DHIIGAAF_LUBBUU
Maa duuta hinjedhani
Gootni gaafa du'u
Maa lolta hinjedhan
Gootni gaafa lolu
Duutis jiraachuunis
Kan isarraa tolu
... 'Daandii Sin Saaqxani'
Dhaloonni itti jira
Imaanaa keessan hinnyaanne
Dhaga'aa yaa firaa...
Erga diinni kalee
Biyya nu weerartee
Hundatu falmaa ture
Kichuunis Waraantee
Impaayerattii keessatti
Takkaa boqonnaa hinarganne
Nuyillee jabaannee
Diinnis haara hingalfanne
Taphni taphatanu kamuu
Dhiigaaf lubbuuni
Silas kan diina moo'ani
Hidhannoon yoo lolani
Kanumaaf itti ofkitimee
Dhaloonni dheengaaddaaf kalee
Karadeemtuu gandaa
Ofkeessaa baasee qalee
Otoo Ani jiruu
Qaamnikoo warraaquu
Arguun fedhu tasa
Harmeen boossee harquu
Deessee na guddiste
Anatti dadhabdee
Maalinan baasaa
Isa isheen naaf cabde
Jedhee otoon of gaaffuu
Badduun dhaabbii hinqabne
Na biratti hinboossistu
Harmee waakkii hinbeekne
Firaaf imaanaa gootaa
Baadheen jira kaataa
Abjuuf imalakoo durii
Dhiisee akka xurii
Jedhee nutti lallaba
Ekeraan gootowwanii
Warri rasaasaan cabaa
Nuuf of wareeganii
Aarsaa lubbuu hinqusannee
Oromiyaatif jechaa
Takkaas haara hingalfanne
Tasas hinsodaanne ajjeechaa
Hidhaa daangaa darbaa
Jechaa yoom nu darbinna
Reebicha akka garbaa
Keessaan ifa argina
Oromiyaa borii
Labatni in ijaaraa
Anis ittin deema
Maalif gadheen na nyaara
Alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa
Guyyaa si dhaabbannee garbummaarraa baanaa
Aasxaa sirna haarayaa abdii walabummaa
Dhiigaan gad si dhaabnaa ya faajjii tokkummaa
Jedhee of murteessee
Kaayyoof kaayyoo dabsee
Firaaf maatiirraa dheessee
Meeqatu itti ofcabse
Gootota Oromoo
Yaa urjiiwwan koo
Ofirra caalchiseen
Sin raajeffadha ayyaantotakoo
Siniin nuuf tole
Bareede imalli keenya
Dhiiga keessanii waarree
Ofirraa baasne beenyaa
Ammas galma hingeenye
Kaayyoon sin irratti kuftani
Dhaloonni har'allee hinteenye
Imaanaa keessan dagatani
Akeeka keessaniin tolaa
Imala milkiin guute
Diina ofirraa qolaa
Lubbuun meeqa akka duute
Sona keessan kalee
Isa nu gidduutii ifu
Duula calanqoof aanolee
Lola gaafa rakkoo
Diina'tti mormitanii
Irbuu gaafa Shinniggaas
Tokkummaan morma kennitanii
'Daandii Sin Saaqxani'
Dhaloonni itti jira
Imaanaa keessan hinnyaanne
Dhaga'aa yaa firaa
Calaqqee seenaa ta'ee
Seenaan gootaa in jiraata
Otoo seenaa qabuu
Har'a eenyutu wal nyaata
Oromoon Oromummaa
Isaan tokko ta'ee
Diina baraan darbaa
Nu qooduu danda'e
Hudhee kokkee qabee
Irbuun taliigamee
Addaa inbaanu jechaa
Waliin wareegamee
Har'as gootni
Qaaliin ilmaan aayyaa
Diinatti dhukkaasanii
Baasaa jiru biyyaa
Wallaggaa handaara lafaa
Qulqulleessee galtuu nafxii
Darraaf Salaalee keessaa
Hinjiru joortuuf bakki
Walloofi matakkal
Shaggar handhuurakoo
Diinaan morma qabee
Naa galchuuf dhugaakoo
Qaqqaroon ilmaanii sun
Kan kaayyoon Laga gamaa
Jirti har'as kunoo
Anaaf siif wareegamaa
Keessaaf ala kanjiru
Eeyyama eenyuun ala
Waraanasaa tumsaa
Kunoo fe'aa galaa
Hagabee WB0 nyaachisaa
Du'ees Qeerroo jiraachisaa
Jira qoteen bulaa
Sangaa gurguree qawwee bitaa
Yoo gumaacha cimsine
Egaa maaltu nu gita
Saba akkas wal jaallatu
Kan gaafa rakkoo walirraa hinhafne
Akka Oromookoo jiraaree
Warqeef meetii kan waliin mararfanne
Imalli gootummaan eegale
Faana kaayyoon dabaalee
Itti fufe malee
Adda hincitne ammallee
Anaaf atis Egaa
Kan amma lubbuun jirru
Haga warraaquu dandeenyutti
Diinatti takkaa hinfurru
Itti muddinee lolla
Kan kaayomsi waaqi
Risaanis koolloo hurgufatee
Jechaa Jira haqoo haqi
Diinatti furgaana
Itti dhidhimnee jiilchina
Tokkummaan kaanee lollee
Nafxanyaa bakkatti galchina
Oromiyaa booruu
Kaayyoo gootowwan kalee
Ni dhufa ilmaan jooruu
Gaafa dhugaan keenya gale
Galoo tin
Maa duuta hinjedhani
Gootni gaafa du'u
Maa lolta hinjedhan
Gootni gaafa lolu
Duutis jiraachuunis
Kan isarraa tolu
... 'Daandii Sin Saaqxani'
Dhaloonni itti jira
Imaanaa keessan hinnyaanne
Dhaga'aa yaa firaa...
