Hariiroo Jaalalaa


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Economics


🌹Ergaa garaa nama nyaatu
🌹Gorsa Jaalalleef
💓Faarfannaa Jaalalaa
💓 Seenaa Jaalalaa
Quunnamuu: @gech3066

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Economics
Statistics
Posts filter


Say Thank you! 🙏

Isaan kaleessa si gargaaran,
Isaan kufaatiin mana baruumsaa ta'uu sitti himan,
Isaan kufanii hafuun kufaatii akka tahe si barsiisan,
Isaan ati nama moo'ichaa akka taate sitti himan,
Isaan akka si cinaa jiran sagalee isaanii si dhageessisan,
Isaan ati nama guddaa akka taate sitti himuuf duubatti hin jenneen...

Say Thank you! 🙏

Isaan qarshiidhaan si gargaaran,
Isaan humna isaaniin si gargaaran,
Isaan beekumsa isaaniin si gargaaran,
Isaan yaadaan si gargaaran,
Isaan fayyuu madaa keetitiif sibira dhaabbatan,
Isaan uffata kee irraa awwaara sirraa rurrukutan,
Isaan "Jabaadhu!" siin jedhan,
Isaan beeluu fi dhebuu si baasan,
Isaan karaa irraa si kaasaan,
Isaan imimmaan ija kee irraa siif haxaa'an.

Say Thank you! 🙏

Isaan amma si bira jirra siin jedhan,
Isaan borus sibira jirra siin jedhan,
Isaan yeroo kamiyyuu haala kam keessattuu si waliin jirra siin jedhaniin...

Say Thank you again! 🙏

Haalota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Namoota kaleessa kufuu keetiif sababa ta'aniin,
Fayyaa dhaba kee kaleessaan, Nagaa dhabuu kee kaleessaan,
Dhaba kee kaleessaa hundumaan...

Say Thank you! 🙏

Ofii keetiin galatoomi jedhiin.
Waaqa keetiif galata guddaa dhiyeessi.

@Hariiroo_Jaalalaa 🙏💔🙏
@Miira_Jaalalaa


🌹 Amaloota dubara ogeettii waliin ilaalla... See More

👉 See More
       See More


💍 Amaloota gurguddoo 7,... See more


Namoonni channel telegram keessan 1K+ ol ta'e promotion tolaa (free promotion) hojjechiifachuu barbaaddan link armaan gadii kanaan nu qunnamaa!

Free Promotion: @todo_24


Jaalala Keessatti Wantoota Kana Hin Irraanfatiin Love ❤️

#Sagalee kee yaade!
#Kolfa kee yaade!
#Fuula kee yaade!
#Qoosaa kee yaade!
#Na hammachuu kee yaade!
#Waan hunda kee yaade!
#Love❤️
....
I'm miss your voice.
I'm miss your smile.
I'm miss your face.
I'm miss your.
I'm miss your jokes.
I'm miss your hungs.
I'm miss your everything.

Join US


Forward from: Miira Jaalalaa
HARIIROON JAALALA DHUGAA
➿➿➿➿➿➿➿
✦ Waldhabdee qaba.
✦ Imaanaa qaba. 
✦ Wal amantaa qaba. 
✦ Imimmaan qaba.
✦ Miidhama qaba. 
✦ Haasaa mi'aawaa qaba.
✦ Kolfa dhugaa qaba. 
✦ Seequu bareedaa qaba.
✦ Falmii badaa, kan bu'aa hin qabneef hin barbaachifne qaba.
✦ Wal loluu/walitti bu'iinsa qaba
✦ Walitti araarama qaba.
✦ Obsa qaba.
✦ Waliin dubbii/marii qaba.
✦ Hinaaffaa qaba.

👉 Hunda caalaa garuu JAALALA❤️ qaba.

