Posts filter




Qubee Afaan Oromoo Eenyutu Bice? Seenaa Abbaa Qubee Oromoo

Kabajamoo Dr. Muhammed Rashaad Abdullee,

Namoota seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti, yeroo jalqabaaf adda durummaan Qubee Afaan Oromoo boocanii akka babal'atu fi guddatu taasisan ta’uu seenaa isaanii ni yaadatama.

Kitaabni seenaa Dr. Muhammed Rashaad Abdullee eebbifamuuf akka jiru barreessaan kitaabichaa, Kaalid Dr. Muhammed Rashaad beeksise. Kitaabni kun seenaa dhalootaa Dr. Muhammed Rashaad irraa jalqabee hanga boqonnaa isaanii booda hojjetan irratti xiyyeeffatee qophaa'ee jira. Kaalid Dr. Muhammed Rashaad Abdulleen kitaaba kana barreessuun, hojiiwwan seenaa, aadaa, fi afaan Oromoo keessatti isaan godhan ibseera.

Kitaabni Seenaa Dr. Muhammed Rashaad Abdullee Gurraandhala 23, bara 2025 ykn ALItti Gurraandhala 16, bara 2017, hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti eebbifama.

Hojiilee Dr. Muhammed Rashaad Abdullee keessatti, muraasni bara 1958, biyya Misraa irraa Raadiyoo Afaan Oromoo banuu, bara 1965 Moqaadishoo irraa Raadiyoo Afaan Oromoo banuun dabarsuu fi hayyoota biroo waliin qubee Afaan Oromoo qopheessuu, bara 1968 kitaaba Afaan Oromoo jalqabaa "Furaa" jedhamu barreessuu fi Qur'aanaa Afaan Oromootti hiikuun barsiisaa turuu fi hojiiwwan biroo babal'isuun isaanii ni yaadatama.

Dr. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee, namoota qubee Afaan Oromoo bocuun sabni Oromoo qubee mataa isaa akka qabaatu taasisan keessaa isa tokko yoo ta'u, gama amantaa Islaamaatiinis Qur'aana Afaan Oromootti hiikuun barsiisaa ture.

Ummanni Oromoo hundi eebba kitaaba seenaa hayyuu Oromoo kana irratti hirmaachuu akka qabu waamichi dhiyaateera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA 📡


Enjoy our content? Advertise on this channel and reach a highly engaged audience! 👉🏻

It's easy with Telega.io. As the leading platform for native ads and integrations on Telegram, it provides user-friendly and efficient tools for quick and automated ad launches.

⚡️ Place your ad here in three simple steps:

1 Sign up

2 Top up the balance in a convenient way

3 Create your advertising post

If your ad aligns with our content, we’ll gladly publish it.

Start your promotion journey now!


Biyyoota guyyaa jaalalaa (Valentine Day) dhorkan
📌Maaleeziyaa,
📌 Iraan, .
📌 Raashiyaa naannoo Beelgorood,
📌Saudi Arabiyaa fi...
📌 Indooneezhiyaan biyyoota ayyaana kana dhorkan keessaa tokko.

Guyyaan jaalalaa (Valentine's Day) kan addunyaa warra dhihaa keessatti kabajamu har'a Gurraandhala 7 kabajama.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA

https://t.me/Dr_asiledin

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA 📡


Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayiden odeeffannoo nageenyaa irraa dhorkaman

Ameerikaan seera hoggantoonni pirezidaantii biyyattii ta’uun tajaajilaa turan odeeffannoo nageenya biyyaalessaa akka argatan hayyamu qabdi.

Joo Baayiden yeroo aangootti dhufan Doonaald Tiraamp amanamaa miti jechuun odeeffannoo akka hin arganne ugguranii turan, amma garuu dabareedhaan Doonald Tiraamp Joo Baayideniin ugguraniiru.
https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA

https://t.me/Dr_asiledin


Jechoota Hayyootaa

"Yeeyyii Yoo Hin Dandeenye, Tasuma Bosona Hin Seenin"

Waraana Leencaa Dhibba Kan Sareen Hoogganamu Yoo Uumte, Leencoonni Dirree Lolaatti Akka Sareetti Du'u, Saroota Dhibba Kan Leencaan Hooganamu Yoo Uumte Garuu, Saroonni Sun Hundi Leenca Fakkaatanii Lolu!

