Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan
Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.
Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (OFDM) hundeessuun beekamu.
Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u Baankii Awaash hundeessuun, boodarras hojii gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.
Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru.