Maaranaataa Yesuus


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Education


Barnoota Dhufaatii Gooftaa Yesuus Asii argattu

Related channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Education
Statistics
Posts filter


⏰❤️ Hariiroo jaalalaa fayya qabeessa qabaachuuf sadarkaa isa,... Itti fufaa dubbisaa

▶️"Jaalala hiriyyummaa keessatti wanti namoonni baayeen dagatan...➡️ See More

          👇👇👇
   👉 See More  👈
   👉 See More  👈
           👆👆👆


🚨 Hariiroo Jaalala sirrii,..↪️ See More


📂 Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 10ffaa

V. Lammaaffaa Deebi'ee Dhufuuf Turuun Gooftaa Yesus Kiristos Maaliif? (2Phe. 3:9) - Akka kutaan kun kaa'utti wantoota sadiif ture.

A) Namoonni gar-tokkoyyuu akka badan waan hin barbaanneef; Waaqayyo namni akka baduuf hin uumne. Inni badiisa nama tokkootti iyyuu hin gammadu. "Ani jiraataadha! 'namni jal'aan karaa isaatii akka deebi'uu fi akka jiraatu malee, ani du'a nama jal'aatti hin gammadu'..." jedha Waaqayyo (His. 33:11). Egaa Kristoos yoo dafee deebi'uu baate, akka namni hin banneef malee ni hafe jechuu akka hin taane hubatamuu qaba. Kun immoo sababa itti aanuuf akka ta'e haa ilaallu:

B) Namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka jijjiirrataniif ture. Qomoo muraasa, saba gar-tokko, warra filatamoo kan kana fakkaatan fayyisuu barbaade osoo hin taane, nama hundumaaf malee. Namni sanyii Addaam irraa kan argaman mara jechuudha. Qomoon namaa kamiyyuu, fudhates dhiises, Waaqayyoof namuma isaati. Kanaaf gooftaa Yesuusiin amanee qalbii jijjiirachuu isa dhugaa akka barbaadu ifoomsee jira. Waaqayyichi bara si'anaa yoo isaan golge malee yoo ‘tole’ jedhanii gara isaa dhufaniif hunduma isaanii fayyisuuf eegaa akka jiru kutaa kana irraa hubachuu ni dandeenya. Garuu hanga kun ta'utti turee eegaa jira.

C) Obsaan eeguu/turuu Gooftaa: Obsi Yesuus gowwummaa hin turre; dagachuus miti; yookiin waa dhibamee, ko'eessa waan ta'eef yookiin yeroo waan wallaaleef miti. Garuu hanga obsa isaa biyya lafaa kanatti agarsiisuuf, hamma malee obsaan eegaa akka jiru haa hubataniif kana godhe. Cubbamoota haala tokko tokkoon gara isaa akka dhufaniif eega. Yookiin ergaa wangeelaa akka dhaga'aniif yeroo isaaniif laachuu isaati. Warri amananii fayyan osoo dafee dhufee guddaa akka isaan hawwan ni beeka. Garuu ammayyuu warra harkaa fi kiyyoon qabamuu diinaa jala jiraatan obsaan eegaa jira. Sagalee mararoo fi kan jaalalaatiin waamaa jira. Ammuma iyyuu hedduun dhufanii fayyaa jiru; osoo ta'uu baatee, silaatii amantaan garaa garaa carraa amananii fayyuu hin argatan turan. Kana qofa osoo hin taane, nuti illee waan hedduu irraa kaachuu keenyaaf osoo inni hin obsine ta'e, maaltuu nu liqilmsa ture? Isa carraa yeroo nuuf laateef galanni baruma baraan haa ta'uf.

@Maaranaataa_Yesuus


📂 Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 9ffaa (2)

Ergaa 'Alice Bailey' Qabxiilee 10

Qabxiilee 10 – Kiristaanummaa Barbadeessuuf --- kan itti fufe ---

9. Sochii Wal Makuu Amantaa Uumuu/Syncretism: Amantaan kiristaanummaa kan biroo waliin akka wal fakkaatanii fi wal qixa akka ta’ee kakaasuu. Kiristaanummaan filannoo tokko qofa akka ta’e yaaduu isaa cabsuu; kunis kiristaanummaa gad harkisuu, amantaa biroo jajjabeessuu fi namni fuul-dura isaa fi galma isaa dhimma amantaan osoo hin taane ofiin murteeffachuu akka qabu, kun mirga isaa akka ta’e itti himuu jajjabeessiti. Kana maraan Waaqayyoon Teessoo isaa irraa fonqolchuun ni danda’ama jetti. Kanaaf har’a wal makuun amantaa addunyaa irratti babal’achaa akka jiru beekuuf raajii irraa dhaga’uun hin barbaachisu.

