Barnoota Fayyinaa #1
#MACAAFA_QULQULLUU
Macaafni Qulqulluun geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin kan qophaa'e, Kakuu Moofaa fi Kakuu haaraa kan of keessaa qabu sagalee Waaqayyooti. Macaafni Qulqulluun waggoota kuma tokkoo fi dhibba shan kan fudhate, namoota ogummaa fi sadarkaa garaa garaa qaban hanga afurtamaa gahaniin afaan warra Ibirootaa fi afaan warra Giriikiitiin kan barreeffame, yaada tokko kan qabuu fi ergaan waliin mormu kan keessa hin jirre, akkasuma dogoggora kan hin qabne sagalee Waaqayyooti.
Macaafni Qulqulluun bakka lamatti macaafota jaatamii ja'a of keessaa qaba. Isaanis: Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraadha. Lachan isaaniiyyuu toora tooraan ilaalla.
1. Macaafota Kakuu Moofaa
Macaafotni Kakuu Moofaa hojii Waaqayyo dhalachuu Kiristoos dura saba isaaf hojjechaa turee fi akkaataa inni ittiin ofiisaa sabichatti mul'ise dubbatu. Seera Uumamaatii hanga Raajii Milkiyaasitti kan jiru macaafota 39 of keessatti hammatee jira.
Macaafota Kakuu Moofaa akkaataa qabiyyee fi caaffata isaaniitti bakka afuritti qooduu ni dandeenya.
1.1 Macaafota Seeraa
Isaan kun Macaafota shanan jalqabaati. Isaanis: Seera Uumamaa, Seera Ba'uu, Seera Lewwootaa, Seera Lakkoobsaa fi Seera Keessa Deebii jedhamanii waamamu.
1.2 Macaafota Seenaa
Macaafotni kunimmoo sabni Israa'el wanjoo garbummaa biyya Misir jalaa bahanii Kana'aan biyya abdachiifame erga buufatanii booda, biyya Baabiloonitti booji'amuu warra Yihudootaa fi boojuu jalaa deebi'anii magaalaa Yerusaalemii fi Dalasaa Mana Qulqullummaa hanga ijaaranitti isa jirudha. Macaafni kun hojiiwwan Waaqayyo isaa waliin hojjete, karaa Waaqayyo ittiin ofii isaa mul'isee fi namootni fedha Waaqayyoo hubatanii akka raawwataniif kan godhanidha. Isaanis: Macaafa Iyaasuu, Macaafa Abboota Firdii, Macaafa Ruut, Macaafa Saamu'el Isa Duraa, Macaafa Saamu'el Isa Lammaffaa, Macaafa Moototaa Isa Duraa, Macaafa Moototaa Isa Lammaffaa, Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa, MMacaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa, Macaafa Izraa, Macaafa Nahimiyaa, Macaafa Asteer jedhamu.
1.3 Macaafota Walaloo
Gosti Og-barruu isaa walaloo ta'ee, qabiyyee isaatiinimmoo hojii ogummaa Waaqayyoo kan mul'isanidha. Ogummaan biyya lafaa kan waa'ee hin baafne ta'uu isaa, galata kan mul'isan Macaafota Qulqullaa'oodha. Isaanis: Macaafa Iyoob, Macaafa Faarfannaa, Macaafa Fakkeenyaa, Macaafa Lallabaa fi Macaafa Weedduu weedduu caalu jedhamu.
1.4 Macaafota Raajotaa
Macaafota kana immoo bakka lamatti qoodnee ilaalla. Isaanis Raajota Gurguddaa fi Raajota Xixiqqaa jedhamu.
1.4.1 Raajota Gurguddaa
Dheerina barreeffama isaanii fi tajaajila isaanii irraa kan ka'e raajota gurguddaa shantu jiru. Isaanis: Macaafa Isaayaas Raajichaa, Macaafa Ermiyaas Raajichaa, Macaafa Faaruu Ermiyaas, Macaafa Hisqi'el Raajichaa fi Macaafa Daani'el Raajichaa jedhamu.
1.4.2 Raajota Xixiqqaa
Isaan kun Macaafota Hoose'aa Raajichaatii hanga Milkiyaas Raajichaatti kan jiran Macaafota Raajota Kudha lamaaniiti. Isaan kun yeroo garaa garaatti kan tajaajilan Raajotaa fi tajaajila of keessatti qabatanii kan jiran yoo ta'an iyyuu, booda Maraa Macaafaa tokko irratti 'Macaafota jarreen kudha lamaanii' jedhamanii taa'an. Macaafotni kun Macaafota Raajota gurguddaatti aananii dhuma Macaafota Kakuu Moofaa irratti kan argaman qaama Macaafa Qulqulluuti. Isaanis: Macaafa Hoose'aa Raajichaa, Macaafa Yo'el Raajichaa, Macaafa Amos Raajichaa, Macaafa Obaadiyaa Raajichaa, Macaafa Yoonaas Raajichaa, Macaafa Miikiyaas Raajichaa, Macaafa Naahom Raajichaa, Macaafa Ambaaqom Raajichaa, Macaafa Sefaniyaa Raajichaa, Macaafa Haagee Raajichaa, Macaafa Zakaariyaas Raajichaa, Macaafa Miilkiyaas Raajichaa jedhamu.
.... Kutaan itti aanu itti fufa.