Hariiroo Jaalalaa | Miira Jaalalaa


Forward from: Miira Jaalalaa
JECHA DUBARTOOTAA

1. Kan jaalanne utuu hin taane kan nu
jaalatetti yoo heerumne gaariidha.
2. Qarshiin jaalala hin bitu, jaalala bareecha malee.
3. Kan jaalallee keetiif gootu, jaalala keetiif akka goote beeki!
4. Durbummaan silayyuu dhadhaadha kan si biraa hin hafne maqaadha (iccitiidha)
5. Kan qabaan sitti dhufe qabaan sittii hin baasu.
6. Dhiirti abshaalli ni bareedda hin jedhu, natti bareedda jedha malee (iccitiidha)
7. Kan jaalala hin beekne, sin jaaladhe jettuunuu hin galuuf.
8. Dur jaalalti jaamaadha jedhu, kan ammaa garuu ija qaba (iccitiidha)
9. Kan jaalala jabeessu oolmaadha, kan jaalala diigu oduudha.
10. Dhiirti qarshii qabdu bifan qabu, kan bifa qabu qarshii hin qabu.

@miira_jaalalaa
Hariiroo jaalalaa


Forward from: Miira Jaalalaa
Yeroo Walqunnamtii Saalaa Wantoota Dubartiin Jibbitu

①. Yeruma xiqqoof qaama ho'isuu (short foreplay) : Yeruma tokkoon qaqqabachuun, dhungachuu fiiganiituma raawwachuu dubartiin kamuu hin jaalattu. Fedhiin dhiiraa dafee dhufaa dafee qorras, dubartiin garuu fedhiin ishii dafee hin dhufusii ho'inaan immoo daftee hin dhabamtu. Kanaaf qaama ho'isuun yeroo dheeraf raawwachuu qabda.

②. Yaada hin taane laachuu : Maali intaloo maal fakkaattaa, qaamni kee maal fakkaataa, dabbasaan kee oogana natti jejjedhaa, dafqa dafqa jetta bishaan biyyarra hin jiru moo fi wantoota kana fakkaatan jechuun akka ofitti qaanoftu gochuu hin qabdu. Yeroo walqunnamtii saalaa wantoota gaggaarii qofa dhaga'uu waan barbaadduuf waanuma gurraaf tolu qofa itti hasaasi.

③. Kan of jaalatu : Dhiirri fedhii isaa qofaaf dhimmamu heedduu dubartii biratti jibbama. Kan isaa fixatee achi gargalee xaxatee kan ciisu dhiiraa miti. Intaluma amma si gammachiifte tana akkamitti irraa gargalata? Ammuma fedh e yoo fedhiin kee dafee kan dhufu yoo ta'eyyuu ishii fedhii baasuuf dhamaatiin ati taasiftu ishii biratti gatii qaba.

④. Fedhii ishii kan hin eegne : Callisteetuma dhungachuu, tuttuquu, itti bubbu'uun hin barbaachisu. Yeroo dhungattu deebii ishii fuularraa dubbisaa ta'uu qaba. Itti hin tolle taanan jijjiiruu yookin dhiisudha. Eessa akka tuqxu, eessa akka dhungattu, akkamitti ta'uu akka qabu fedhii ishii jiddu galeeffachuu qabda.

⑤. Irratti shaakaluu : Yeroo fiilmii garaa garaa ilaaltu dubartoonni yeroo mangaagaa banan ni agarta. Mana keetti yeroo galte garuu jaalallee/niitiin kee hin iyyitu. Si'i garuu iyyisiisuun hawwii keeti. Dubartiin Oromoo yeroo walqunnamtii saalaa kan iyyitu yoo dhukkube qofa. Kanan ala sagalee xiqqoo ni dhageessifti (ni aaddi). Gooftaa koo fiilmii sobaa jaalallee/Haadha ijoollee keetii irratti practice ba'uu hin hawwin.
.
⑥. Amma amma gaafachuu : Ofii kee erga fedhii baatee raawwii dhaabdeen booda ati hoo fixxee jettee akka hin gaafanne. Erga dhaabdeen booda maal akka siin jettu barbaadda? Yeruma eegaltu fedhii ishii wal faana oofi. Darbii darbii jidduu eessa akka geesse gaafadhu. Yoo dhufaa jira siin jette itti muddi. Yoo xiqqoo ni hafa siin jette kallattii fi ariitii raawwii keetii jijjiiri. Amma amma gaafachuu irra sochii qaamaa ishiin taasiftuu fi jiiijrama fuula ishiirraa dubbisuun gaaridha.