10. Seerotni fi qajeelfamoonni kun akka mirkanaa’anii fi waldooleen amantaa hundi fudhatanii akka labsan gochuu: Waldaan kiristaanaa sochii kana seera bultoo isheetti jijjiiruudhaan simattee miseensonni ishee jireenya isaanii keessatti akka shaakalan gochuu qabdi. Kana irraa kan ka’e har’a mootonni addunyaa hedduun seerota Kitaaba Qulqulluu faallessuu fi mormu boceessaa jiru. Waldaanis dubbicha irratti ija laaftee afaan qabataa jirti.

Egaa kun Karoora Sochii Dhaloota Bara Haaraa (New Age Movement) kan waggaa 50, isa sirna tokkummaa dinagdee, siyaasaa fi amantaa addunyaalessaa wixiname gara hojiitti akka jijjiiramuuf gumaacha guddaa ni ta’a. Kanaaf mootummoonni gamtooman akka walii galaatti waan mirkaneessaniif biyyoota hedduu keessatti hundi isaa hojii irra oolee jira.

Egaa amantoonni wantoota kana maraa fi kan kana fakkaatan boriyyuu nu qaqqabuuf saffisaa jiruuf furmaata kan ta'u Caaffata Qulqullaa'aa barachuu fi beekuu, itti jiraachuu, Waaqayyoon jaallachuu, sodaachuu, abboomamuu, qulqullummaatti jiraachuu, kadhachuu fi barsiisuu, kan kana fakkaatan irraa kan hafe waan addaa osoo hin eegnu ta'ee gaariidha. Ijoollee ofii manatti gorsuu, adabuu, karoora jireenya isaanii isa borii agarsiisuu fi harka irra kaa'anii kadhachuu malee harka ormaatti (barsiisota qofatti) dhiisuun furmaata miti. Ergaa isa hafe immoo yoo gooftaan jedhe yeroo biroo itti deebina.

Walumaa galatti tooftaa deemsaalee kana ibsuuf fakkeenyaan fatteewwan bishaan keessa kaa’uu dhaga’e tokkon fayyadama.

Fatteewwan bishaan danfe keessa yoo keenye waan itti hin tolleef utaalanii keessaa ba’u. Garuu isa dilallaa’aa keessa keenyee, suuta suutaan ibidda immoo jalatti bobeessinee yoo itti bulluqsine shaakalaa deemu; dhuma irrattis affeelamanii dhumu. Egaa barri keenya kun kan nu irratti hojjechaa jiru akkanuma akka ta’e kan hubate, jalaa ba’uufis “Malli jiraa?” jedhee kan iyyu jiraa laata? (Efe. 5:15-17).

@Maaranaataa_Yesuus


📂 Baruumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 9ffaa

Ergaa 'Alice Bailey' Qabxiilee 10 – Kiristaanummaa Barbadeessuuf – kan itti fufee jiru,...

4. Ulfa baasuu seerawaa taasisuu fi salphaa gochuu: saal-qunnamtiin yoo mirga argatu ulfi salphaatti akka ba’uu fi seera-qabeessa akka ta’u gochuuf immoo kilinikoota ulfa baasan ijaaruu fi babal’isuu, maneettii barnootaa keessa kilinikoota dhaabuu, bilisummaan sagaagalanii maqaa isaa “ulfi hin barbaachifne” yoo dhufe akka hin sodaanne jajjabeessuu, kun dubartummaaf mirga guutuu akka ta’ee fi salphaa ta’uu isaa qindeessuu, yookiin mala kondomii fi kanneen biroo fayyadamuu akka danda’an gochuu.

Kunis lakkoofsa uummataa hir’isuuf kaayyoo qabaniif illee gumaacha guddaa akka qabu xiyyeeffannoo isaaniiti. (Namoonni saal-qunnamtii daangaa hin qabnetti jiraatan “gaa’ela fayya-qabeessaa fi maatii baay'achuu” illee hin barbaadan - kanas qoradhaa!)

