Posts filter


Kiristaal Paalaas Maanchister Siitii moo’achuun waancaa FA injifate
**********************

Tapha xumuraa waancaa FA Ingilaand irratti Kiristaal Paalaas Maanchister Siitii 1 fi 0n moo’achuun waancaa FA injifateera.

Tapha xumuraa Istaadiyeemii guddicha Weembileeyitti taphatameen, Eezeen daqiiqaa 17ffaa irratti goolii tokkicha galchuun Kiristaal Paalaas akka injifatu gumaacheera.

Tapha xumuraa kana garee Peep Guwaardiyoolaa kan moo'atan warri Kiristaal Paalaas, seenaa isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif waancaa FA injifataniiru.


Kiim Joong Un humni ittisaa biyyattii waraanaa kamiifuu akka of qopheessu hubachiisan
***********************

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un humni ittisaa biyyattii waraana kamiifuu akka of qopheessu qajeelfama dabarsaniru.

Un shaakala loltummaa humni qilleensaa biyyattii haleellaa qilleensaarraa raawwachuu fi ittisuuf shaakalaa ture daawwataniiru.

Shaakalli loltummaa humni qilleensaa Kooriyaa Kaabaa raawwachaa ture kun, misaa’ela Raashiyaadhaan hojjetamee fi fageenya dheeraadhaa hanga giddu galeessaatti furguuggifamu danda’ufaa keessaa qaba jedhameera.

Laaluu Iitaalaatu qindeesse


Walitti bu'uunsii fi rakkoon namoomaa Sudaan keessatti uummame furmaata waaraa akka argatu hawaasni addunyaa itti gaafatamummaa isaa akka fudhatu waamichi dhihaate
*********************

Walitti bu'uunsii fi rakkoon namoomaa Sudaan keessatti uummame furmaata waaraa akka argatu, hawaasni addunyaa itti gaafatamummaa isaa akka fudhatu waamichi dhihaateera.

Walitti bu’iinsii fi rakkoon namoomaa Sudaan keessatti hammaataa dhufe furmaata waaraa akka argatu hawaasni addunyaa itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba jechudhaan hoggantoonni Komishinii Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Liigii Arabaa yaadachiisaniiru.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmmud Alii Yuusuf, Barreessaa ol’aanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereesii fi Barreessaa ol’aanaa Liigii Arabaa Ahimad Abul yaa’ii Liigii Arabaa 34ffaa cinatti rakkoo Sudaan irratti mari’ataniiru.

Laaluu Iitaalaatu gabaasa kana qindeesse


Taphni xumuraa FA Cup eeggamu har’a ni taphatama
****************

Tapha xumuraa waancaa FA Cup irratti Maanchister Siitii fi Kiristaal Paalaas har’a galgala sa'aatii 12:30tii eegala ni taphatu.

Bara kana waggaa 144ffaa isaa kan guute taphni FA Cup, gareewwan Piriimiyer Liigii gurguddoo lamaan tapha xumuraa kanaaf Istaadiyeemii Weembliitti fiduuf jira.

Gareewwan kunneen kanaan dura hirmaannaa tapha FA Cup keessatti qabaniin, Maanchister Siitiin walumaa galatti yeroo 14f tapha xumura FA Cup kan gahe yoo ta'u, yeroo 7 ammoo waancaa injifateera.

Kiristaal Paalaas garuu yeroo sadii xumura FA Cup gahus waancaa injifatee hinbeeku.

Seeraan Taaddasaatu gabaasa kana qindeesse


Cheelsiin Maanchister Yunaayitid moo’achuun injifannoo murteessaa goonfate
*************************

Piriimiyer Liigii Ingilaand torbee 37ffaa irratti Cheelsiin Istaanfoord Biriijitti Maanchister Yunaayitid waliin taphachuun 1 fi 0n injifate.

Akkaataa kanaan Cheelsiin hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuuf morkii cimaa gochaa kan jiru yoo ta'u qabxii 66n sadarkaa 4ffaa irra jira.

Maanchister Yunaayitid ammoo qabxii 39n sadarkaa 16ffaa irra jira.

Gareewwan Piriimiyer Liigii Ingilaandi keessatti sadarkaa 3ffaa hanga 6ffaa irra jiran garaa gartee qabxii tokkoo qofatu isaan gidduu jira waan ta’eef, eenyutu hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa argachuu danda’a kan jedhu eeggamaa jira.

Habtamikaa’el Kifluutu gabaasa kana qindeesse


Shira Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaan fashaleesse
**********************

Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa gara xumuramuutti dhihaachuun isaa, shira ergamtoota keessoo faayidaadhaan gowwomsanii rakkoo nageenyaa rakkoolee biroo uumuuf wixxifatanii kan fashaleesse ta’uu isaa Xiinxalaan Seenaa fi Siyaasaa gameessi Alamaayyoo Araddaa (PhD) himan.