@Miira_jaalalaa
Hariiroo jaalalaa 🌹


Jaalalleewwan: Akkamitti Wal-qunnamtii Saalaa walitti Mi’eessu?
 
Ilmii namaa wantoota isaaf barbaachisu keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Waliin jireenya ilma namaa keessattuu saala faallaa, jireenyaaf waliin jiraatan keessatti/gaa’ela keessatti Walqunnaamtiin saalaa  ga’ee ol’aanaa qaba. Walqunnamtiin saalaa ijoollee horachuun ala bu’aa hedduu qaama keenyaaf kan buusu qaba. 
Kanaafuu, imala Waliin jireenyaa keessatti waan ilmi namaa uumamaan barbaadu tana irratti xiyyeeffannoo kennanii walitti  mi’eessuu danda’aniin irratti dursanii walii beekuu ykn walhubachuu ykn iftoominnaan waliin mari’atanii walhubachiisuudhaan fedhii walii guutanii walgammachiisuun barbaachisaadha. ➡️Kuni immoo waliin jireenyi namoota sanaa akka umrii dheeraa qabaatuuf gahee olaalaa akka qabu qorannooleen heddu ni agarsiisu.
Yeroo heddu, rakkoon walfakkaataan irra deddeebiidhaan biyyoota adda addaatti muldhatu jira. Inni kun yeroo baay’ee hanqina shammarroota irratti mul’atu yoo tahu dhiirota irrattis hamma tokko ni mul’ata. Innis Saalfachuu, fedhii ofii osoo hin gammadin dhokfachuu, osoo fedhii walqunnamtii saalaa rawwachuuf fedhii guddaa qabu saalfachuun dhokfachuu, ykn osoo inni tokko fedhii olaanaa qabu inni kaan jalaa-diduu fi kkf rakkoolee irra deddeebiidhaan mudatan qofa osoo hin taane, namni fedhi qabu sun ala-bahee akka filannoo biraa #barbaaddatuuf kan haala mijeessuu fi yeroo heddu jireenya namoota akkasii sana akka diigamuuf kan kan gahee olaanaa akka qabus hayyootaan ni himama.
➡️Haaluma walfakkaatuun, waliin jireenya keenya keessatti, Tooftaaleen muraasni Akkamitti Wal-qunnamtii Saalaa walitti Mi’eessuuf gargaaran:

1- Ija keessaa wal laaluun fedhii walii beekuu.
~ija keessa wal ilaaluun fedhii walii beekuun qaamni keenya hundi wal qunnamtiidhaf akka qophaahu taasisa.
2- Uffata halkanii marachuu dhiisuu fi ifaa dhaamsu dhiisuun wal qunnamtii saalaa mi’eessa.
~inni kun yeroo baay’ee kan mul’atuufi fedhii walii eeguu irratti dhiibba kan fiduudha.
Jaalalleewwan lamaan uffata haguuggatanii ifaa dhaamsanii yoo wal qunnaman;
A) Wal arguu wan hin dandeennef isaan lachenuu wal qunnamtii armaan dura raawwatan isheenis dhiira wajjiin ciiste innis shamara waliin ciise ykn isheenis dhiira isa irra bareedu innis shamara ishee irra bareeddu uf afoo fiduun yaadatu wan dandahaniif.
B) Yoo haguuggatan dafqi uumamuu wan dandahuuf fooliin adda addaas uumamuu dandaha. Kanaaf haguuggii dhiisuu.
3- Ija keessa wal ilaalaa harkaan rifeensa walii qaqqabuu fi wal dhungachuu.
~ Ija keessa wal ilaaluun fedhii walii eegaa deemuu fi tokko tokko dura akka fedhii hin xummurref gargara.
~ harkaan rifeensa walii qaqqabuun jaalala walii kan ibsu fi natti tolaa jirtaf natti tolaa hin jirtuu kan ittiin waliif ibsaniin yoo ta’u
~ Dhungoon immoo al tokko qofa wal qunnamtii saalaa raawwatanii akka hin dhaabanneef fedhii duubaan jiru akka uumuu fi wal qunnamtii akka mi’eessuf gargaara.
4-Qulqulleessituu ykn gogsituu of bira kaahuu fi Naannoo qaama saalaa dhiqachuu.
~ Gogsituu uf bira kaahuun yeroo tokko tokko dhiirota harka fedhiin dafee bahuu dandaha sila taheef; akka fedhiin ishee hin qabbanoofnef dafanii gogsuun barbaachisaa dha.
~ Al tokko fedhii isaanii yoo xummuran kan lammataatiif itti fufuun wan dandahamuuf osoo gara 3ffaatti hin tarre naannoo qaama saalaa innis taanaan keessattu isheen dhiqachuun murteessa dha. Yoo dandahame immo akkuma fedhii jalqabaa xummuraniin osoo kan lammataatti hin dabarre dhiqachuun irra wayyaa dha.

