Appilikeeshiniin maallaqa ariitidhan daddabarsuuf gargaaru fi Fast Pay jedhamu hojii eegale
********
Tajaajilichis baankiiwwan biyyattii hunda waliin kan hojjatu yoo ta'u, karaa dijitaalaan maallaqa biyya alaa irra bilisaan erguu kan dandeessisuudha jedhameera.
Hundeessaan dhaabbatichaa Fitsum Tasfaayee yeroo ammaatti baankiiwwan biyyattii hunda waliin hojii eegaluu himuun, tajaajiloota maallaqa daddabarsuu, deeggarsa walitti qabuu fi tajaajila bittaa fi gurgurtaa karaa dijitaalaa raawwataman kaffaltii tokko malee karaa fast pay raawwachuun ni danda'ama jedhan.
Tajaajilichis qisaasama yeroo fi maallaqaa lammiileen biyyattii maallaqa erguuf isaan muudataa ture kan furu akka ta'es himaniiru.
Mangistuu Akkumaatu gabaase