Miira Jaalalaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Quotes


Heartfelt Messages
Tips for Lovers
Love Songs
Love Stories
Contact:

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Quotes
Statistics
Posts filter


🚩⭕"Karoora, mul'ataa fi abjuu keetiif gatii baasuu hin sodaatin! ... See More

▶️"Jaalallee kee ganamaa irraa amanamummaa hin dhabin,... wantoota 5n kana dhiironni adda baafatanii beekuun irra jiraatu,...➡️ See More

👇👇👇
   👉 See More 👈
   👉 See More 👈
         👆👆👆


🚨 Hariiroo Jaalala sirrii,..↪️ See More


⭕ "Of jaalachuun ofittummaa miti,.. See More

✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

            👇👇👇👇
     👉✨See More✨👈
     👉✨See More ✨👈
             👆👆👆👆


Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
           ⬇️
➡️ See More
      See More


DUBARA AKKA KANAA HIN TA'IN!

1. Telegramiin 'Hi!' siin jedhe!
2. Deebii utuu hin deebisiniif profile isaa ilaalte!
3. Uffanni isaas ta'ee, hojjaan isaa ni miidhaga.
4. Irra deebi'ee Hi! jedhe.
5. Amma garuu gammachuun deebifteefi.
6. Yaada waljijjiiruun jalqabame.
7. Qaaman walarguuf beellamni qabame.
8. Uffata gaarii uffattee, urgooftuu dibattee qophooftee dhaqxe!
9. Bakka bashannanaa gaariitti si fudhatee qajeele.
10. Yeroo gaarii dabarsuu jalqabdan!
11. Harka kee jaalalaan qaqqabe. Qoosadhaan si kofalchiise!
12. Ija kee ija jaalalaatiin ilaalee gammachuu si soora.
13. Wal beekumsa cimaa qabaachuun sitti dhaga'ame.
14. Kutaa akka qabattanif sitti hime, waliif galte!
15. Gammachuun akka sitti dhaga'amu godhe!
16. Jaalalaan hidhii kee dhungachuu jalqabe!
17. Sirrii akka hin taane yoo siif gale illee gammachuun sitti dhaga'ame.
18. Kabajaan gara sireetti si fudhate!
19. Mormuuf humna dhabde!
20. Wanti biraa haa hafu, karaa ittisaa fayyadamuuf yaada dhiheessite.
21. Xoofoo fedhiitiin waan guutamteef sitti dhaga'amuu hin dandeenye.
22. Ni Jaalatte, gammachuus argatte.
23. Qabbaneessituu keessaa bishaan qorraa siif fidee ofiisaatii si obaase.
24. Kabajni siif kennu baay'ee si booji'e.
25. Akka carra qabeettiiitti of lakkoofte.
26. Dhiira barbaaddu akka argatteetti sitti dhaga'ame.
27. Uffata kee uffatte!
28. Gara manaatti hammatee si gaggeesse!
29. Boqoo kee dhungatee yeroo gaarii akka dabarsitan sitti hime.
30. Adeemsaaf maallaqa harka keessa si kaa'e.
31. Fuula ifaadhaan boru walhaa arginu bareedaakoo jetteen!
32. Inni garuu deebii siif hin kennine!
33. Gammachuun akkuma fuulli kee ifetti deemtee mana geesse.
34. Gammachuun akkuma mana geesseen #message ergiteefi.
35. Online ta'us deebii siif hin deebifne.
36. Bitaa sitti galee irra deebiin barreessiteefi!
37. Ammas deebiin hin jiru.
38. Daqiiqaa booda yoo ilaaltu Telegram irratti #block taatee jirta.
39. Block akka taate sitti beekame!
40. Guyyaa, torban, jiini darbe!
41. Miidhamni sitti dhaga'amuu jalqabe. Dadhabbiin, hir'inni ulfaatinaa...
42. Gara hospitaalaa deemuun qorannoo taasifte.
43. Turtii booda ogeettiin fayyaa bu'aa qorannoo qabattee dhufte.
44. HIV +ve fi ulfa akka taate sitti himte!
45. Akkamitti???
46. Dhugaa waliin morkatte!
47. Dhiphinni sirratti moo'e! Sodaan si liqimse!
48. Fedhiin abdii dhabummaa sitti dhaga'ame!
49. Duuti akka sitti dhihaate sitti dhaga'ame.
50. Haalonni duubatti deebi'amee utuu sirreeffamee hawwite!
51. Garuu maal gatii qabaree, barfateera!
52. Gara Waaqaatti iyyitee kadhata goote.
▶️Dubara akkanaa hin ta'in!
▶️Fedhiin hin gaggeeffamin!
▶️Qabeenyaan nama hin madaalin!
▶️Mucaan kee isheen dubaraa wanta utuu siif taatee si gammachiisuu fi ilmoo keetif wanta hawwitu atis akkas ta'i!
Waaqni hunduma keenyaaf obsa haa kennu!