5. Wal hiikkaa salphaa fi seerawaa gochuu: kun nama yaada fedhii gaa’ela qulqullaa’aa keessaa baasuudha. “Hidhaa jaalalaa isa kan gaa’elaa jalaa ba’uuf abbaa feete waliin yeroo feetetti jiraachuuf aarsaa kam iyyu kaffali. Gammachuu gaa’elaan alaa argachuuf dhimmii carraaqi; takkaa sidarbinaan hin argattu. Dhiira/dubartii waliin jaalala yoo dhaabde, kan biraa waliin itti fufuu malee duudha kiristaanummaatiin hidhamuuf hin murteeffamiin. Yeroo hunda akka abaaboo ‘fakaa, fataa, zanaa’ jechaa jiraadhu” jedhanii labsu. Egaa Milk. 2:16 kan mormu ta’a jechuudha. Kun immoo gaa’ela keessaa masaraa gammachuu, jaalalaa fi nagaa isa dhugaa jigsuuf kan karoorfamedha.

6. Sodoomummaa fi kan biroos akka tooftaa jireenyaatti fayyadamuu: Akka labsii Alice Bailey ‘tti maddi gammachuu keessa-ba’aa sanyii namaaf saal-qunnamtiin daangeffamuu hin qabu. Kanaaf lamaanuu yoo waliif galan, barbaadnaan sodoomummaa, fira, lubbu-qabeenyii waliin akka ta’u hayyamamuu qaba jetti. Isa kana Afirikaa dirqisiisuuf jecha warri biyyoota dhihaa gargaarsaa fi misooma isaanii keessaa baasaa jiru.

Waldoota biyya isaanii keessatti gaa’ela sodoomummaa raawwachaa jiru. Tajaajiltoota akkanaas muudaa jiru. Kana irraa kan ka’e biyyoonni hedduun sodoomummaa waan fudhataniif deemsicha mormuu fi akka Waaqayyo ciigga’u dubbachuun akka ulfaataa ta’u yaaduun nama hin rakkisu. (Lew. 18:22; 20:13)

7. Ogummaawwan /ስነ ጥበብ/ arts/sarara sirrii keessaa baasuu fi mancaasuu: Ogummaalee waan gaariif yoo kennaman iyyuu faallaa isaatiin yaadaa fi ilaalcha namaa booressuu fi faaluu ni danda’u. Sababiin isaas ogummaan afaanii fi ergaa hafuuraati. Isa keessa nama jiru gad baasee mul’isa. Fakkeenya; muuziqaa, sinimaa, ogbarruu, diraamaa, fiilmota ‘Holy Wood’ kan kana fakkaatan.

8. Yaada sammuu jijjiiruu fi kakaasuuf miidiyaalee fayyadamu: Ilaalcha namootaa jijjiiruuf miidiyaaleen meeshaa guddaadha. Saal-qunnamtii gaa’elaa alatti iddoo fedhanitti 80-90% caalaa argachuun akka danda’amu agarsiisuu. Saal-qunnamtii daangaa hin qabne akka kennaa uumamaatti namoonni haala kam keessa taa’anii akka arganii simataniif miidiyaaleetiin daawwachiisu. Agarsiisni kunneen Sochii Bara Haaraa /icciitii Seexanaa/ waan ta’eef duudha kiristaanummaa tasa hin agarsiisan.

......itti fufa......

@Maaranaataa_Yesuus


🗣️ Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo cimaa qabaachuu yoo barbaadde, atii fi hiriyaan kee amaloota armaan gadii kana fudhachuu qabdu: 💔
👇👇

https://gaggeessummaa.com/hariiroo-cimaa-qabaachuu


📂 Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 8ffaa

Ergaa 'Alice Bailey' Qabxiilee 10

Qabxiilee 10 – Kiristaanummaa Barbadeessuuf

Alice Bailey fi Sirna Idile-Addunyaa Haaraatiin Wixiname

(Oct.16, 2013; 10 points Chartes of Alice Bailey-New World Order)

Kaayyoo: Waldaan Kiristaanaa utuu rafaa jirtuu Seexanni sirna ofii isaa baafatee lubbuu hedduu fixuuf akka ka’ee jiru hubachiisuuf. Waggaa 70’n dura hordoftuu Seexanaa kan turte dubartii 'Alice Bailey' jedhamtuun wixinamee mootummoota gamtoomaniif kan laatte, tooftaa farra kiristaanummaa, kunis namoota gara Si’oolitti gad harkisaa akka jiru akka armaan gadiitti ilaalla.

