JAALALA FAGEENYARRAA!
Jaalala fageenyarraa warri jalqabdanii wal jaallattaniis jirtan. Wantoota gurguddaa armaan gadii yoo raawwattan 90% kan ta'u jaalalli keessan itti fufuu danda'a. Na amani wantoota ani si gorsu kana yoo haalan itti fayyadamteef, gaa'ela kee haala bareedaa ta'een ijaarrachuu dandeessa. Isaanis:
❶. Block wal gochuu dhiisuu: Hubadhu! Fageenyarra jirta, karaa ati ittiin wal arguuf carraa bal'aa qabduu fi jaalala kee ijaarattu, Bilbila kee qofa. Sanumaayyuu walitti aartemoo #block wal goota taanan baay'ee wal hubachuu dhiisuutu dhufa. Kunimmoo salphaatti akka walirraa fagaachaa deemaniif carraa bana. Yoo Danda'ame rakkoo keessa keessan jiru wal dhaggeeffachaa, fala barbaadaa malee tasuma #block wal gochuu irraa fagaadhaa. Kun jaalala keessaniif baay'ee utubaadha.
❷. Rakkoo keessan iccitiin of gidduutti qabadhaa. Akka ofiikoo jettee inni ati hiriyaa keetti himattu sun, boolla ofitti qotaa jiraachuu kee ibsa. Cimsee waanan isin gorsu rakkoo isin lamaan gidduutti uumamus ta'ee wanta jaalallee kee waliin haasoftu kam namatti himuu irraa of eegi! Anatu siin jedhe of eegi! Yoo danda'ame wantoota isin gidduutti ta'uuf qaama 3ffaa hin barbaadinaa! Caalaatti shammarran as irratti dadhabina baay'ee guddaa qabdu. Irraa of eegaa!
❸. Utuu wal hin hubachiisin hin badinaa
online irraa yeroo baddan, sababa maaliif akka badde dursii jaalallee keetti himi! Kanaan ala jaalala kee dhiphisuu ta'a. "Sababa kana kanaaf har'a online hin seenu" jedhii dursa itti himi! Jaalallee kees maaliif na jalaa badde/de jedhee dhiphachuu irraa bilisa ta'a/taati.
❹. Yeroo haasoftan maal gochuu akka qabdan mari'adhaa: Yeroo kamuu waa'ee jireenya keessan fuulduraa dubachuu filadhaa. Waan har'a darbuun qilleensa wal hin godhinaa. Wal gammachisuufis jecha qoosaa hin baayisinaa! Callisanii kolfuu, iyyuu fi maraachuu qofti atubaa jaalalaa ni jabeessa hin jedhinaa! Waan hundumaa ogummaan dubbachuu yaalaa. Wal hubadhaa. Yeroo waliif kennaa dubbadhaa!
❺. Video call waliin haasa'uu yookiin photo ofii waliif erguu: Karaa namatti toluuf ija jabummaa isiniif kennuun carraa isin fageenyarra teessanii waliin dubbattan #videocall haa ta'u. Kunis akkuma dubbadhe dhimma keessan ija jabinaa fi amantaa guutuun akka dubbattan isin godha. Yeroo haasoftanis akka nama amanamaa tokkootti maal akka haasoftan beekaa! Ogummaa isa Waaqayyo isin irraa barbaaduun dhimma keessan bu'uureffadhaa. Photo keessan kan waliif ergitanis ogummaan haa ta'u.
❻. Suura walii keessanii profile hin godhinaa! Isa kana sirriitti dubbisi hubadhu! Inni kun dadhabina namoota baay'ee gaa'ela isaanii diigeedha. 100% godhee waanan isinitti himu social media (Facebook, telegram, tiktok,...) irratti suuraa fi video jaalallee kee hin maxxansin. Anatu siin jedhe sababa baay'ee narraa hin eegin! Garuu hin maxxansin! Inni kun yeroo hundumaa jaalallewwan lamaan gidduutti dubbii kaasa. "Suura jaalallee koo maxxansee immoo maaltu gad dhufa?" jettee jennaan itti fufi! Guyyaa tokko garuu waanan amma sitti himu kana yaadattee akka gaabbitu hin dagatin! Ati jaalallee kee akka si amanuuf si jaallatuuf gochuu malta. Garuu jalallee kee Account kan biraa irratti yoo profile si godhate/tte account kan biraan immoo nama kan biraa waliin waliin dubbata/tti ta'a. Namni tokko tokko account 4 ol qabaachu mala😁 Kanaafuu media irratti wal maxxansuun amanamummaaf sababa hin ta'u!
❼. Yeroo dhaabbataa waliin haasoftan qabaadhaa! Yeroo siif mijate qofatti jaalallee keef dawwaluu hin yaadin! Yeroo lamaan keessan free taatan waliif galaa waliin bilbilaa!
❽. Maatii walii keessanii wal barsiisaa: Jaalalli keessan sadarkaa barbaachisurra gaafa gahu, maatii kee hundumaa jaalallee kee waliin wal barsiisuu yaali! Kunis maatii irraa gorsa barbaachisaa fi ofitti amanamummaa jaalalaaf akka qabattu si godha.
Hariiroo Jaalalaa ❤️
@Miira_jaalalaa