Nama jaallattuuf Share godhi!


@Miira_jaalalaa ❤️


JAALALA FAGEENYARRAA!

Jaalala fageenyarraa warri jalqabdanii wal jaallattaniis jirtan. Wantoota gurguddaa armaan gadii yoo raawwattan 90% kan ta'u jaalalli keessan itti fufuu danda'a. Na amani wantoota ani si gorsu kana yoo haalan itti fayyadamteef, gaa'ela kee haala bareedaa ta'een ijaarrachuu dandeessa. Isaanis:

❶. Block wal gochuu dhiisuu: Hubadhu! Fageenyarra jirta, karaa ati ittiin wal arguuf carraa bal'aa qabduu fi jaalala kee ijaarattu, Bilbila kee qofa. Sanumaayyuu walitti aartemoo #block wal goota taanan baay'ee wal hubachuu dhiisuutu dhufa. Kunimmoo salphaatti akka walirraa fagaachaa deemaniif carraa bana. Yoo Danda'ame rakkoo keessa keessan jiru wal dhaggeeffachaa, fala barbaadaa malee tasuma #block wal gochuu irraa fagaadhaa. Kun jaalala keessaniif baay'ee utubaadha.

❷. Rakkoo keessan iccitiin of gidduutti qabadhaa. Akka ofiikoo jettee inni ati hiriyaa keetti himattu sun, boolla ofitti qotaa jiraachuu kee ibsa. Cimsee waanan isin gorsu rakkoo isin lamaan gidduutti uumamus ta'ee wanta jaalallee kee waliin haasoftu kam namatti himuu irraa of eegi! Anatu siin jedhe of eegi! Yoo danda'ame wantoota isin gidduutti ta'uuf qaama 3ffaa hin barbaadinaa! Caalaatti shammarran as irratti dadhabina baay'ee guddaa qabdu. Irraa of eegaa!

❸. Utuu wal hin hubachiisin hin badinaa
online irraa yeroo baddan, sababa maaliif akka badde dursii jaalallee keetti himi! Kanaan ala jaalala kee dhiphisuu ta'a. "Sababa kana kanaaf har'a online hin seenu" jedhii dursa itti himi! Jaalallee kees maaliif na jalaa badde/de jedhee dhiphachuu irraa bilisa ta'a/taati.

❹. Yeroo haasoftan maal gochuu akka qabdan mari'adhaa: Yeroo kamuu waa'ee jireenya keessan fuulduraa dubachuu filadhaa. Waan har'a darbuun qilleensa wal hin godhinaa. Wal gammachisuufis jecha qoosaa hin baayisinaa! Callisanii kolfuu, iyyuu fi maraachuu qofti atubaa jaalalaa ni jabeessa hin jedhinaa! Waan hundumaa ogummaan dubbachuu yaalaa. Wal hubadhaa. Yeroo waliif kennaa dubbadhaa!

