Qubee Afaan Oromoo Eenyutu Bice? Seenaa Abbaa Qubee Oromoo
Kabajamoo Dr. Muhammed Rashaad Abdullee,
Namoota seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti, yeroo jalqabaaf adda durummaan Qubee Afaan Oromoo boocanii akka babal'atu fi guddatu taasisan ta’uu seenaa isaanii ni yaadatama.
Kitaabni seenaa Dr. Muhammed Rashaad Abdullee eebbifamuuf akka jiru barreessaan kitaabichaa, Kaalid Dr. Muhammed Rashaad beeksise. Kitaabni kun seenaa dhalootaa Dr. Muhammed Rashaad irraa jalqabee hanga boqonnaa isaanii booda hojjetan irratti xiyyeeffatee qophaa'ee jira. Kaalid Dr. Muhammed Rashaad Abdulleen kitaaba kana barreessuun, hojiiwwan seenaa, aadaa, fi afaan Oromoo keessatti isaan godhan ibseera.
Kitaabni Seenaa Dr. Muhammed Rashaad Abdullee Gurraandhala 23, bara 2025 ykn ALItti Gurraandhala 16, bara 2017, hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti eebbifama.
Hojiilee Dr. Muhammed Rashaad Abdullee keessatti, muraasni bara 1958, biyya Misraa irraa Raadiyoo Afaan Oromoo banuu, bara 1965 Moqaadishoo irraa Raadiyoo Afaan Oromoo banuun dabarsuu fi hayyoota biroo waliin qubee Afaan Oromoo qopheessuu, bara 1968 kitaaba Afaan Oromoo jalqabaa "Furaa" jedhamu barreessuu fi Qur'aanaa Afaan Oromootti hiikuun barsiisaa turuu fi hojiiwwan biroo babal'isuun isaanii ni yaadatama.
Dr. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee, namoota qubee Afaan Oromoo bocuun sabni Oromoo qubee mataa isaa akka qabaatu taasisan keessaa isa tokko yoo ta'u, gama amantaa Islaamaatiinis Qur'aana Afaan Oromootti hiikuun barsiisaa ture.
Ummanni Oromoo hundi eebba kitaaba seenaa hayyuu Oromoo kana irratti hirmaachuu akka qabu waamichi dhiyaateera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA 📡