Siin Dagachuu hin Dagadhu!
Akka waan guutummaan koo,
Siif qofaaf jedhamtee
Murtee mataa kootitiin,
Narratti erga muudamtee;
Sababan aarsaa ta’ee,
seeqakee arguuf abjootu
Himachuun naatoo hin qabu,
callisuuf obsa hin laatu!
Bara guyyaan si kaasee,
waa’een kee leellifamu;
Owwaataa keen ture,
isa dura bu’ee bakkakee waamamu!
Maamilli siif baay’atee,
yemmuu siif guggufan;
Eegduu karra keen ture,
isa karra banuuf karra itti cufan!
Tariimmoo…
Gaafa guyyaan sii miitee,
waa’een kee hibboo taatu;
Callisaa kee hin ta’u,
isa siin dagachuu dagatu!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
#share
#join
Akka waan guutummaan koo,
Siif qofaaf jedhamtee
Murtee mataa kootitiin,
Narratti erga muudamtee;
Sababan aarsaa ta’ee,
seeqakee arguuf abjootu
Himachuun naatoo hin qabu,
callisuuf obsa hin laatu!
Bara guyyaan si kaasee,
waa’een kee leellifamu;
Owwaataa keen ture,
isa dura bu’ee bakkakee waamamu!
Maamilli siif baay’atee,
yemmuu siif guggufan;
Eegduu karra keen ture,
isa karra banuuf karra itti cufan!
Tariimmoo…
Gaafa guyyaan sii miitee,
waa’een kee hibboo taatu;
Callisaa kee hin ta’u,
isa siin dagachuu dagatu!
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
❤️。/|\。⏺
#share
#join