Wal Dhabdee Yeroo Dheeraa Jechuun, Gareen Lamaanuu Dogongora Jechuudha.

Fuula Haqa Dhabdummaa Duratti, Cal'isuun Cunqursaa Waliin Wal Xaxaadha.

"Sabboonaan Waa'ee Dhaloota Dhufaa jiruu Yaada, Namni Siyaasaa Immoo Waa'ee Filannoo Dhufuu Yaada."

"Dur Hatanii Hidhaman, Har'a Garuu Yoo Dhugaa Dubbatan Nama Hidhu"

Reebichi Ummata Wallaalaa, Qaama Gowwaatti Ibidda Qabsiisanii, Miidhaaf Karaa Saaquudha.

Nama Tokko Ga'uumsa Isaatii Ol Yoo Keesse, Akka Inni Ga'uumsa Keetii Gad Si Hin Keenye Ofirraa Eegi.

Namoonni Waa'ee Hir'ina Namootaa Haasa'an  Baay'een Isaanii, Namoota Hanqina Isaanii Isa Guddaaf Xiyyeeffannoo Hin Kennineedha.

"Yeroo Bineensootaan Loltu Of Eeggadhu, Akka Isaan Keessaa Tokko Hin Taane."

"Namni Jabaa Ta'u Qaba,  Ta'u Baannaan Gonkuma Hin Ta'u."

Qajeelfama Xixiqqatti Yoo Amante Qajeelfamni Kee Guddaan Ni Kufa

Leenci Hammam Yoo Beela'eyyuu Cooma Malee Marga Hin Nyaatu, Kanaaf Ulaagaa Kee Irratti Harka Hin Kennin.

Namoonni Waa'ee Kee Akka Hin Dubbanneef, Furmaanni Isaan Dhaggeeffachuu Dhiisuu Qofa.

"Addunyaa Kana Irra Namoota Lamaatu Jira, Kan Baruu Barbaaduu Fi Kan Amanuu Barbaadu".
https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA

https://t.me/Dr_asiledin




Gama hidhattoota WBO nagaa buusuuf qophii tahuu himuun yaadota nuyi akka haal-dureetti dhiyeessine mootummaan hin fudhanne yaada jedhu qabu.
Qaamolee lameen quba walitti qabu. Nageenyi uummata naannoo Oromiyaa garuu yeroodhaa yerootti balaarra kan bu'aa deeme fakkaata.
Gaazexaan Kallacha Oromiyaa akka gabaasetti mootummaan godinaalee akka Shawaa Bahaa, Shawaa Lixaa fi kaan keessatti hidhattoota WBO irratti oppireeshinii gaggeessaa jira.
Guyyoottan lamaan darbetti Oppireeshinii qaamolee nageenya waloo godinaa Shawaa Bahaatiin gaggeesaniin miseensonni ABO Shanee 4 hidhannoo guutuu qabatanii socho’aa turan qaamolee nageenyaatiin to'atamaniiru,'' jedhe.
Itti dabaluun marii uummata waliin taasifame irratti ''miseensonni loojistikii diinaa ta’uun hojjachaa turan 112 tahan saaxilamuudhaan to’atamaniiru,'' jechuun gabaase.
Tibbana Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti hammaachaa jiraachuu namoonni tokko tokko BBCtti himaniiru.
Shawaa kaabaa keessaa yeroo adda addaatti bilbilli adda citaa ture. Odeeffannoo gahaan achii bahu baatus namoonni BBC dubbise tokko tokko mootummaan hidhattoota irratti oppireeshinii gaggeessaa jiraachuu himan.
https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA


