Si dhabuu hin obsu
Aaru sin cubbisa
Abaaru saa cabsu
Xiqqoon si guddise
Haqan sirraa qaba
Waadaa jaalalaa
Hin dagatiin irbuu
Hin nyaatiin imaanaa
Sitti taatiis cubbuu.
🆗
Waan dhugaarraa fagaate miti.
Mee bakkasaa bu'aa ilaalaafii.
@Miira_Jaalalaa
Rafee abjuu kiyyaan
Ana faana bultee...
Bari'ee si dhabnaan
Onneen na rifatte!
Maaloo dafii kottu
Yaadaan nan hubini
Utuu ati naa jirtuu
Qorri nan hubini....
Akka nama dhoksaan
Meeshaa waraanaa kuusee
Poolisiin jaalala kee
Mana adabaa na buuse
Ati naaf kennaa kooti
Hiree kiyya ganamaa
Balballi onnee kootii
Gaaddidduu keen banama
Ati naaf burtukaana
Foolii koo situ urgeessa
Filannoo biraa hin qabu
Jaalalakoo situ murteessa
Kanaaf calaqqistuu koo
Akka calleefi warqii
Si dhabnaan nan raata'a
Miilla natti ta'a harkii
Sin eega sin kunuunsa
Akka bililleef hanqaaquu
Ergan takkaa carroomee
Deebi'ee sin dhabuu....
Hadhaaf miwaa jiruu
Waliin dhandhamanna
Rakkoof dhiphuu hedduu
Wajjin dabarfanna
Kanaaf garaan koo
Si dhabuu hin obsu
Aaru sin cubbisa
Abaaru saa cabsu
Xiqqoon si guddise
Haqan sirraa qaba
Waadaa jaalalaa
Hin dagatiin irbuu
Hin nyaatiin imaanaa
Sitti taatiis cubbuu.
🆗
Waan dhugaarraa fagaate miti.
Mee bakkasaa bu'aa ilaalaafii.
@Miira_Jaalalaa