1. Maqaa Waaqayyoo fi kadhannaa sirna barnootaa keessaa mancaasuu: ijoollee sirnaa fi waanjoo aadaa fi bartee kiristaanummaa jalaa bilisa baasuu qabna; baricha isa dhumaafis isaan qopheessina; isa nuti isaaniif laannus akka fudhatan goona. Akkasitti barbaachisummaa Waaqayyoo ni xiqqeessina yookiin lammaffaa goona. (Kan biyya keenyaa bara mootummaa Dargiitti hojii irra oolchame)

2. Kabajaa fi aboo warra ijoollee irraa gad buusuu: ijoolleen walitti dhufeenya warra isaanii irraa adda baanaan waanjoon kiristaanummaa warra irraa gara ijoolleetti inni darbu ni hafa. Kunis:

2.1. Mirgi ijoollee daangaa malee akka ta’uuf ni guddisa: Warra isaaniin “hin ta’u, hin godhu...”; barsiisaadhaan “hin ajajamu”; gaggeessitoota amantiif “tole” kan hin jenne ta’u. “Kun mirga kooti…” jechuu baay’isu. Kana immoo ijoollee mana keessanii, ollaa keessanii ilaaluun ragaadha.

2.2. Seera adabbii ijoollee ittisu labsuu: Fak. 23:13-14 irra kan jiru mormuu, hamminaa fi jal’ina, abboommii warraa diduu kan kana fakkaatan jajjabeessuu.

2.3. Deemsa kana raawwachiisuuf barsiisota mana barumsaa akka adda-durummaatti fayyadamuu: keessumaa umurii KG yookiin waggaa torbaa eegalee “Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi akka kadhattan isin dirqisiisuuf mirga hin qaban; mirgi isaa kan keessan malee; of beekaa, of ta’aa, of ibsadhaa kan kana fakkaatan” jedhanii waggaa guutuu kan barsiisan, kanas galma geessisuuf barsiisotaaf faayidaadhaan hidhachiisuu.

😀☠️☠️😀

3. Caasaa maatii isa jabaataa, isa kan Yihudummaa fi kan kiristaanummaa diiguu: Jiraachuun sirna gaa’elaa fi maatii wabii jiraachuu biyyaa ta’ee osoo jiruu,

a) Saal-qunnamtii daangaa hin qabne cimsanii barsiisuu (CSE-Comprehensive Sexual Education): Barnoota sochii saal-qunnamtii gaa’elaan alaa, saal-qunnamtiin karaa fedhe gammachuu dhala namaa akka ta’e, akka fedhan ittisa tokko malee gad dhiisiitiin miriixachuu, jireenya halalummaatiin of jajuu fi boonuu itti facaasuu fi tarkaanfii Efe. 5:3-5 kan mormu babal’isuu ture.

Akkan odeeffannoo argadhetti Itoophiyaan Mootummaa Idile-Addunyaa waliin CSE kana manneetii barnootaatti akka sirna barnootaatti/curriculum/dabalamuuf waggaa torbaan dura waliif galtee mallatteessiteetti jedhama. Kana raawwachiisuufis gargaarsa maallaqa Euro. Mil. 11 ol akka waadaan galameef icciitiin isaa barameera. (Maddi Elshadaai tv irraa).

Qabeenyichi leenjichaaf laatame kan warra gaa’ela saala walfakkaataa irraa akka ta’ee fi amantootas akka ta’an beekamee jira.

b) Industirii beeksisaa fayyadamuu: miidiyaalee akka tv, barruulee, fiilmii fi raadiyoo fayyadamuudhaan jireenya
halalummaa madda gammachuu ilmaan namaa akka ta’e jajjabeessuudha. Kanaaf beeksisni kamiyyuu qaama qullaa, saal-qunnamtii fi suurawwan namaa qunnamtiif kan dadamaqsan waliin akka hojjechaa jiran mirkaneeffachuudha. Galii beeksisa kanaatiin immoo akkam akka duroomaa jiran yaadaan qabuun ni danda’ama.

... itti fufa...

@Maaranaataa_Yesuus


📂 Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 7ffaa

III. Mallattoolee Bara Dhumaa - kan itti fufe,...

4. Wangeelli Mootummaa Waaqayyoo Iddoo Hundumaatti Lallabamuu: -> Gurri Namootaa Waaqummaa Yesus Kiristos ni dhaga'a.

Ergaan wangeelaa fi labsiin isaa saffisaan darbaa akka jiru beekamaadha. Fakkeenyaaf miidiiyaalee sab-qunnamtii addaa addaatiin gurra hedduu bira ga'aa jira. Isa hafeefis bifaa fi haala gaariis ta'ee gadheetiin akka dhaga'an akka ta'u
Waaqayyo taasisaa jira. Kanaaf nuti illee gama keenyaan kanneen hin dhageenye jennee yaadnu itti himuudhaan hojii
guyyaa Gooftaa Yesus ariifachiisuu akka qabnu, 2Phe. 3:12 irratti nu yaadachiisa.