Fakkeessuudhaan nagaya buusuun hin danda’amu - Jawaar Mahaammad
November 14, 2024
Xiinxalaa siyaasaa fi Miseensi KFO Jawaar Mahaammad mootummaan Itoophiyaa ''nagaa buusuuf marii nagaa marsaa sadaffaatti deebi'uu qaba,'' jechuun Feesbuukii isaa irratti maxxanse.
Mootummaan Itoophiyaa tibbana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo irratti oppireeshinii gaggeessaa akka jiru himaa ture.
Kanaanis gariin isaanii akka harka kennataa jiran ibsaa gama kaaniin ammoo uummata waliin marii gaggeessuun nagaa buusuuf akka hojjetu himaa ture.
Har'a Sadaasa 14/11/2024 Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Fuula Feesbuukii isaa irratti, ''Naannoon Oromiyaa, Godiinaalee garagraatti uummanni hiriirra nagaa ba'uun nageenya waaraa qe'ee Oromootti akka mirkanaa'uuf waamicha taasisaa jira.'' jechuun maxxanse.
Kun kan jalqabaa tahuu baatus rakkoo nageenyaan dararaan uummata nagaarra gahu garuu akkaan hammaataa deeme.
Obbo Jawaar Mahaammadis suuraa hiriira uummata godinaalee Oromiyaa maxxanfame fayyadamuun '' fakkeessuun nagaya buusuun hin danda’amu,'' jedhe.
''Mootummaan gama tokkoon marii araaraa marsaa 3ffaaf waywaannaa biyyoota dubbii harkaa qabaniin dhihaataa jiru didaa, gama biraan uummata miskiina adutti baasanii waywaachisuun sirrii miti.
Nagaa buusuuf onnerraa fedhii qabaannaan waltajjii mariitti deebi’uun ala falli hin jiru,'' jedhe Jawaar.
Mootummaan nagaa buusuufi marii nagaaf ''banaa'' tahuu himuurra kan darbe marii nagaa marsaa sadaffaa ABO-WBO waliin taasisuuf diduu ilaalchisee waan ibse hin jiru.
Dhiyeenya kan gaafanne gama WBO'n qaamolee gidduu keenya jiran qofa qofaatti nu gaafachuufi nu dubbisuu irraa kan darbe waanti qabatamaan marsaa sadaffaaf mari'achuuf mootummaa wajjin waan walii galame hin jiru jedhan.
Tibbana UNtti Manni Maree Mirgoota Namoomaa haala qabinsa mirga namoomaa Itoophiyaa irratti gamaaggama jiru ilaaleera.
Kora UN kana irratti Ministirri Haqaa Itoophiyaa Obbo Belaayinuu Yirgaa gabaasa yoo dhiyeessan ''mootummaan garee hidhate biyyattii keessa socho'u hunda qunnamaa ture'' jedhan.
''Nagaa buusuuf marii karaa nagaa gaggeessuun murteessaadha'' jedhan.
ABO-WBO waliin mariin nagaa marsaa lamaa Taanzaaniyaatti gaggeeffamuu kan eeran ministirichi, ''kun kutannoo mootummaan nagaa buusuuf qabuuf agarsiiftuudha'' jedhan.
Naannoo Amaaraa ilaalchisuun Manni Maree Nageenyaa naannichaa hidhattoota Faannoo waliin akka mariin gaggeeffamuuf haala mijeessuuf hojjechaa jiru jedhan.
Hidhattoonni Faannoo ajajaa Faannoo Gondar, Goojjam, Walloo jechuun waamamu malee eenyu jalatti waliigalaan akka hogganaman hin beekamu.
Kora UN kana irratti Obbo Belaayinuun mootummaan guutummaa biyyattii keessatti nagaa buusuuf marii gaggeessuuf qophiidha jedhan.
Xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad ammoo jechaan ibsuu fi gochaan raawwachuun adda akka tahee fi nagaa buusuu akka hin dandeenye akeeke.
Minister Deetaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa kan amma mana hidhaa jiranis mootummaan hidhattoota waliin nagaa buusuuf fedhii gahaa hin qabu jechuun qeeqanii ture.
Marii nagaa marsaa lamaan Taanzaaniyaatti yeroo gaggeeffame mootummaan biyya keessatti oppireeshinii hidhattoota ABO-WBO irratti gaggeessu cimsee ture.
Namoota siyaasaa dabalatee hedduun ammoo erga mariin jalqabee maaliif barbaachise hanga marichi xumuramutti gaaffii jedhu kaasaa turan.
Kana dura yeroo lama mariin nagaa mootummaa fi ABO-WBO gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamee ture. ''Wal hubannaa gaariin jira'' erga jedhamee marsaa lammaffaa irratti ammoo waliigaltee malee addaan bahan.
Maricha Ameerikaa, Keeniyaa fi Noorweyi fa'aa adda durummaan qindeessuun kan deeggaran yoo tahu hidhattoota WBO ammoo bakka jiranii fuudhuuf Waldaan Qaxxaamura Diimaa Idil-addunyaa deeggarsa godhee ture.
Ergasii mariin marsaa sadaffaa gaggeeffamuu danda'a tilmaamni jedhu ture. Gama mootummaan ''balballi keenya nagaaf banaadha'' kan jedhu yeroo hedduu dhagahama.
https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA


