WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Duula Gatii Dhiigaa Dhiigaan Deebisuu fi jala bultii Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo sababeefaachun tarkanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira!
ONM-ABO Ebla 15,2024 Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 14 korommiiwwaan Kibba Bahaa biqiltuun Jaal Kutaataa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa WBOn sakkataa jechuun bobbaatee uummata nagaa hidhaa fi reebicha gar-malee irratti geggeessaa deemtu irratti ganama sa'a 5:23 irraa eegalee hanga halkan dukkanaatti olii fi gadi gooluudhaan baqachisee bakka irraa dhuftetti debisee jira.
WBOn tarkaanfii kanas kan fudhate godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu iddoo addaa Jiddoo-Kombolchaa magaalaa hoo'itu irraa maqaa sakkattaa WBO jedhuun ganaman bobbaate irree fi gachaanni saba Oromoo Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa dursee odeessa argachuun iddoo adda gaara Alutootti tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen 20 ajjeesee 8 madoon adabuun gargar facaasee sagantaa ishee fashalessee jira.
Haaluma kanaan lola ganama taasifameen miidhaa irra ga'e sababeeffachuun waraanni PP humnoota aanaa 4 irraa gurraachuun kallattii 4n itti marsiinee dhabamsiisuu qabna ejjennoo jedhuun
1. Aana muuneessa
2. Aana xiyyoo
3. Aana Heeban Arsii
4 Aana Adamii Tulluu-Jiddoo Kombolchaa irraa humna wal ga'ee marsinee lollee balleessuu qabna jedhe lolaaf dhufe jajjabeen WBO Kibba Baha Oromiyaa cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa tooftaa riphee lolaatti dhimma ba'uun godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Boreetti tarkaanfii haxxeen fudhateera.
Tarkaanfii kanaanis 35 ajjeesee 40 ol madoon adabuun karooraa humna badii kana fashalsee jira
Warra mada'anii fi du'aan keessa ajajoonni jiraachuu maddeen ifaa godhu !
Isaan keessaa ajajaan 100 maqaan isaa Yooseef jedhamu ergaa madaa'ee hospitaala seenee du'uun ifoomee jira.
Ajajaan 50 tokkoos du'aa fi jiruu gidduu jiraachuun barameera.
Tarkaanfii WBO'n fudhatu jabaatee itti fufa!
Ololli bilxiginnaa hojiin ni kufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!