Waraana Israa’eliifi Hamaas Gidduutti Deemaa Jiruun, Taatee Haaraan Maaltu Jira?.
Hamaas, weerara humna waraana lafoon Israa'el Gaazaa irratti raawwachuuf jirtu qolachuuf qophii ta'uu ibse.
Hamaas Sanbata darbe Israa’el irratti haleellaa hin eegamneefi tasaa erga raawwateen booda, waraanni Israa’eliifi Filisxeem gidduutti deemaa jiru har’a torbee guutee jira.
Lakkoofsi namoota haleellaa Hamaasiifi haleellaa deebii Xiyyaaraa Israa’elii gama lachuu irraa ajjeefamanii 2,800 ol ta’uun gabaafamaa jira.
Akka odeeffannoon Israa’el baaste ibsutti, lakkoofsi namoota haleellaa Hamaasiin ajjeefamanii 1300 akka ta'eefi namoonni Kuma 3fi 300 ol haleellichaa madaa’uu isaanii hime.