LEENJISOO DIIGAA
Leenjisoo Diigaa Beektuu Laata?
Seenaa qabsoo diddaa gabrummaa Oromoonni Sirna gitabittaa nafxanyaa irratti gaggeessan keessaa qabsoon Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo) bara 1881-1887tti gaggeesse
akkaan hadhaawaa fi Aarsaa guddaa kan gaafate akkasumas injifannoowwan dirree waraanaa irratti Oromoon Nafxanyaa irratti gonfate keessaa injifannoon Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi laga Qalaxaatti Humni Waraana Arsii Leenjisoo Diigaatiin Hoogganamu si'a shaniif bara 1881-1885 tti Minilik itti Jilbiiffachiise kan yoomuu dagatamuu miti. fakkeenyaaf, Waraana bara 1884tti gaggeeffameen Leenjisoon akkasumas Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa farda Minilik Yaabbate kan Abbaa Daanyoo jedhamu
ajjeesuudhaan hanga Dibbee fi Gonfoo mataa minilik irraa fuudhanitti kan kalaahe ture. haa
ta'uu malee Minilik xinnomaaf lubbuunsaa baraaramtee jirti. Guyyaa sana Leenjisoon Minilikiif Jal-deemtuu isaa hanga Magaalaa Mojootti fardaan ari'ee biraa deebi'ee ture. Leenjisoo Diigaa harka muraa fi Harma muraa Aanoleetiin booda waan harka kennate fakkaachuudhaan nafxanyaan waraana akka hiikkattu erga taasiseen booda Hoogganaa Waraana Nafxanyaa Dajjaach Wasanee jedhamu ajjeesuudhaan Gootummaa isaa mirkaneessee jira. Oromoon Arsii har'as ijoollee isaa yommuu Eebbisu Onnee Leenjisoo, Harka Leenjisoo, Ija Leenjisoo, Gurra Leenjisoo isiniif haa kennu jedha. kunis Gootummaa fi Hayyummaa
Leenjisoo mirkaneessuudhaaf. Leenjisoon Gosa Arsii kan Kolooba Jedhamu keessaa dhalatus kan isa guddise garuu gosa Harmee isaa Abeeta akka ta'e himama. ilmi Oromoo Arsii tokko akka Aadaatti gosa Abbaa Malee kan haadhaa biratti hin guddatu ture. haa ta'uu malee wayta inni ijoollee turetti Abbaan isaa waan irraa du'eefhaati isaa maatii ishee bira fiddee laatte. Leenjisoon gosti Abbaa isaa Koloobni waan isa hin guddifneef aarii irraa qaba ture. guyyaa tokko Bosona deemee ijoollummaa isaatti Leenca erga ajjeeseen booda Gosa Kolooba jedhamu kan Abbaa Kootii naaf yaamaa jedhee Eessuma isaa ajaje. Eessumni isaas Gosa koloobaa keessaa namoota baay'ee wameef kana booda Leenjisoon haala Armaan gadii kanaan gosa Abbaa Isaa Kolooba geerarsaan qaanesse '' Koloobni gadi gatee Abeetni guddifatee waan boru biyyaa tahu waan boru Arsii tahu Leenjoon har'uma mudhifatee,,,,(2x). Leenjisoon kana jedhee kan geerareef gosa Abbaa isaa Kolooba Gaabbii keessa galchuuf ture. Gootummaan Leenjisoo tan guyyaa keessa dhufte osoo hin taane tan ijoollummaa irraa waliin guddate ta'uu umrii ijoollummaatti adamoo bahee Leenca Ajjeesuun isaa kun ragaadha. Gaaf Leenjisoon du'e Ummanni Sikkoo Mandoo kan Waabee gamaa fi gamanaa marti yaa'ee boohe manguddoon Sirna Awwaalcha isaa irratti argaman tokko immoo haala armaan gadiitiin Leenjsoo faarsuudhaan
ummata tasgabbeessaniiru.
'' Waan akka Leenjisoo
Homuu hin qabnee
warri midhaan nyaatu
nuyyuu hafnee,,,,,,(2x)''
. Hiikkaan dubbii tanaas,
Leenjisoon Seenaa Yoomuu hin duune hojjateera waan ta'eef hin duune. kan du'e immoo nuyi warra Seenaa osoo hin hojjanne midhaan nyaatu kan qabsoon keenya midhaaniif bishaan ta'e malee jechuudha.,,,,,,,,,,Leenjisoon Heexosaa irraa dhiheenyatti kan argamu naannawa Doddotaatti akka dhalate ni himama. Goonni du'us Seenaan isaa bara bara baraan kan jiraatu ta'a.
#ancient_history_of_oromoo
https://t.me/etbisahusen