# Waamicha
#Yuunivarsiitii _ Baahir Daar

Yuunivarsiitiin Baahir Daar barattoota sagantaa idilee digirii jalqabaa(freshman )haaraa ramadaman akkasumas barattoota bara 2016 sagantaa fooyya'iinsa (Remedial program )irratti hirmaatani fi bu’aa darbiinsa galmeessan guyyaan galmee Sadaasa 16-18/2017 ta’uu beeksise.

Iddoon galmee: Barattoota saayinsii Hawaasaaf Kaampaasi peeda(peda campus )

Barattoota Saayinsii Uumamaaf kaampaasi salaam( Selam campus )

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Orijinaala fi Kooppii ragaa barnoota kutaa 9 -12ffaa
Orijinaala fi kooppii kardii kutaa 8 ffaa
Suura3x4:4

Barattoonni sababoota adda addaatiin waggaa tokkoffaa simisteeraa tokkoffaatti barnoota isaanii dhiisanii fi bu’aa irra deebiin galmaa’uuf ulaagaa guutan unka guutan qabatanii irra deebiin galmaa'uuf guyyaan galmee Sadaasa 19 fi 20/2017 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksisee Jira

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA


# Waamicha
Yuunivarsiitii _Miizaan Teeppii

Yuunivarsiitiin Miizaan Teeppii barattoota sagantaa fooyya'iinsa (Remedial) haaraa bara barnoota 2017f ramadamaniif guyyaan galmee Sadaasa 11 fi 12/2017 ta’uu beeksise.

Iddoon Galmee :

barattoota saayinsii hawaasaa(Social science) mooraa guddicha (main campus ) kan magaalaa miizaan Amaanitti argamu.

Barattoota damee saayinsii uumamaa(Natural science ) tiif ammoo kaampaasi Teeppii (Tepi campus ) kan magaalaa Teeppiitti argamu ta'uu Yuunivarsiitichi beeksisee jira.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

Ragaa Xumura Kutaa 12ffaa kooppii fi orijinaala
tiraanskriiptii kutaa 9-12ffaa kooppii fi orijinaala
Kaardii kutaa 8ffaa kooppii fi orijinaala
Suuraa roga 3×4:- 9
Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.

https://t.me/WALIIFTV4

https://t.me/WALIIF_MEDIA


Project kun Tronkeeper jadhama Project amma jiran keessaa qaaliidha jadhamee jira. Kanaaf deemaa amuma eegalaa itti fayyadamaa  link kunooti amuma eegalaa!!👇👇👇👇👇👇👇👇👇

https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=6349029545
https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=6349029545
🎁 Join TronKeeper for a secure Tron wallet experience and start earning rewards! 💰


Hogganaa olaanaan Qabsoo ummata Oromoo Jawar Mohammed sarbama mirga namoomaa biyyattii keessatti deemaa jiru saaxilee jira. Akka Hog Jawar Mohammed jadhetti  biyyattii keessatti daa'iman ukkaasuun maatii daa'imanii qarshii 100,000 hanga 500,000 gaafachuun jabaatee itti fufeera jachuun addeesse. Ukkamfamuun daa'imanii kun daa'iman warri isaanii qarshii harkaa qabu irratti akkaan xiyyeeffatama jadhe. Kan warri maatiin isaanii qarshii harkaa hin qabne ammoo akka Afooshaatti maallaqa walitti qabuun ijoollee isaanii warra ukkaamse harkaa baafachaa jiru jadhe. Itti dabaluun Kana malees ummata ofiifuu qaalayinsa jireenyaan rakkachaa jiru irratti guurraa dargaggoota fi buusii hundaa oliin ummatni rakkachaa jiru. Keessattuu rakkoon kun Magaaloota godinaa, Aanaalee fi araddaalee keessatti akkaan dabalaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa dhimmi kun sarbaminsi mirga namootaati waan ta'eef hordofiin barbaachisu godhamee ummataaf furmaanni waaraan kennamuu qaba. Yaadachiisa: warri daa'iman ukkaamsu kun karaa baankii daldala Itoophiyaan maallaqa maatii daa'imanii gaafatu waan ta'eef Mootummaan baankii kana ammaa dursaas dhaabbilee gara garaatu baankii kana fayyadamuun ummata saamaa ture waan ta'eef baankii daldala Itoophiyaa kana Mootummaan sirritti irratti xiyyeeffachuun haarawwoomsa gadi fagoo godhuun baankii kana keessa garee ummata saamtu qulqulleessuu qaba. Maxxansa kana akka namaaf galuttiin ballisee maxxanse waliif qoodaa!!🙂
https://t.me/DR_ASIIL