Hariiroo Jaalalaa 🌷


💋 Faayidaalee Dhungoon qabu baay'een keessan beektuu laata?,... See More

👉 See More
See More


⚪ Dhungoon miira Nama hundumaa,... See More


GORSA KOO DARGAGGOOTA SHAMMARANIITIIF

Dhiira akka silipparii jijjiiruun faayidaa hin qabu, sababiin isaas akkuma waggootii darbaa deemuun gatiin kee hir'achaa kan deemu yoo ta'u gatiin dhiiraa garuu dabalaa deema. Kanaafidha dhiirri inni ganna 60 shamarree waggaa 25 fuudhuu kan danda'u yoo ta'u, dubartiin ganna 40 ttu immoo gaa'ela argachuun dinqii guddaadha. Dhabuus dandeetti. Hubadhu, dhiiroti ati har'a gowwoomsitu/walirratti daddabaltu kun, gaafa tokko gonkumaa dhabamuu danda'u. Dhiirri tokko utuu ati sobuuf yaaltuu /cheat/ gootuu erga si qabee booda, dhiironni gowwoomsaa akka salphaatti waan hin ilaalleef hariiroon keessan gonkumaa akka duraanii akka hin taane beeki! Utuu jireenya kee hin balleessin, umurii keetis hin qisaasessin, nama jaallattu sana barbaadii qabadhu! Kanaaf sana wajjin ciisuun badhaasa hin qabu garuu gaabbii caalu qaba😎 Kanaaf gatiin kee akka gad hin buuneef of eeggannoo cimaa godhi!🙅‍♀

Hariiroo Jaalalaa
@Dargaggootaaf1


JAALALA DHUGAA FI SINSINNII!

✍️ 1. Jaalalli #sinsinnii  hirʼina nama sanaa hin argu, arguus hin barbaadu. Dhugaa jiru laaluu hin barbaadu.

✍️ 2. Shamarree na hawwatte wajjin yeroon taʼu eenyummaa koo jijjiiruun yoo na barbaachise kan na qabe jaalala #sinsinniiti."

✍️ 3. Nama sanarraa wanti hin jaallanne tokko jira. Kan si qabe Jaalala #dhugaa yoo taʼe garuu, nama sana wajjin taʼuudhaan rakkina sana akka fooyyessu isa gargaaruu barbaadda.

✍️ 4. Kan si qabe jaalala #sinsinniiti yoo taʼe wanta wal isin fakkeessurratti qofa xiyyeeffatta.

✍️ 5. Kan si qabe Jaalala #dhugaa yoo taʼe eenyummaa kee dhoksuuf hin yaaltu.”

✍️ 6. Kan si qabe jaalala #sinsinnii yoo taʼe wanta barbaaddu argachuurratti, tarii jaalallee qabaachuu qofarratti xiyyeeffatta.

✍️ 7. Kan si qabe Jaalala #dhugaa yoo taʼe dadhabinaa fi amala adda taʼe akka qabu ni hubatta, taʼus nama sana wajjin taʼuun sitti hin ulfaatu.

✍️ 8. Kan si qabe Jaalala #sinsinniiti yoo taʼe namni sun maaliif akka si hawwate ibsuu hin dandeessu.

✍️ 9. Kan si qabe Jaalala #sinsinniiti yoo taʼe namni sun dogoggora akka raawwatu sitti hin dhagaʼamu.

✍️ 10. Kan si qabe jaalala #dhugaa yoo taʼe amanamaa taʼuu akka qabdu waan sitti dhagaʼamuuf, akka kanaan duraa nama saala faallaa taʼeef xiyyeeffannaa hin kennitu.
 