❺. Video call waliin haasa'uu yookiin photo ofii waliif erguu: Karaa namatti toluuf ija jabummaa isiniif kennuun carraa isin fageenyarra teessanii waliin dubbattan #videocall haa ta'u. Kunis akkuma dubbadhe dhimma keessan ija jabinaa fi amantaa guutuun akka dubbattan isin godha. Yeroo haasoftanis akka nama amanamaa tokkootti maal akka haasoftan beekaa! Ogummaa isa Waaqayyo isin irraa barbaaduun dhimma keessan bu'uureffadhaa. Photo keessan kan waliif ergitanis ogummaan haa ta'u.

❻. Suura walii keessanii profile hin godhinaa! Isa kana sirriitti dubbisi hubadhu! Inni kun dadhabina namoota baay'ee gaa'ela isaanii diigeedha. 100% godhee waanan isinitti himu social media (Facebook, telegram, tiktok,...) irratti suuraa fi video jaalallee kee hin maxxansin. Anatu siin jedhe sababa baay'ee narraa hin eegin! Garuu hin maxxansin! Inni kun yeroo hundumaa jaalallewwan lamaan gidduutti dubbii kaasa. "Suura jaalallee koo maxxansee immoo maaltu gad dhufa?" jettee jennaan itti fufi! Guyyaa tokko garuu waanan amma sitti himu kana yaadattee akka gaabbitu hin dagatin! Ati jaalallee kee akka si amanuuf si jaallatuuf gochuu malta. Garuu jalallee kee Account kan biraa irratti yoo profile si godhate/tte account kan biraan immoo nama kan biraa waliin waliin dubbata/tti ta'a. Namni tokko tokko account 4 ol qabaachu mala😁 Kanaafuu media irratti wal maxxansuun amanamummaaf sababa hin ta'u!

❼. Yeroo dhaabbataa waliin haasoftan qabaadhaa! Yeroo siif mijate qofatti jaalallee keef dawwaluu hin yaadin! Yeroo lamaan keessan free taatan waliif galaa waliin bilbilaa!

❽. Maatii walii keessanii wal barsiisaa: Jaalalli keessan sadarkaa barbaachisurra gaafa gahu, maatii kee hundumaa jaalallee kee waliin wal barsiisuu yaali! Kunis maatii irraa gorsa barbaachisaa fi ofitti amanamummaa jaalalaaf akka qabattu si godha.

Hariiroo Jaalalaa ❤️
@Miira_jaalalaa


😒 Ilaalchi badaan diina guddaa walqunnamtii saalaa gaariiti!

✅ Yeroo walqunnamtii saalaa waa'ee badaa hammuma yaaddu rakkoo baay'ee uuma.

☺️ Qaamni ka'uu dhabuun, yeroo malee sanyii kormaa dhangalaasuun, itti gammaduu dhabuu shamarranii fi rakkoolee biroo hedduu uuma.

Maal gochuu qabna?

Yeroo walqunnamtii saalaa maal akka yaaddan hordofaa. Rakkoo sanaaf akkamitti akka furamu yaadaa!

Dhiphina hir'isuu. Shaakala ofii xiinxaluu fi hafuura baafachuun gargaaruu danda’a.

Hafuura baafachuu kee suuta jedhi! Miira qaama kee irra jiruu fi tuttuqaa kee yaadi, gammachuu yeroo walqunnamtii saalaa argattu yaadi.🔥

😱 Akkuma shaakalli agarsiisutti gorsi akkanaa maamiltoota hedduu gargaareera. Itti yaadaa, itti fayyadamaa!

@miira_jaalalaa 🌹


❤️ Jaalala
-------------------------------------
"Nama tokko kan dhuunfaakee gochuuf hawwuun jaalala sobaati, Jaalala akkasiirra Jibba wayya. Jibba keessa Sobni hinjiru, kana malees guyyaa tokko Jibbi Jaalalatti jijjiiramuu mala. Dhala namaa kan dhuunfaa ofii godhachuuf yaaluun immoo Jaalalatti gonkumaa hin jijjiiramu.

