Ji’oota jaha keessatti karaa filannoo dijitaalaa CBE'n tiraanzaakshiniin raawwatame birrii tiriiliyoona 5.4 ol akka ta'e, baankiin daldalaa Itoophiyaa beeksise.
*
Addunyaa dijitaalaa kana keessatti dorgomtummaa gama kanaan jiru mo'achuuf, tajaajilli baankii hundi gara dijitaalaan ta'uu akka qabu, pirezidaantiin baankii daldalaa Itoophiyaa Abbee Saanoo beeksisan.
Akka gabaasni Pirezidaantii Ittaanaa dijitaal baankii obbo Wagaayyoo Gabramaariyaam dhiheessan agarsiisutti, walakkeessa waggaa 2017 tti, tiraanzaakshiniin karaa filannoo dijitaalaa raawwatame birrii tiriiliyoona 5.4 ol ta'uu ifoomsera.
Kunis lakkoofsa waliigalaa daldala baankichi gaggeessu keessaa tilmaamaan harka 80 bakka bu’a.
Raawwiin kun hawaasni filannoowwan dijitaalaatti haalaan fayyadamaa akka jiru kan agarsiisu yoo ta’u, bara darbe yeroo walfakkaatuun lakkoofsaan harka 80, maallaqaan ammoo harka 90 ol ta’uu ibsameera.
Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuudhaaf, tattaaffii akka biyyaatti taasifamaa jiru keessatti, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa adda durummaan hojjachaa akka jiru ibsame.