🗣️ TAJAAJILAA ‘REINHARD BONNKE’ IRRAA QABXIILEE 10 BARANNU! (10 IMPORTANT LESSONS FROM EV. REINHARD BONNKE)
✍️ Waggaa 19ffaa isaaniirraa jalqabanii hojii Wangeela Mootummaa Waaqayyoo waggoottaan 60 darbaniif tajaajilaa kan turan H.Wangeelaa Reinhard Boonke, Gonfoo Ulfinaa isaaniif qophaa’e fuadhachuuf Muddee 07, 2019 waggaa 79ffaa isaaniitti gara Gooftaa deemaniiru.
Nama guddaa kanarraa maal baranna? Qabxiilee 10 gabaabsee siif katabeera…, irraa baratta jedheen amana…
🗣️ 1ffaa: Umriisaa guutuu Wangeelaaf of kenne: Waggaa 9’tti Gooftaatti amanee, waggaa 13 osoo hin taane adeemsa Wangeelaa jalqaba gara Afrikaatti godhe. Hojii Wangeelaa kana cimsee hojjadhuudhaaf mul’ata addaatiin ‘Christ For All Nations’, Ministirii/Tajaajila Wangeela saba hundumaaf jedhu bara 1974, ALA’tti hundeesse.
🗣️ 2ffaa: Awuroppaatti dhalatanii Afrikaarratti hojjatan: Ardii Awurooppaa biyya Jarmaniitti dhalatan, mul’ata addaa ‘Africa shall be saved!’, Afrikaan Wangeelaan fayyuu qabdi jedhanii ka’an. Tajaajillisaanii addunyaalessa (ardiilee hundumaarratti, biyyoota addunyaa baay’ee ta’uuyyuu) iaalchaa bal’aadhaan, ardii fi biyya isaarra darbanii, ardii Afrikaa, biyyoota Afrikaarratti (Cape Town to Cairo and from Dakar to Djibouti) xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjatan.
🗣️ 3ffaa: Tajaajila bu’a qabeessa tajaajilan: Tajaajilasaanii waggaa 60 keessatti namootni miliyoona 77 ta’an Gooftaa Yesuusitti amanan.
🗣️ 4ffaa: Ayyaana/Dibata addaa Gooftaan isaaf kenne amanamummaan itti fayyadaman: Bonkeen lallabaadhas, barsiisaadhas, raajiidhas… tajaajilasaa keessatti dinqii fi milikkita gurguddaatu ta’a ture. Kana hundumaa keessatti garuu Maqaa WAAQAYYOOF kabaja kennuu malee maqaa fi ulfinasaanii hin dubbatan.
🗣️ 5ffaa: Hojjetaa Wangeelaa ta’anii jalqabanii Hojjetaa Wangeelaa ta’anii xumuran: Bara namni maqaasaa yeroodhaa yerootti Hojjataa Wangeelaarraa gara Raajii, Paastarii, Ergamaa, Ergamaa guddaa…jedhaa jirjiiraa oolu kanatti, bara hojjataa Wangeelaa jedhamuu hin barbaadamne kana keessatti, Hojii Waaqayyoo hojjachuu malee maqaa fi ulfinasaaniitif dhimma hin qaban. Jalqabaa hamma dhumaatti maqaa Hojjata Wangeelaa jedhuun xumuran.
🗣️ 6ffaa: Barumsa Macaafa/Kitaaba Qulqulluu kan baratan turan: Bible College of Wales’tti barumsa baratanii tajaajilatti bobba’an…
🗣️ 7ffaa: Kitaabota Barreessuu: Kitaabotaa fi barreeffamoota adda addaa afaanota 100 oliin maxxansiisuun biyyoota 55 ol ta’an dhaqqabsiisaniiru…
🗣️ 8ffaa: Xiqqaarraa jalqabanii guddachuu: Tajaajillisaanii biyya Jarmanii waldaa tokkotti jalqabe, ergasii gara Afrikaatti dhufee, yeroo jalqabaatiif biyya Leeseetootti namoota 100 ta’aniif Wangeela lallabuudhaan jalqaban,…ergasii tajaajillisaanii guddachaa dhufee sagantaa tokkorratti namootni miliyoona jaha ta’an hirmaatanii turan…
🗣️ 9ffaa: Hundeessa Minisitirii CFAN ta’anii gaggeessumma dhaloota haaraadhaaf dabarsan: Bara namni anatu dhaabbata hundeesse, anatu hamma dhumaatti/du’aatti hogganuu qaba jedhee jaalala aangootiif du’u kanatti, Ministirii hojii Wangeelaa hojjatu bara 1974 hundeessan sanarratti yeroo dheeraadhaaf erga gaggeessaa turanii booda, osooma/utuma lubbuun jiranuu tajaajila Lammii biyyaa USA (Ameerikaa) Daniel Kolenda jedhamuuf bara 2011 ALA dabarsanee kennuun fakkeenyummaa gaarii kaa’an.
🗣️ 10ffaa: Xumura bareedaadhaan xumuran: Umriisaanii guutuu Wangeelaaf of-kennanii, amanamummaadhaan Gooftaasaanii tajaajilanii, iddoo maatiinsaanii walitta qabamee jirutti Muddee 07, 2019’tti gara Gooftaatti deeman. Fiigichasaaniis milkaa’inaan xumuran.
🗣️ Ergaa xumuraa: Dan. 12:13, Ati garuu hamma dhumaatti deemi. In boqotta. Guyyaa dhumaa sanattis Gonfoo ulfinaa sana fudhatta. Akkuma Ergamaan Phaawuloos jedhe (2Xim. 4:6-9), fiigicha kiyya xumureera, amantii kiyyas eeggadheera. Kana booda Gonfoon ulfinaa na’eeggata akka jechuu dandeessuuf jabaadhu. WAAQAYYO GOOFTAAN xumura kiyyas, keetis nuuf haa midhaassuu. Ameen. Waan guddaa irraa baratteerta jedhee amana, hiriyoota keetis dhaqqabsiisi. Eebbifamaa!
@Maaranaataa_Yesuus