Jaalala jechuun nama jaalatte keessatti of ajjeesuudha. Jaalala jechuun du'uudha. Hanga siif danda'ameen du'a hamaa keessa seenta. Kan ati duutus lubbuu nama jaallattuu keessatti. Yeroo yeroon iddoo lubbuu ishee qabatta.' Jaalala jechuun Adeemsa gara lubbuu nama jaalattu keessatti du'uu barabaraan imaltuuti. Imalichis xumura hin qabu." 🟢


💞 Jaalalli dhiira fi dubartii bareeddu jiddu miti. Jaalalli Onnee bareeddu lama gidduudha.

@miira_jaalalaa


Akka beektonni xinsammuu jedhanitti, qaamota shamarranii keessaa sadarkaa sadarkaadhaan 1ffaa haga 10ffaatti kan nama harkisan!

10FFAA: KOOMEE MIILAA. Kun jaalaala yokaan dhiira harkisuu keessatti gahee guddaa waan hin taphanne fakkaata garuu miti sirriitti gahee qaba.

9FFAA: DUGDA. Dhiironni hedduun osoo ofirratti hin beekiin dugda gadi dhooqaa yokaan (curved) baay’ee jaallatu.

8FFAA: MUDHII. Kana yeroo hedduu sirboonni aadaa keenyaa yoo durbaaf weellisan qalloo mudhii soonsaa… kan mudhiin qabaa hin guunne… fi kkn jedhu ni beekna.

7FFAA: RIFEENSA. Dhiironni riifensa dheeraa jaallatan akkuma jiran kuun ammoo gabaabaa mammaramaa jaallatu. Garuu inni guddaan rifeensaaf bakka guddaa qabu.

6FFAA: TAFA (HIP) kun kara cinaan kan mullatu malee isa dudduubaan argamu san miti. Yoo bal’aa fi curved ta’e dhiironni ni filatu jedha researchiin adda addaa.

5FFAA: SEEQUU ISHII (SMILES). Kuun namoonni hedduu kan beekanii fi kan irratti walii galan kan hedduu nama harkisuudha.

4FFAA: HIDHII (LIPS) Kun yoo guutuu ta’ee fi hammaan giddu galeessa ta’e jallatamaa ta’a. Garuu qalama baay’ee ciccimaa fi fagotti mul’atu yoo itti diban mul’isuuf malee harkisuuf ga’ee hin qabu.

3FFAA: GUNTUTA (BREAST). Harmi yoo dhaabatu guddatee yoo bareeduu… wellistootni keenya illee akkam akka nama harkisu ni beeku. Ishii guntutni gaafa jibichaa fakkaatu qabdu jedhu..

2FFAA: TEESSUMA (BUTTOCK). Kun homaa gaaffii hin qabu. Dhiirri akka dubara dudduuba ishii sagal dhoksee ilaalu ni beekna.

1FFAA: IJA (EYE). Inni kun eeboo yokaan xiyyadha. Ni waraana, ni ajjeesa, ni injifata. Maarree gooftaa dhiiraati jechuun ni danda’ama.

@Miira_jaalalaa
@Hariiroo_jaalalaa


HARIIROON JAALALA DHUGAA
➿➿➿➿➿➿➿
✦ Waldhabdee qaba.
✦ Imaanaa qaba. 
✦ Wal amantaa qaba. 
✦ Imimmaan qaba.
✦ Miidhama qaba. 
✦ Haasaa mi'aawaa qaba.
✦ Kolfa dhugaa qaba. 
✦ Seequu bareedaa qaba.
✦ Falmii badaa, kan bu'aa hin qabneef hin barbaachifne qaba.
✦ Wal loluu/walitti bu'iinsa qaba
✦ Walitti araarama qaba.
✦ Obsa qaba.
✦ Waliin dubbii/marii qaba.
✦ Hinaaffaa qaba.

👉 Hunda caalaa garuu JAALALA❤️ qaba.

