MIISHINEEROTAA
Mishineerummaan kiristaanummaa kan eegalee fi yeroo jalqabaaf du'aa ka'uu kiristoos kan beeksise Maariyaam yoo taatu, du'aa ka'ee, ol ba'uu isaa booda bartootni isaa waa'ee du'ee du'aa ka'uu kiristoos,waa'ee dubbii jireenya barabaraa fi karaan isaa ammoo maal akka ta'e lallabuutti, barsiisuutti ka'an. Taateen kun jaarraa 1ffaa keessa jechuudha. Kanas akkuma arganitti, akkuma dhagaa'anitti, akkuma barsiifamanitti itti fufan. Miishineerotni kunis ergama Waaqayyo biyya lafaaf qabu sodaa fi naasuu tokko malee Wangeelaaf lubbuu isaanii aarsaa godhanii addunyaa kana Kiristoosiin dhaalchisan. Bu'aa dhuunfaa isaanii otoo hin ilaalin, manakoo, dhalakoo osoo hin jedhin, ittin miindaa nyaadha osoo hin jedhin, bonaaf ganna, kun yeroodha yeroo miti osoo hin jedhin kiristoosiin ifa jireenyaa fi jireenya isa ta'e dhaloota duukkana keessa jiraniin ga'aa turan. Isaaniin Waaqayyo haa eebbisu, silaa Wangeelicha eenyuutu nutti hima wal hin argin hafna malee duukkana keessatti. Warri Maariyaam, Pheexiroos, Yohaannis, Yaaqoob, Maatewoos, Barnabas Phaawuloos,...darbees gara biyya keenyatti Abbaa Gammachiis(Oneesmos Nesiib) ykn Hiikaa, Asteer Gannoo, Ganameefaa... Wangeela mootummaa kiristoos nu biraan ga'anii jiru. Waaqayyo isaan haa eebbisu malee.
Egaa har'ammoo darabeen isaa na ga'ee jira. Darabeen dhaloota ammaati. Warri Sagalee jireenyaa kana bu'aaba'ii heedduu keessa buutanii baatanii dhaloota biraan ga'aa jirtan Waaqayyo isin haa eebbisu. Ani ergamaa sagalee kanaa ta'een ergamee jira; kanaafan sodaa malee Wangeela mootummaa Waaqayyoo saba duukkana keessa jiru, Saba hongee hafuuraan rukutamanii jiran bira deemee Mootummaa Kiristoos lallabuuf yeroo hundumaa miixannaa kooti. Yesuus Kiristoos jireenya ta'uu isaa biyyi lafaa kun itti fufteema dhaga'uu qabdi amma gaafa kiristoos dhufee warra kan isaatii fudhatutti.
Isa kanaafis ani lallabaa, ergamaas ta'een jira; kanas ani dhugaan dubbadha malee hin sobu; amantiidhaan dhugaadhaan geggeeffamees warra saba Waaqayyoo hin ta'in nan barsiisa.
1Xim2⁷
Yesusiin malee jireenyi hin jiru.
t.me//Youth4Christ1