Alamaayyoo Araddaa (PhD) marii tibbana EBC, FM Addis 97.1 irratti taasisaniin, Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa xumuramuutti dhihaate kun, qormaata dippiloomaasii walxaxaa abshaalummaa fi tokkummaan irra aanuun, Itoophiyaan injifannoo guddaa akka galmeessisatu godheera jedhan.

Beetaliheem Garramawutu gabaase


Raashiyaa fi Yuukireen hidhamtooota waraanaa 1,000 waljijjiiruuf waliigalan
************

Ministirri Ittisa Yuukireen Rastam Umeroov, erga waldhabdeen biyyoota lamaanii uummamee as Raashiyaa fi Yuukireen hidhamtoota waljijjiirraa guddaa raawwachuuf waliigaluu isaanii beeksisaniiru.

Ministirichi ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waliigalteen kun bu'aa ijoo walgahii kanaati jedhaniiru.

Mariin kun dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota waljijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisuudhaan, yeroo ammaa hidhamtoota kuma tokko hidhamtoota kuma tokkoon waljijjiiruuf waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Hogganaan jila Raashiyaa Vilaadimiir Mediinskiin, marii Yuukireen waliin mari’atame irratti Moskoon gammaduu ishee ibsuun, mariin kun itti fufa jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Turkiyyee, walgahii jila Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti taa’ame kanaan waliigaltee bu’uuraa irra gahamuu beeksisaniiru.


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
Samii Itoophiyaa irratti - yeroo jalqabaaf Agarsiisa Diroonii ajaa'ibaa
******************
Agarsiisa Diroonii Ethio Tech 2025 irratti, Dirooniinwwan 1,500 agarsiisa qilleensarraa dhiheessaniiru.

Agarsiisni kun Inistiitiyuutii Namtolchee fi Bulchiinsa Nageenya Neetwoorkii Odeeffannoo waliin kan qophaahee fi kan dhihaatudha.

Agarsiisni gosa 14 Dirooniiwwan 1,500niin dhihaateera.


Qondaaltonni Raashiyaa fi Yuukireen waggaa sadii asitti yeroo jalqabaatiif kallattiidhaan wal arguun marii eegalan
****************************

Qondaaltonni Raashiyaa fi Yuukireen waggoota sadiin booda yeroo jalqabaatiif fuulaa fi fuulatti wal arguudhaan Turkiyyee, Istaambuuliitti marii eegalaniiru.

Bakka bu'oonni biyyoota lamaanii kutaa tokko keessatti wal arguun marii jalqabanis, yeroo qaamaan wal argan garuu waliyyuu hin dubbisne jedhe ogeessi Kaameeraa BBC achi jiru.

Garuu ammayyuu marii jalqabaaf wal haa argan malee ejjennoon isaanii walirraa fagoo fakkaata.

Zeleniskiin xiyyeeffannoo guddaan jila isaanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuu yoo ta’u, warri Raashiyaa ammoo kaleessa xiyyeeffannoo guddaa kan kennan nagaa waaraa buusuu fi madda rakkoo isaanii bu'uuraa kan ta’e furuu akka ta’e himaniiru.

kan gabaase BBCdha




Ronaaldoon galiinsaa waggaa Doolaara miliyoona 200 fi miiliyoona 75n gahe
***********************

Roonaaldoon waggoota walitti aanan sadaffaaf Ispoortessaa galii guddaa argatu jedhameera.

Kiristiyaanoo Ronaaldoo waggoota walitti aanan sadaffaaf Ispoortessaa miindaa qaalii argatu ta'uu, Forbis ibse.

Taphataan kubbaa kaachoo Isteefan Kaariiy sadarkaa lammataa qabateera.

Ronaaldoon baroota darban yeroo shan Ispoortessitoota keessaa sadarkaa tokkoffaa qabateera.

Ronaaldoon galiinsaa waggaa Doolaara miliyoona 15 irraa gara miliyoona 200 fi miiliyoona 75tti guddateera.

Taphataan sarara duraa Poorchugaal kan ganna 40 kun, gatii qaaliidhaan Liigii Sa’udii Arabiyaa keessatti kilaba Al-Nasiriif taphachuuf bara 2022 keessa garas imale.

Miidiyaa hawaasummaa adda addaatiin hordoftoota miliyoona 900 fi miiliyoona 39 kan qabu Ronaaldoon, dirreedhaan alattis hojiiwwan beeksisaa fi kaan irraa galii guddaa argata.

Maddi odeeffannoo kanaa BBCdha.



12 last posts shown.