Roobii, Mukarratti fannifame__Yoh 19:14, 31; Mar 15:42; Luq 23:17, 54
“Kunis guyyaa qophee Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudootaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe.”— Yoh. 19:14
“Borumtaas Sanbata waan ta'eef namoonni guyyaa sanatti in qophaa'u turan; yeroon isaa immoo gara galgalaa ture.”— Mar. 15:42
“Guyyaa sanattis Sanbanni itti lixuuf waan tureef, namoonni in qophaa'u turan.”— Luq. 23:54
#Kamisa, Guyyaa ayyaana maxinoo__Lew 23:4-8
Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba. Ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan immoo guyyaa ayyaana Maxinoo isa kan Waaqayyoo ti; yommus guyyaa torba maxinoo nyaadhaa!__Lew 23:5-6
#Jimaata, Dubartoonni Urgooftuu Qopheessan__Mar 16:1
“Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan.”— Mar. 16:1
#Sanbata-duraa, Akka seerichaatti boqotan__Luq 23:56
“Achumaa deebi'anii immoo waan ittiin reeffa isaa sukkuuman urgooftuudhaafi dibata qopheessan; guyyaa Sanbataatti garuu akka seerri ajajutti in boqotan.”— Luq. 23:56
#Dilbata, Yesuus du’a ka’e__Mat 28:1; Mar 16:1; Luq 24:1; Yoh 20:1
✍️ Egaan, Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba.”— Lew. 23:5. Guyyaan 14ffaa Yihudootaa, Niisaan 14ffaa jedhama. Niisaan 14ffaan guyyaa Faasiikaati. Kana jechuun Yesuus Roobii galgala qabamee, nuuf jedhee gidirfamaa bule jechuudha. Kunis Niisaan 14, halkan isa Roobiitti bari'uufi guyyaa sa'aatii 12 guutuu of keessatti qabata. Kanaafuu, Niisaan 14ffaa keessaa galgala isa Roobiitti bari'uu Yesuus niqabame jechuudha. Roobii ganama sa'aatii 3ffaa irrattimmoo nifannifame. Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture— Mar. 15:25.
👉 Yesuus sa'aatii 3 hanga sa'aatii 6tti erga fannoorra turee booda, sa'aatii 9tti waan du'eef, guyyaama kana awwaalamee Sanbata-duraa halkan ykn galgala dilbatatti bari'u du’aa ka’e jechuudha. Akka ibsa Kaalchar (Coulturie) dubbiin “… guyyaa sadiifi halkan sadii garaa lafaa keessa in bula” jedhu, salphaatti kan irra darbamu utuu hintaane, raajii fakkeenyummaa dhugaa qabuufi bifuma kanaan kan raawwatameedha. Fakkeenyi ergichaa Yoonaas 2:1 irraa kan fudhatamee dha.