#Haaji_Ahmad_Nuuree_Hin_Dagatamu
Nama seenaan yaadachuu qabdu, nama kabajamaa fi jaalatamaa dha. Hararghee keessatti namni isa hin beeyne waan jiru nati hin fakkaatu. Hawaasa Oromoo Hararghee keessatti nama maqaa guddaa horachuu dandayye dha. Qoosaa,kooflaa fi tapha isaa qofaanii miti. Qabsoo Bilisummaa ummata Oromoo yeroo jalqabaatiif Ona Ituu,Carcaritti dhootee keessatti fi sana boodattis shooraa guddaa taphateeni fi warreegama cimaa ummata isaatiif kaffaleen maqaa guddaa horachuu nama danda'e dha. #Haaji_Ahmad_Nuuree. Nu wajiin turaa!!!
Inni kun warra eessaati? hin ja'inaa, gabaabumatti warra galamsootti. Ati silaafuu Ganda keessanii hin faggaatus naan hin ja'ina. Galamsoo qofaa miti Gandi keenya Carcari, gandi keenya Hararghee, gandi keenya Oromiyaa guutuu dha. Haaji Ahmad Nuuree nama saba isaatiif warreegama guddaa kaffalee seenaan isaa immoo hanga inni kaffale osoo hin himaminiif hafee dha. #Ituu_Oromoo_Post seenaa awwaalamte baasna. Dhugaa sabni qabu ragaa baana.
Akka lakkoofsa faranjii bara 1970n keessa qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo duraatiif bifa hammayyaa'een Elemoo Qilxuu, Hundee Dhaabaa, Mahammadzaakir (Meeyraa) carcariti jalqaban keessattis tahe, san boodas achuma Carcaritti qabsoo Taaddasaa Birruu itti fufe keessatti ilmaan Oromoota Hararghee hedduun warreegama ulfaata kaffalanii, haala ulfaataa keessatti kufuufis dirqamanii ture. Taate Xirrooti uumamte tanatti aanee, sababa qabsoo Oromoo carxaritti dhukkaateen, uleen juntaa mootummaa Darguu Manneen Oromoota Carcar seenuunun, ummata hin cafaqiin hin jirtu. Dhugumatti yeroon sun yeroo Ilmaan Oromoo,Keessumaafuu ilmaan Murawwaa tiif, yeroo rakkistuu turte dha.
Haa tahuuti, akkumma gootowwaan Oromoo hedduu bilisummaa saba isaanitiif hojjatanii darbanitti, Haaji Ahmad Nuureetis nama osoo guyyaa tokkolee qabsoo Saba isaa jalaa hin hafin lubuun darbee dha. Fuulbana 5/2074ti Xirrooti warreegamuu hoggoontoota cicimoo akka Elemoo, Ahmad Taqii, Kol.Mahdii, Sheikh Jamaal fi Suleeyman booda, mootummaan Juntaa Darguu Oromoota carcar,keessaafuu soorreeyii gurguddoo warra ja'uu 70 kan caalan Baddeessaa, Galamsoo, Machaaraa, Waaccuu fi magaaloota carcar hedduu keessaa walitti guuree hidhe. Sababni hidheef qabsoo bilisummaa oromoo tan xirroo san duubaan jirtan sababa jadhuni ture.Namoota hidhaman kan 70 caalan kana keessaa namoota 8 mana murtii waraanaa magaalaa Hararitti argamu geefaman. Himanni adda addaa irratti baname. Biyya diiguu kan jadhu himata hedduu keessaa adda duree dha. Saddeetanuu murtiin du'aa itti laatamte. Garuu tokkoon isaanii osoo hin du'in hafan. Ji'a saddaasa bara 1975 hundi gad lakkifaman. Yeroon tun yeroo mootummaan darguu ummata Oromoo bakka hundatti rashanaa jiru. Oromoo qofaa miti qaamoolee shakke kamuu #qayshibbir jechuun yeroo kumaantamaan nama hirriirsee itti gattu ture. Kanaafu yeroo kana keessatti Darguun dhiifamaan isaan gad ni dhiisa wanni jadhu hin yaadamu Duuba Saddeettan duuti itti murtooyte kun akkamitti bahan?. Gabaabumatti rabbiiti aansee, Qabsoo Haaji Ahmad Nuureetu du'arraa isaan oolche jechuun ni danda'ama. Oddeefannoo qalloo ajjeefamuuf deemuu hiriyootaa fi waahillan qabsoo isaa kaneeni akkumma dhagaheeti, Haaji Abdoosh Ahmayyuu wajiin tahun fala qabsaa'oota kana du'a jalaa lubuu ittiin baraaru barbaaduuti seene. Lubuu ofii qabsiisee Angawoota Mootummaa Darguu gurguddaa akka #Dammisee_Dheereessaa, #Dabalaa_Dhiinsaa, #Fisahaa_Gadaa fi #Takkaa_Tulluu biratti daddeebi'uun akka jaallan kana hidharraa hiikan amansiisuuf hedduu carraaqe. Carraaqii taasiseen, fitinaa meeqa booda angawoota kana amansiisuu dandayye. Garuu tokkoon tokkoo hidhamtoota saddeettan duuti itti murtooyterraa qarshii 5000 kennuu akka qabu isa gaafatan. Haaluma kanaan maatii hidhamtootaa fi warra biyyaa irraa qarshii 40 000 sassaabee angawoota saniif kennuun, goota lubuu ilmaan Oromoo bitee, saba biratti guyyaa akka qabu galmeessuu danda'ee dha Haaji Ahmad Nuuree. Wanni nama ajaa'ibu yeroo sanitti qarshii 5000 (Kuma Shan) jechuun waan salphaa hin ture. Gatiin koonkoolaataa #Peajeo_404 jadhamtuu yeroo sanitti qarshii 4000 ture. ittii fufaa
@etbisahusen