*#Marii_maraattotaa*
#Sammuun gabroomnaan #qaamni bilisa ta’uu hin danda’u.” Martin Luther
#Hospitala tokkotti #maraattonni lama #waardiyyaa goyyomsanii mooraa keessaa bahuuf wal mari'atanii gara #keellaa bahumsaatti imalu. Akka achi gahaniinis waardiyaa sana bakkasaatii dhaban. Baay'ee gaddaanii hidhii xuuxuun (#imts) ‘ayiiiiiiiiiii’ jechuun yeroo muraasaaf takka dhaabbatan. Kaayyoon isaanii bakka tursiisa isaanirraa bahaniif inni guddaan waardiyyaa gowwoomsanii bakkee bahuuf ture. Isaaniis, “ .......amma eenyuun gowwomsinee baanaree?” jechuun garuma turanitti deebi'ani.
#Hubadhu! Jarri kun waardiyyaa #gowwomsuu moo mooraa ala bahuuf kaayyeeffatanii bahan isinitti fakkaata? #Kaayyoon isaanii inni guddaan mooraa ala bahuu ture. Kunis mooraa ala akka hinbaaneef waan eegamaniif filannoo isaan qaban waardiyyaa #gowwomsuu ture. Garuu yeroo isaan bahuuf jedhan waardiyyaan waan hinjirreef qaama gowwomsanii bahan dhaban.
Argitanii osoo hulaan banaa jiru (bilisummaan bahuu danda’anii), sammuun isaanii gowwomsaatti waan amaneef deebi’anii galan. Dhalootni hedduun osoo #balballi gaarummaa isaan baasu jiru, nama miidhanii guddachuu ykn karaa jallinaa ce’uu barbaadu. Kunis osoo dafqa isaaniin milkaa’uu danda’anii dafqa namaa barbaadu. #Daandii ofiin deemuu osoo danda’anii daandii namarraa imalu. Guddina isa kaanii gad qabanii of guddachuuf kaatu. Sababa namootaafi sammuu jallinaan dorgomaniif fagoo deemuu hindanda’an.
Karaa si baasuu argannaan gara hojii isaa itti aanutti darbii malee waa’ee namootaaf dhimma hingodhatin. #Dorgommiinkee kaayyookee duukaa haa ta’u malee haalota si fuuldura ykn duubakee jiran duukaa hinta’iin. Lafa geessu yoo hinbeektu taanaan karaan hundi siif karaadha. Waan manaa baateefi lafa adeemtuu yoo beekte karaa irra #galma geessu hinwallaaltu. #Waaqayyo sammuu qajeelinaa gara daandii dhugaatti nu baasu nuuf haa kennu! Via Jenenus
Xumurarratti:
Barreeffamni "#Marii_maraattotaa" jedhu kun, seenaa salphaa fakkaatuun ergaa gadi fagoo fi gorsa jireenyaa barbaachisaa ta'e dhaloota har'aatiif dabarsa. Sammuu keenya bilisa baasnee, kaayyoo keenya beeknee, carraa fayyadamnee, dafqa ofiin milkaa'uuf carraaqqii gochuun, jireenya guutuu fi milkaa'ina qabu akka jiraannu nu gorsa. Gorsa kana hojiitti hiikuun faayidaa guddaa qaba.
Toora media keenya follow share
Facebook