Hariiroo Jaalalaa | Miira Jaalalaa


JECHA DUBARTOOTAA

1. Kan jaalanne utuu hin taane kan nu
jaalatetti yoo heerumne gaariidha.
2. Qarshiin jaalala hin bitu, jaalala bareecha malee.
3. Kan jaalallee keetiif gootu, jaalala keetiif akka goote beeki!
4. Durbummaan silayyuu dhadhaadha kan si biraa hin hafne maqaadha (iccitiidha)
5. Kan qabaan sitti dhufe qabaan sittii hin baasu.
6. Dhiirti abshaalli ni bareedda hin jedhu, natti bareedda jedha malee (iccitiidha)
7. Kan jaalala hin beekne, sin jaaladhe jettuunuu hin galuuf.
8. Dur jaalalti jaamaadha jedhu, kan ammaa garuu ija qaba (iccitiidha)
9. Kan jaalala jabeessu oolmaadha, kan jaalala diigu oduudha.
10. Dhiirti qarshii qabdu bifan qabu, kan bifa qabu qarshii hin qabu.

@miira_jaalalaa
Hariiroo jaalalaa


Yeroo Walqunnamtii Saalaa Wantoota Dubartiin Jibbitu

①. Yeruma xiqqoof qaama ho'isuu (short foreplay) : Yeruma tokkoon qaqqabachuun, dhungachuu fiiganiituma raawwachuu dubartiin kamuu hin jaalattu. Fedhiin dhiiraa dafee dhufaa dafee qorras, dubartiin garuu fedhiin ishii dafee hin dhufusii ho'inaan immoo daftee hin dhabamtu. Kanaaf qaama ho'isuun yeroo dheeraf raawwachuu qabda.

②. Yaada hin taane laachuu : Maali intaloo maal fakkaattaa, qaamni kee maal fakkaataa, dabbasaan kee oogana natti jejjedhaa, dafqa dafqa jetta bishaan biyyarra hin jiru moo fi wantoota kana fakkaatan jechuun akka ofitti qaanoftu gochuu hin qabdu. Yeroo walqunnamtii saalaa wantoota gaggaarii qofa dhaga'uu waan barbaadduuf waanuma gurraaf tolu qofa itti hasaasi.

③. Kan of jaalatu : Dhiirri fedhii isaa qofaaf dhimmamu heedduu dubartii biratti jibbama. Kan isaa fixatee achi gargalee xaxatee kan ciisu dhiiraa miti. Intaluma amma si gammachiifte tana akkamitti irraa gargalata? Ammuma fedh e yoo fedhiin kee dafee kan dhufu yoo ta'eyyuu ishii fedhii baasuuf dhamaatiin ati taasiftu ishii biratti gatii qaba.

④. Fedhii ishii kan hin eegne : Callisteetuma dhungachuu, tuttuquu, itti bubbu'uun hin barbaachisu. Yeroo dhungattu deebii ishii fuularraa dubbisaa ta'uu qaba. Itti hin tolle taanan jijjiiruu yookin dhiisudha. Eessa akka tuqxu, eessa akka dhungattu, akkamitti ta'uu akka qabu fedhii ishii jiddu galeeffachuu qabda.

⑤. Irratti shaakaluu : Yeroo fiilmii garaa garaa ilaaltu dubartoonni yeroo mangaagaa banan ni agarta. Mana keetti yeroo galte garuu jaalallee/niitiin kee hin iyyitu. Si'i garuu iyyisiisuun hawwii keeti. Dubartiin Oromoo yeroo walqunnamtii saalaa kan iyyitu yoo dhukkube qofa. Kanan ala sagalee xiqqoo ni dhageessifti (ni aaddi). Gooftaa koo fiilmii sobaa jaalallee/Haadha ijoollee keetii irratti practice ba'uu hin hawwin.
.
⑥. Amma amma gaafachuu : Ofii kee erga fedhii baatee raawwii dhaabdeen booda ati hoo fixxee jettee akka hin gaafanne. Erga dhaabdeen booda maal akka siin jettu barbaadda? Yeruma eegaltu fedhii ishii wal faana oofi. Darbii darbii jidduu eessa akka geesse gaafadhu. Yoo dhufaa jira siin jette itti muddi. Yoo xiqqoo ni hafa siin jette kallattii fi ariitii raawwii keetii jijjiiri. Amma amma gaafachuu irra sochii qaamaa ishiin taasiftuu fi jiiijrama fuula ishiirraa dubbisuun gaaridha.

@Miira_jaalalaa
Hariiroo jaalalaa 🌹


✅ "Yeroo baay'ee dhalli namaa  rakkina mo'atee jireenya qananii jiraachuu kan isa dhorku Sababiilee gadi fageenyaan beekamoo hin taane 7tu jiru... ➡️ See More

↪️ See More
See More
.


😀Yaadota Ciminaa fi haalota gaarii ta'aniin guutamuuf haalduree barbaachisoo kanneen beektuu laata?...➡️ See More

🎲 See More
See More


📢 Yaadota si onnachiisan, yaadota soorata Sammuu keetiif si'aatina kennan,...▶️ See More


😀Jaalalaaf dursa kennuuf qophii ta'i! Jaalalli qulqulluun Kan haalota irratti hin hundoofne yoo ta'e galmi isaa miidhagaadha. Obboloota kanneen irraa barachuuf as tuqaa,... See More

👆👇👇👆👇👇💘

See More
See More


💔⚡️Yeroo kana dhaloota miidhaa kan jiru qofummaadha. Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. ➡️See More👆👇👆👆💘🥹🥰

➡️ See More
 .    See More


Forward from: SPEAK ENGLISH
❤️ ✍️ "Miira jaalalaa namatti dhaga'amu parsantiin 70% maal akka ta'e beektuu?...." ➡️ As tuquun dubbisaa.

🔜 See More
See More


DUBARTII FI WANTOOTA AFUR 4

👩‍🦰 Wanti afur dubartii qofarraa bareeda!
👉Dhiiratti heerumuu
👉Ulfaa'uu
👉Da'uu
👉Hoosisuu!

👩‍🦰 Wanti afur dubartii gowwoomsa!
👉Sobni dhugaa fakkaatu
👉Dhugaan soba fakkaatu
👉Dhiirri kolfee taphatu
👉Qarshiin boru dhumattu!

👩‍🦰 Wanti afur dubartiirraa hin bareedu!
👉Dubara akka ofiitti heerumuun
👉Rifeensa murachuun
👉Qaama ofii gurgurachuun
👉Dhirsa ofii tuffachuun!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur dagachuu hin qabdu!
👉Uumaa ofii kadhachuu
👉Jaarsa ofii gorfachuu
👉Mana ofii bareeffachuu
👉Qaama ofii dhiqachuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur dhiira caalaa dandeessi!
👉Jaalala mi'eessu
👉Jireenya bareechuu
👉Aarii qabbaneessuu
👉Soba dhugaa fakkeessuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afuriin dhiira caalti!
👉Amalaan
👉Malaan
👉Garraamummaan
👉Sodaan!

👩‍🦰 Dubartiin waan afuriin jiraatti!
👉Amantiin
👉Obsaan
👉Abdiin
👉Jaalalaan!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur hawwiti!
👉Gaa'ela godhachuu
👉Qabeenya horachuu
👉Ijoollee horachuu
👉Gammachuun jiraachuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur namaaf taati!
👉Haadha
👉Obboleettii
👉Haadha manaa
👉Gargaartuu mana keessaa!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur himachuu saalfatti!
👉Jaalalli yoo qabe
👉Laguun yoo itti dhufu
👉Gaaffii jaalalaaf tole jedhuu
👉Fedhii saalqunnamtii!

👩‍🦰 Dubartiin dhiira akkamii jaalatti?
👉Kan isheef amanamu
👉Kan amala gaarii qabu
👉Kan jaalala isheef qabu
👉Kan kaayyoo qabu!

👩‍🦰 Dubartiin dhiira akkamii jibbiti?
👉Kan sobu
👉Kan machaa'u
👉Kan irratti jaalatu
👉Dhiira sodaattuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur ifa baastee dubbatti!
👉Dhugaan yoo jal'ate
👉Waa'ee nama rakkatee
👉Waan hawwite yoo argatte
👉Dhibeen yoo qabamte!