Hariiroo Jaalalaa 🍒


❤️ Miirri jaalalaa jaalallee keetiif qabdu tarii sababiilee adda addaatiin gadi sijalaa gaafa bu'u wantoota 10 kana gochuu qabda, ... See More

▶️  See More
       See More


Maaliif jaalalli miira Namaa Akka to'atu?... See More
.


✍️ Dhugumaan Gammachuu dhugaa jireenya kee irraa argachuudhaaf maal gochuu Akka qabdu,... See More

➡️ See More
See More


Amaloota Jaalala Dhugaa

1. Jechoota kana sadan “Sin jaalladha”, “Galatoomi”, fi “Dhiifama” bakka isaan barbaachisan hundatti utuu of hin qabin fayyadamuu.
2. Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyaa biraa, facebook fi namoota birootti haasa’uu dhiisanii kallattumaan walitti haasa’uu.
3. Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii 100% kan waliinii ta’uu hin danda'u.
4. Jaalalli dhugaan gocha. Jaalalli dhugaan waan gochaan agarsiistu malee waan afaaniin odeessitu miti. Jaalala dhugaan wal jaaladhaa!

Share godhi nama jaalattuuf kunuu jaalala dhugaadha waan ta'eef.

Hariiroo Jaalalaa


Tooftaalee Namoonni Akka si Jaallatan Gochuuf si Fayyadan Ja'an (6)

1. Garaakeerraa akka isaan feetu isaanitti himi ykn agarsiisi
2. Kokkolfi. Fuula gurraachesita ykn fuula guurta taanaan ilmoon keeyyuu si baqatti waan ta'eef.
3. Maqaa namootaa yaadachuu fi ittiin waamuun furtuu hariiroo dhala namaa akka taate hin dagatin.
4. Qalbii guutuun dhaggeeffadhu! Namoonni waa'ee ofiisaanii akka haasa'aniif jajjabeessi.
5. Waa'ee waan Namoonni baay'ee fedhanii ykn fedhii isaanii olaanaa haasa'i.
6. Namoonni akka ofitti gammadaniif isaan jaji. Kanas dhugaa garaa keerraa godhi malee hin fakkeessin.

Hariiroo Jaalalaa 🌷


Kiyyoon kiyyeessanii milkii guutuun yookiin milkii tolaa qabaatan kiyyoo Jaalala dhugaa ti. Jaalalli dhugaa nama kamiyyuu ittiin jaalalatan Waaqan namaaf kennama.

Hariiroo Jaalalaa 🌷


Dubartii Ogeettiin:

• Dadhabina ishee beekti.
• Dadhabina ishee irraa barattee fuulduratti deemti.
• Maal naan jedhuun karaa deemuu qabdu irraa ishee hin maqsu.
• Maaliif akkas naan jedhu utuu hin taane waan jedhamte sana dhaggeeffachuu dhiisuu akka dandeessu ni beekti.
• Waaqa ishee sirriitti beekti.
• Ogummaan isheedhaaf faaya dha.
• Ogummaan bareedina ishee irraa hin dabarredha.

Hariiroo Jaalalaa 🌷


Anatu si fedhe
Natu si jaalate,
Bareeda keetini
Onnee na boojite.

Simbo-qabeettittii
Kuullee afaan dammaa,
Guyyuun si dharra'a
Si'umaafan dhimmaa!

Ani si jaaladhe
Jaalala onneerraa,
Situ giiftii tiyya
Uumama hundarraa!

Hunda caaltuu wayii
Haadha bareedinaa,
Yoomuma naaf dhufta
Yoom wal arginaa
?


Hariiroo Jaalalaa 💘


Jabduu koo, Waan qabdu, waan hin qabne, waan qabaachuuf barbaaddu hundaa ofii keetii baachuu dhiisii Waaqatti kennadhu!

Hariiroo Jaalalaa


Kiyyoon kiyyeessanii milkii guutuun/tolaa qabaataan kiyyoo Jaalala dhugaa ti. Jaalalli dhugaa nama kamiyyuu ittiin jaalalatan Waaqan namaaf kennama.

Hariiroo Jaalalaa

20 last posts shown.