DU'UMAN TUFFADHE
Jaatanii jireenya koof
Utuun daandiirra jooruu,
Fudhadhee manaa ba'ee
Qalbii kiyya isa booruu,
Gaaf tokko xiiqeffadhee,
Ija koo diimeffadhee,
Onnee koo bokokfadhee,
Sodaa kiyya dhokfadhee,
Gootomee leenca ta'ee,
Obboroon manaa ba'e.
Baroodee sodaa dhoraa,
Booree ofitti horaa,
Utuun ganda sodaa
Keessa darbaa jiruu,
Sodaan dur yaada koo
Bakka lamatti hiru,
Karaarraa na waamee
Sin sodaadhe jedhee,
Ergaa natti dhaame.
Sodaan dur sodaadhu
Har'a na sodaatee,
Onneen koo gootomtee
Ittuu goota taate.
Sodaan sodaachise.
Sodaa koon baachise.
Gootummaa koon caalee
Mirga sodaas sarbee,
Ganda sodaa keessa
Sodaa kaa'een darbe.
Achii utuun fiiguu
Jabina uffadhee,
Daandii koorratti argee
Du'as nan tuffadhe.
Du'a goota ajjeesuun
Maal na goota jedhee,
Fuuldurasaa ijaajjeen
Dhaadadhee akkan fedhe.
Du'a sodaatamaa
Du'uman tuffadhe.
Goota daangaa darbe
Sibiilan uffadhe.
✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
➪ @debela_etana
➪ @debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍 ❤ 🗨️ ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
Jaatanii jireenya koof
Utuun daandiirra jooruu,
Fudhadhee manaa ba'ee
Qalbii kiyya isa booruu,
Gaaf tokko xiiqeffadhee,
Ija koo diimeffadhee,
Onnee koo bokokfadhee,
Sodaa kiyya dhokfadhee,
Gootomee leenca ta'ee,
Obboroon manaa ba'e.
Baroodee sodaa dhoraa,
Booree ofitti horaa,
Utuun ganda sodaa
Keessa darbaa jiruu,
Sodaan dur yaada koo
Bakka lamatti hiru,
Karaarraa na waamee
Sin sodaadhe jedhee,
Ergaa natti dhaame.
Sodaan dur sodaadhu
Har'a na sodaatee,
Onneen koo gootomtee
Ittuu goota taate.
Sodaan sodaachise.
Sodaa koon baachise.
Gootummaa koon caalee
Mirga sodaas sarbee,
Ganda sodaa keessa
Sodaa kaa'een darbe.
Achii utuun fiiguu
Jabina uffadhee,
Daandii koorratti argee
Du'as nan tuffadhe.
Du'a goota ajjeesuun
Maal na goota jedhee,
Fuuldurasaa ijaajjeen
Dhaadadhee akkan fedhe.
Du'a sodaatamaa
Du'uman tuffadhe.
Goota daangaa darbe
Sibiilan uffadhe.
✍️Debela etana
𝚓𝚘𝚒𝚗 𝚘𝚞𝚛 𝚌𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
𝚏𝚘𝚛 𝚖𝚘𝚛𝚎 𝚙𝚘𝚎𝚖'𝚜
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
➪ @debela_etana
➪ @debela_etana
e𝚍𝚞𝚌𝚊𝚝𝚒𝚘𝚗&𝚏𝚞𝚗𝚗𝚢
༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆༆
👍 ❤ 🗨️ ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