👩‍🦰 Dubartiin, waan afuriif jiraatti!
👉Abbaa manaa isheef
👉Ijoollee isheef
👉Kaayyoo isheef
👉Uumaa isheef!

Kanaaf Dubartii Kabaji !

@Miira_Jaalalaa

Yaadaaf: @Gaaelabot


Biyya Biritaaniyaa keessatti Dubartii tokkotu iddoo itti taaksii eeggatan dhaabbattee qullaa ishee taaksii eeggatti.

Dubartiin kun qullaa ishee kan deemtuuf rakkattee osoo hin taane, ammayyuummaadha jettee waan yaadduuf ture. Turtii daqiiqaa muurasaan booda taaksiin dhufee jennan itti ol seente!

Akka carraa ta'ee konkolaachisaan taaksiichaa nama lammii #chaayinaa ture. Dubartii kana Xiyyeeffannoo dhaan miilla isheetii hanga rifeensa isheetti sirriitti ilaale. Isheen garuu akka waan homtuu hin uumamneetti  gara isheen barbaaddetti akka deemuuf mallattoo kenniteef. Inni immoo ammas irra deebiidhaan akkuma duraatti sirriitti xiyyeeffanoodhaan ishee ilaale.

Yeroo kana dubartiin kun bifa aarii wayiin "Dubartii qullaa jirtu argitee hin beektu moo maal taate? Garan itti barbaadetti deemi!" ittiin jette.

Yeroo kana Konkolaachiisaan Kun akkas jedheen "Qullaa ta'uun kee illee inni #dhimma_keeti! garuu iddoo ati barbaaddu kana yoon si geesse maal naaf kaffalta? Qarshiin hoo harka kee keessa  hin jiru" jedheen!

Yeroo kana dubartiin kun taaksicha keessaa buutee deemte! Jireenya kee keessatti akkuma konkolaachiisaa warra Chaayinaa kanaa wanta si fayyadu irratti xiyyeeffadhu, wanti ati argaa ooltu hundi waan si hin fayyadneef.

        🌅 🤝🏾
🌐


"Haqan Sirraa Qaba"

Rafee abjuu kiyyaan
Ana faana bultee...
Bari'ee si dhabnaan
Onneen na rifatte!

Maaloo dafii kottu
Yaadaan nan hubini
Utuu ati naa jirtuu
Qorri nan hubini....

Akka nama dhoksaan
Meeshaa waraanaa kuusee
Poolisiin jaalala kee
Mana adabaa na buuse

Ati naaf kennaa kooti
Hiree kiyya ganamaa
Balballi onnee kootii
Gaaddidduu keen banama

Ati naaf burtukaana
Foolii koo situ urgeessa
Filannoo biraa hin qabu
Jaalalakoo situ murteessa

Kanaaf calaqqistuu koo
Akka calleefi warqii
Si dhabnaan nan raata'a
Miilla natti ta'a harkii

Sin eega sin kunuunsa
Akka bililleef hanqaaquu
Ergan takkaa carroomee
Deebi'ee sin dhabuu....

Hadhaaf miwaa jiruu
Waliin dhandhamanna
Rakkoof dhiphuu hedduu
Wajjin dabarfanna

Kanaaf garaan koo
Si dhabuu hin obsu
Aaru sin cubbisa
Abaaru saa cabsu

Xiqqoon si guddise
Haqan sirraa qaba
Waadaa jaalalaa
Hin dagatiin irbuu
Hin nyaatiin imaanaa
Sitti taatiis cubbuu.
🆗
Waan dhugaarraa fagaate miti.
Mee bakkasaa bu'aa ilaalaafii.

@Miira_Jaalalaa


🥰

➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌

1️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

     🚘 'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>JOIN
    JOIN

2️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡

    🚩 MORE JOIN  🚩
   🚩 MORE JOIN 🚩


3️⃣💡💡💡💡💡💡💡
    🍰MORE JOIN  🕯
   🍰 MORE JOIN 🕯


𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa

20 last posts shown.