#HARREE_WALIIN_HIN_FALMIN!
Qeerrensaa fi harreetu utuu waliin haasa'anii, harreen miira keessa galtee akkas jette.
HARREE: margi cuquliisa!
QEERRENSA: lakki margi magariisa!
HARREE: lakki margi cuquliisa dha.
Utuma waliin falmanii falmii guddaan gidduu isaanitti ka'e. Dubbii ho'aas taanaan dhimma kana mootii bineensotaa LEENCA bira dhaqneetu gaafannee adda baafanna jedhanii murteessan.
Yemmuu achi ga'anis Mootiin bineensotaa Leenci teessoo isaa irra taa'ee "dhimmi sa'atii kana gara koo isin fide maali!?" jedhee gaafate. Ariitiidhaan harreen
HARREE: Qeerrensatu margi cuquliisa miti naan jedhe, naaf adabamuu qaba jette.
LEENCA: Qeerrensoo! ati maal jette?
QEERRENSA: margi magariisa
LEENCA: margi cuquliisa! Kanaaf Qeerrensi adabamuu qaba. Ati waggaa 5(shan)niif hin dubbatin cal jedhi.
Qeerrensi gadi jedhee adaba isaa fudhate. Kanumaan Harreen asiif achi of daddarbachaa, u'utaalaa, halaakaa, "elaakaa silayyuu anoo jedheera" jechaa sokkite.
Qeerrensi garuu aaree suuta jedhee Leencaan "maalifan adabamee!? Margi magariisa miti moo!? jedhee gaafate. Leenci deebiseefii " eeyyee margi magariisa. Ati kan adabamteefi sababa 'margi magariisa' jetteef osoo hin taanee sababa HARREE wajjin haasofteefi.
Ammas sittan hima, warra soba dhugaa fakkeessanii namoota karaarraa kaachisan, warra dhugaa jallisan, warra dubbii gaarii hamminatti micciiran, cimina kee dhoksanii warra mudaa kee barbaadan, warra mudaa kee lakkaa'an, warra jibbaa fi wal diiggaa obboloota gidduutti facaasan, warra falmii malee marii hin barbaadne, warra oftuulummaa malee abboomamuu hin beekne, abboota isaanii kan salphisan biratti yeroo kee hin fixin. Ittiin beekamuudhaaf jettee dhugaa hin jallisin. Isaan biratti cal jedhi. Warra si dhaggeeffatan, warra ulfina qaban, warra dhugaa beekan, safuu waaqaaafi lafaa qaban wajjin haasa'i, isaan wajjin ooli, isaan wajjin mari'adhu. Malee HARREE wajjin hin falmin," jedheen jedhama. Gorsa leencaa kana irraa waan baayyee akka baratamu abdiin qaba.
t.me/Youth4Christ1