Itiyoophiyaan horii gaanfaan Afrikaa irraa tokkoffaa addunyaarraa 6ffaa taatuus foon diimaa, gogaa fi kal'ee alatti erguun sharafni alaa argattu gadi aanaa ta'uun himame
**
Ministeerri Qonnaa tarsimoo misooma foon diimaa, kal'ee fi gogaa irratti magaalaa Adaamaatti qooda fudhattoota waliin mari'ate.
Waltajjii marii kana irratti Itiyoophiyaan foon diimaa, gogaa fi kal'ee irraa sharafni alaa argattu gadi aanaa ta'uutu himame.
Gabaasni bara 2013 bahe akka agarsiisutti Itiyoophiyaan horii gaanfaa miliyoona 70 ol qabaachuun Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa, addunyaa irraa ammoo sadarkaa 6ffa irratti argamti.
Ta'us biyyattiin foon diimaa, gogaa fi kal'ee irraa sharafni argachaa jirtu dursummaa baay'ina loon gaanfaan qabattee jirtu kanaan wal bira qabamee yoo ilaalamu baay'ee gadi aanaa ta'uu dha kan ibsame.
Rakkinicha furuuf tarsimoon misooma foon diimaa, gogaa fi kal'ee qophaa'ee hojiirra oolaa jiraachuu Deetaan Ministira Qonnaa Fiqruu Raggaasaa(PhD) himaniiru.
Ababaayyoo Kafaniitu gabaase