Of Beeku
Of beekuun furtuu milkaa'inaati. Of beeki, ofi tahi, nama hin fakkaatiin rabbiin ilma nama bifa fi ogummaa gara garaa kenneefi atis of beeki eenyummaa kee beeki. Fedhii kee addaa baasi ogummaa uumamaan siif kenname addaa baafadhu irratti hojjadhu. Of beekun jireenyaaf murteessaadha namni of beeku gatii ofii beeka,gatii namaas beeka.
Waan of beekuuf jecha namaatiif eddo hin kennuu deemsa imala gara milkaa'ina hin dhaabu. Namni of hin beekne jecha namni isaan jedhuuf cinqama, kan of beeku ammo itti kolfee bira darbaa. Namni of beeku ofittii amanaa namni of beeku ka waan qabuufi hin qabne beekudha.
Of ta'uu jechuun eenyummaa ofii isaa sirrii fudhatanii oso nama bira tahuuf hin yaaliin kaayyoofi mul'ataa ofii qabaatanii gammachuun jiraachuudha. Namni of hin beekne gatii ofii hin beekuu.of dhiisee eenyummaa nama biro fudhachuun rakkata
Namni ofi beeke amanee eenyummaa isaa beeke hin fudhannee. Of ta"uu hin dandeenye bara jireenyasaa guutuu raatayaa jiraata osoo nama fakkaatu osoo akkeessuu jiraata. Of dhiisanii nama biraa fakkaachuuf yaaluun milkaa"inarraa nama hanqisa dhiphinaan nama gaha. Nama fakkachuuf dhama'uun gabrummaa sammuu dhiphina sammuutiin nama gaya of tahanii ilaalcha mata ufii qabatanii deemuun ammoo bilisummaa sammuuti, daandii milkaa'inaati.