Doktor Hayilee Fidaa (1939?-1979)
Kutaa 3
EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee lubbuun hafe.
Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture. Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti ajjeefame jedhe.
Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi ture.
Qorannoo Afaan Oromoo
Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo uumuu keessatti ga'ee guddaa qaba. Yeroo Yuurooppi jiru, Hayileen miseensa garee barattoota Oromoo kan qorannoorratti xiyyeeffatu fi kan Garee Qorannoo Barattoota Oromoo jedhamuu ture. Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka Firaansi, Jarmanii, Iswiidin, Tokkummaa Sooviyet, Hanga
arii fi Yugoslaaviyaa keessa jiraatan hammata. Gareen kun Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uf qorannoo bal'aa godhe. Haaluma kanaan, gareen kun bara 1972 barruu qorannoosaa kana kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreessun filatamaa akka ta'ee seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhan barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Qorannoo kanarratti Dr Hayileen gumaacha guddaa qaba.
Dr Hayileen, itti fuufdhan qubee Afaan Oromoo haara kanatti fayyadamuun kitaabota lama walitti aansuun maxxanse. Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluga Afaan Oromooti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti. Kitaabni inni lammataa ammoo Barra Birraan Barihe jedhama.
Barruulee Maxxanse
Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afan Oromo, Tatek, 1972Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo. Paris, 1973 Bara Birraan Barihe. Paris
seenaa oromoo fi seenaa goototaa oromoo
#ancient_history_of_oromoo
#seenaa
@etbisahusen