Godina Kafaatti balaa konkolaataatiin namoonni 27 qaamaan miidhaman isaanii Ibsame.

Balaa konkolaataa naannoo Kibba Lixa #Itoophiyaa godina Kafaatti mudateen namoonni 27 qaamaan miidhamuu poolisiin godinichaa beeksise.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA 📡


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_WalaayittaaSooddoo

✔️Barattoota Haaraa Bara 2017(#Freshman) Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti Ramadamtan fi Bara 2016 Sagantaa Fooyya'iinsaa Fudhachuun Qabxii darbiinsaa Argattan Hundaaf Guyyaan Galmee Sadaasa 09-10/2017 Akka Ta'e Ibsameera.

➡️Bara 2017 Sagantaa Remedial Kan ramadamtan Gara Fuula duraatti Beeksisa biraan kan isin Waamnu Ta'a
@ABDII_SABAA_MEDIA

@Abdii_Sabaa_Univerisity



@yunversity




#Yuunivarsiitii Jigjigaa
#Freshman

For 𝑵𝒆𝒘 𝑹𝒆𝒎𝒆𝒅𝒊𝒂𝒍 𝑷𝒓𝒐𝒈𝒓𝒂𝒎 𝑺𝒕𝒖𝒅𝒆𝒏𝒕𝒔!

Bara barnootaa 2017tti barattoota haaraa (#Freshman) Yuunivarsiitii jigjigaatti ramadamaniif guyyaan galmee Sadaasa 07-09/2017 akka ta'e yuunivarsiitichi beeksiseera.


@ABDII_SABAA_MEDIA




Breaking News!

Filannoon Ameerkaa injifannoo Donald Trump xumuramee jira. Donald Trump yeroo 2ffaaf Filannoo Ameerkaa injifannoon xumuruun pireezidaantii Ameerkaa 47 ta'uu isaa mirkanaa'eera. Hoggantoonni biyyoota gara garaa ergaa baga Gammadde Pireezidaantii Donald Trump ergaa jiruuf. Trump haasaa erga filannoo injifate taasisa keessatti akka tasaa yaalii ajjeechaa irraa hafne filannoo kan injifanne jadhe. Kana malee qormaata guddaa isa eeggatu lola Raashiyaa fi Yuukireen akkasumaas lola Gaaz'aa fi IZra"ael irratti nageenyi waaraan akka bu'uuf tarkaanfii ni fudhata jadhamee eeggama. Keessattuu Donald Trump filamuun warri hojii online hojjannu nuuf carraa guddaadha. Walumaagalatti Dhimma nageenya Oromiyaa, Amaaraa, Yuukireen, Gaaz'aa Yaman irratti Donald Trump filamuun carraa nageenya gaariidha. Namni Oromoon qabdu jabaan tokkoos Donald Trump waliin hariiroo ni qaba ammaaf maqaa isaa hin kaasu...🙂

Congratulations President Donald J. Trump 👏
@ABDII_SABAA_MEDIA


#update

Israa’elitti Erga Gaalant ari’amee booda ummanni bifa Viidiyoo irratti mullatutti hiriira mormii geggeessaa jiru.

Natanyaahoon ministeera humna ittisaa biyyattii erga ari’ee booda Israa’elitti hiriirri mormiifi diddaan dhohe. Yeroo ammaa kanas ummanni karaa irratti bahuun mormii dhageesisaa jiru.

Natanyahoonis erga diddaan dhohee booda kiriyaa gadhiise ba’uun isaa gabaafameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA📡

20 last posts shown.