Ati kiristiyaana nama kiristoosiin buledha mitii?
Maaliif wanti hundumtuu natti hirdhate jettee jireenyakee guutuu Waaqa irratti gumgumaa jiraatta???
Yeroo miila dhiqattu warra miila dhaban maaliif yaadachuu dadhabde?
Yeroo buddeena harkakeetiin hiixattee kutattu maaliif warra harka dhaban yaadachuu dadhabde?
Yeroo guyyaa guutuu lafa garaakeetti burraaqaa ooltee manatti galtu warra sababa dhukkubaan waggaa dheeraadhaaf sireetti galanii hargansuu du'aa harganan maaliif yaadachuu dadhabde?
Waaqayyootiin galateeffachuu dhaaf sadarkaan ati amma irra jirtu kun gahaadha tureem haadhooko!
Darbeemmoo wanna xiqqaa amma irra jirtu irratti Waaqayyoodhaaf yoo amanamuu dhaa baatte akkamitti sadarkaa isa guddaatti ol muudamuu dandeessa??
Mee takkaa qulqullicha Daawiitiin sammuukee keessatti yaadadhu!
Daawiit daa'imummaa isaatti bosona keessaa hoolota tiksaa guddate.
Akka anaaf ati yaadnutti hojiiwwan jiran keessaa inni gadi aanaan tiksituu horii ta'uu dha.
Daawiit hiriyyootni isaa qee'ee keessaa burraaqaa oolu.
Obbolaan isaas muudama argatanii barcuma gaariirra taa'uudhaaf hiriira irratti wal caccabsaa jiru.
Daawit garuu guyyaa guutuu bosona keessaa hoolota tiksaa oola.
Gaafuma tokkollee guddina gara biraa hawwee maaliifan tikee ta'e jedhee Waaqa irratti gumgumee hin beekuu.
Yeroo hundumaa harka isaarra baganaatu jira.
Afaan isaarraas yeedalloo galataatu dhaga'ama.
Bakka xiqqoo Waaqayyo nama kaa'e sanatti Waaqayyoo dhaaf amanamanii jiraachuu jechuun kunooti akkasi.
Ati garuu bakka amma Waaqayyo si kaa'ee jiru kanatti Waaqayyoo dhaaf amanamuu dadhabde.
Baganaa kaleessa si harka ture qinaaxxiitti ol fannisteetta.
Arrabnikee inni kaleessa galata baree ture sunis amma takaalamee hinuma gumgumta malee wanni ati jettu hin dhaga'amu.
Soba dha naan jetta taanaan;
Meerreree harkakeerra baganaan???
Meerre arrabakeerraa sagaleen yeedalloo???
Mee Qulqullicha Daawiitiinimmoo ilaali!
Inni "hojiinkoo tikee dha,
oolmaan koos bosona keessa dha" otoo hin jedhiin baganaasaa harkatti qabatee galatakee, galatakee, galatakee gaafa jedhee faarfatu nama dhaabatee isa dhaggeeffatuuf sammuu namaa haaressa.
Daawiit lafti hojii isaa caakkaa keessa haata'uyyuu malee faarfannaan isaa garuu dhukkubsattoota masaraa mootii keessa jiraniif qoricha fayyisu dha ture.
Atis "tikee na godhani,
Kunoo umuriikoo guutuu caakkaa keessan oola maaliyyoo dha" jettee gumgummuukee kana dhiistee wannuma xiqqoi amma irra jirtu kanatti Waaqayyoo dhaaf amanamtee otoo faaruu dhaan isa galateeffatta ta'ee faarfannaan kee mataakeef haaturutii ormaafuu qoricha nama fayyisu dha dha ture.
Maal godharee egaa!
Sammuu Daawiitiif laate yoo namaaf laate malee wantichi namaaf hin galu.
Qulqullichi Daawiit iddoon Waaqayyo nakaa'e kun ga'aa dha jedhee amanamummaa dhaan bosona keessatti hoolota yeroo tiksuu sana obbolaan isaa muudama argachuu dhaaf hiriira irratti wal caccabsaa turan.
Daawiit garuu hiriiricharra hin jiru.
Abbaan isaas haati isaas obbolaan isaas lafa jiru sanatti isa irraanfataniiru.
Waaqayyo garuu amanamummaasaa sana argee otoo obbolaan isaa muudamaaf jedhanii hiriira irratti wal caccabsaa jiranii isa hiriiricharra hin turre sana Daawiitiin caakkaa keessaa waamee; dhadhaa ejersaatiin mataa isaa jiisee; guutummaa israa'eel irratti mootii godhee isa muude.
1Samu.16፥
Argitee haadhooko hojii Waaqayyoo???
Giddii hinqabaatiin Koottu amma na dhaggeeffadhu!
Tikees ta'i, caakkaa keessas ta'i bakkuma jirtu sanatti akka Daawiit baganaakee qabadhuutii galetakee, galatakee jechaa yeroo Waaqayyoo eeggadhu malee kanan dhabe, kanan dhabe jettee Waaqa irratti hin gumgumiin!
Gaafa kana goote abbaan kees, haati kees, obbolaan kees, hiriyyootni kee hundumtuu otoo quba hin qabaatiin
hangafootni kee;
Eeliyaab faa,
Aminaadaab faa,
Saamaan faa otoo muudamaaf toora galanii dhaabatanii jiranii bira dabartee taayitaa guddaatti ol ni baata.
Maalumaafuu sadarkaa amma irra jirtutti Akka Daawiit Waaqayyootiin galateeffadhu malee hin gumgumiiniin ergaakooti.
Guutaa Charuu
@Tawaahidoo