Erga diinni kalee
Biyya nu weerartee
Hundatu falmaa ture
Kichuunis Waraantee
Impaayerattii keessatti
Takkaa boqonnaa hinarganne
Nuyillee jabaannee
Diinnis haara hingalfanne
Taphni taphatanu kamuu
Dhiigaaf lubbuuni
Silas kan diina moo'ani
Hidhannoon yoo lolani
Kanumaaf itti ofkitimee
Dhaloonni dheengaaddaaf kalee
Karadeemtuu gandaa
Ofkeessaa baasee qalee
Otoo Ani jiruu
Qaamnikoo warraaquu
Arguun fedhu tasa
Harmeen boossee harquu
Deessee na guddiste
Anatti dadhabdee
Maalinan baasaa
Isa isheen naaf cabde
Jedhee otoon of gaaffuu
Badduun dhaabbii hinqabne
Na biratti hinboossistu
Harmee waakkii hinbeekne
Firaaf imaanaa gootaa
Baadheen jira kaataa
Abjuuf imalakoo durii
Dhiisee akka xurii
Jedhee nutti lallaba
Ekeraan gootowwanii
Warri rasaasaan cabaa
Nuuf of wareeganii
Aarsaa lubbuu hinqusannee
Oromiyaatif jechaa
Takkaas haara hingalfanne
Tasas hinsodaanne ajjeechaa
Hidhaa daangaa darbaa
Jechaa yoom nu darbinna
Reebicha akka garbaa
Keessaan ifa argina
Oromiyaa borii
Labatni in ijaaraa
Anis ittin deema
Maalif gadheen na nyaara
Alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa
Guyyaa si dhaabbannee garbummaarraa baanaa
Aasxaa sirna haarayaa abdii walabummaa
Dhiigaan gad si dhaabnaa ya faajjii tokkummaa
Jedhee of murteessee
Kaayyoof kaayyoo dabsee
Firaaf maatiirraa dheessee
Meeqatu itti ofcabse
Gootota Oromoo
Yaa urjiiwwan koo
Ofirra caalchiseen
Sin raajeffadha ayyaantotakoo
Siniin nuuf tole
Bareede imalli keenya
Dhiiga keessanii waarree
Ofirraa baasne beenyaa
Ammas galma hingeenye
Kaayyoon sin irratti kuftani
Dhaloonni har'allee hinteenye
Imaanaa keessan dagatani
Akeeka keessaniin tolaa
Imala milkiin guute
Diina ofirraa qolaa
Lubbuun meeqa akka duute
Sona keessan kalee
Isa nu gidduutii ifu
Duula calanqoof aanolee
Lola gaafa rakkoo
Diina'tti mormitanii
Irbuu gaafa Shinniggaas
Tokkummaan morma kennitanii
'Daandii Sin Saaqxani'
Dhaloonni itti jira
Imaanaa keessan hinnyaanne
Dhaga'aa yaa firaa
Calaqqee seenaa ta'ee
Seenaan gootaa in jiraata
Otoo seenaa qabuu
Har'a eenyutu wal nyaata
Oromoon Oromummaa
Isaan tokko ta'ee
Diina baraan darbaa
Nu qooduu danda'e
Hudhee kokkee qabee
Irbuun taliigamee
Addaa inbaanu jechaa
Waliin wareegamee
Har'as gootni
Qaaliin ilmaan aayyaa
Diinatti dhukkaasanii
Baasaa jiru biyyaa
Wallaggaa handaara lafaa
Qulqulleessee galtuu nafxii
Darraaf Salaalee keessaa
Hinjiru joortuuf bakki
Walloofi matakkal
Shaggar handhuurakoo
Diinaan morma qabee
Naa galchuuf dhugaakoo
Qaqqaroon ilmaanii sun
Kan kaayyoon Laga gamaa
Jirti har'as kunoo
Anaaf siif wareegamaa
Keessaaf ala kanjiru
Eeyyama eenyuun ala
Waraanasaa tumsaa
Kunoo fe'aa galaa
Hagabee WB0 nyaachisaa
Du'ees Qeerroo jiraachisaa
Jira qoteen bulaa
Sangaa gurguree qawwee bitaa
Yoo gumaacha cimsine
Egaa maaltu nu gita
Saba akkas wal jaallatu
Kan gaafa rakkoo walirraa hinhafne
Akka Oromookoo jiraaree
Warqeef meetii kan waliin mararfanne
Imalli gootummaan eegale
Faana kaayyoon dabaalee
Itti fufe malee
Adda hincitne ammallee
Anaaf atis Egaa
Kan amma lubbuun jirru
Haga warraaquu dandeenyutti
Diinatti takkaa hinfurru
Itti muddinee lolla
Kan kaayomsi waaqi
Risaanis koolloo hurgufatee
Jechaa Jira haqoo haqi
Diinatti furgaana
Itti dhidhimnee jiilchina
Tokkummaan kaanee lollee
Nafxanyaa bakkatti galchina
Oromiyaa booruu
Kaayyoo gootowwan kalee
Ni dhufa ilmaan jooruu
Gaafa dhugaan keenya gale
Galoo tin