#Maaliif_Soomna❓
➛Kiristaanni tokko dhuunfaanis ta'e labsiidhaan akkka soomuu qabu manni kiristaanaa ni ajajji. Garuu mee maaliif soomuun barbaachise? Beela'uu fi dadhabuu keenyatti Waaqayyo gammadaa? Waaqayyoon tajaajiluuf guyyaa guyyaatti nyaata nu gaha jenne argachuu akka qabnu beekamaadha. Erga akkas ta'ee icciitiin soomuu keenyaa maalidha?
➛Galanni bara baraan hin dabarre isaaf haa ta'uutii Qorichi keenyi Iyyesuus Kiristoos namoota soomuu isaaniitiin of jajan /of tuulan/ baay'ee isaan ceepha'eera. (Mat 6:16). Kunimmoo Soomni kan ittiin of tuulan miti jechuusaati.
➛Kanaaf Waaqayyo akka soomnu kan barbaaduuf sababoota gurguddoo #lamaafidha
👉#Inni jalqabaa mataa keenya wantoota addunyaa irraa (inni ijoon nyaata) irraa fageessinee gara wantoota afuurawaa ta'anitti akka dhiyeessinuuf waan barbaaduufidha. Yeroo hundaa yammuu nyaannu foon keenyi gammachuu argata. Kunimmoo ofiisaatiin cubbuu ta'ee miti (Nyaata kan nuuf uumes isuma). Garuu maddi gammachuu ishee dhugaa hojii afuurawaa ta'uu isaa akka beeknu Waaqayyo ni barbaada. Walumaa galatti gammachuu nyaata irraa argannu nu dhorkuuf osoo hin taane cubbuu sababa gammachuu kanaan dhufu irraa nu eeguuf fi gammachuu yeroo nyaataan argamu irra gammachuu dhugaa fi gonka ta'e nuuf kennuu waan barbaaduufidha.
👉#Inni lammaffaan immoo namoota yeroo hundumaa sababa dhabuu isaaniitiin beela'an wajjin tokkummaa akka qabaannuuf waan barbaaduufidha. Nuyi seera mana kiristaanaa hordofnee soomuu dandeenya. Garuu namoonni dhabuun/Hiyyummaan/ isaan dirqamsiisee yeroo hunda sooman jiru. Waaqayyo immoo warreen akkasiif jaalala dhugaa akka qabaannu ni barbaada. Nuyis hiikni beela'uu maal akka ta'e yammuu barru namoota akkasiif akka gaddinu, waan dandeenyuun isaan gargaaruuf dirqamna. Kunimmoo firii soomaa ishee ijoodha. "Soomni haadha Nama-jaallachuuti" kan jennuufis kanaafidha.
➛Kanaaf Soomni keenyi kan Waaqayyo barbaaduu fi nuuf fudhatu akka nuuf ta'uuf waqtii soomaatti baasii keenya qusachuu osoo hin taane hiyyeessota yaadachuun barbaachisaadha.
✍Akka Q.Yohaannis Afaan Warqee barsiisetti
🙏Waaqayyo sooma keenya nuuf haa eebbisu 🙏
#GODOLIYAAS
@Tawaahidoo