Naannoo Oromiyaatti marii biyyaalessaaf ajandaa walitti qabuu guyyaa har'aatiin namoonni dhiibbaa uuman 300 ol mari'achuu eegalan
*
Marii kanaan ajandaan qaamolee kanneenis adda bahuun qaamoleen kunneen namoota isaan bakka bu'uun ajandaa kana sadarkaa naannootti dhiyeessu kan filatan ta'a jedhameera.
Boqonnaa itti aanuun qaamoleen kutaalee hawaasaarraa bakka bu'an, bakka buutonni namoota dhiibbaa uumanii, bakka buutonni paartilee siyaasaa, qaamolee mootummaa, fi dhaabbilee siivilii ajandaa naannichatti adda baherratti mari'achuun bakka bu'oota sadarkaa biyyaatti gumii marii biyyaalessaarratti dhiyaatan ni filatu jedhameera.
Komishinaroonni marii biyyaalessaas namoota mariif dhufan kanneeniif ergaa dabarsaniiru.
Mirkanaa Taaddasaatu gabaase