Egaa kun namoonni dhaga'anii akka fayyan qofaaf osoo hin taane, isa dhaga'aniin akka itti murtaa'uuf gooftaan dubbateera. Hin dhageenye akka hin jenneef itti himamuu akka qabuu fi akka itti hin gaafatamneen jala murree beekuu qabna.

Yaadadhu,... ✍️

Deebi'ee dhufaatii Kristoos jechuun, duraan foon uffatee, nama ta'ee .... dhufe; du'ee, ka'ees gara mirga abbaa isaatti ol ba'e. Ta'uyyuu amma immoo gooftummaa fi mootummaa fudhatee gara dachee kanaatti gadi ni dhufa. Egaa kun "deebi'ee dhufuu" jedhama.

Akka namoonni ni seesa jedhanii yaadan miti; inni akka dhufu, yoom-eessaan hin beekamu malee murtaa'aadha. Haa ta'u malee sababiin deebi'ee dhufuu turuun isaa maaliif akka ta'es itti fufnee waliin kan ilaallu ta'a.

Kanatti fufnee,...

'Ergaa Alice Bailey' Qabxiilee 10 (kudhan) Kiristaanummaa barbadeessuuf karoorfame Sirna Idile-Addunyaa Haaraatiin Wixiname kan kaayyoon isaa Waldaan Kiristaanaa rafaa utuu jirtuu Seexanni sirna ofii isaa baafatee lubbuu hedduu fixuuf akka ka’ee jiru hubachiisu. Waggaa 70’n dura hordoftuu Seexanaa kan turte dubartii Alice Bailey jedhamtuun wixinamee mootummoota gamtoomaniif kan laatte, tooftaa farra kiristaanummaa, kunis namootaan gara Si’oolitti gad harkisaa akka jiru itti fufnee armaan gaditti kan ilaallu ta'a!

@maaranaataa_Yesuus


🗣️ Dhiirri tokko gaa'elaaf gahaa erga ta'ee booda sababoota muraasaaf gaa'elatti galuu dhiisee turuu danda'a. Gaa'elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu ta'uutu irra jiraata. Guutummaa isaa website keenya seenuun dubbisaa👇👇

https://gaggeessummaa.com/qophii-gaaelaaf-barbaachisu-2/


🗣️ TAJAAJILAA ‘REINHARD BONNKE’ IRRAA QABXIILEE 10 BARANNU! (10 IMPORTANT LESSONS FROM EV. REINHARD BONNKE)

✍️ Waggaa 19ffaa isaaniirraa jalqabanii hojii Wangeela Mootummaa Waaqayyoo waggoottaan 60 darbaniif tajaajilaa kan turan H.Wangeelaa Reinhard Boonke, Gonfoo Ulfinaa isaaniif qophaa’e fuadhachuuf Muddee 07, 2019 waggaa 79ffaa isaaniitti gara Gooftaa deemaniiru.

Nama guddaa kanarraa maal baranna? Qabxiilee 10 gabaabsee siif katabeera…, irraa baratta jedheen amana…

🗣️ 1ffaa: Umriisaa guutuu Wangeelaaf of kenne: Waggaa 9’tti Gooftaatti amanee, waggaa 13 osoo  hin taane adeemsa Wangeelaa jalqaba gara Afrikaatti godhe. Hojii Wangeelaa kana cimsee hojjadhuudhaaf mul’ata addaatiin ‘Christ For All Nations’, Ministirii/Tajaajila Wangeela saba hundumaaf jedhu bara 1974, ALA’tti hundeesse.

🗣️ 2ffaa: Awuroppaatti dhalatanii Afrikaarratti hojjatan: Ardii Awurooppaa biyya Jarmaniitti dhalatan, mul’ata addaa ‘Africa shall be saved!’, Afrikaan Wangeelaan fayyuu qabdi jedhanii ka’an. Tajaajillisaanii addunyaalessa (ardiilee hundumaarratti, biyyoota addunyaa baay’ee ta’uuyyuu) iaalchaa bal’aadhaan, ardii fi biyya isaarra darbanii, ardii Afrikaa, biyyoota Afrikaarratti  (Cape Town to Cairo and from Dakar to Djibouti) xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjatan.

🗣️ 3ffaa: Tajaajila bu’a qabeessa tajaajilan: Tajaajilasaanii waggaa 60 keessatti namootni miliyoona 77 ta’an Gooftaa Yesuusitti amanan.

🗣️ 4ffaa: Ayyaana/Dibata addaa Gooftaan isaaf kenne amanamummaan itti fayyadaman: Bonkeen lallabaadhas, barsiisaadhas, raajiidhas… tajaajilasaa keessatti dinqii fi milikkita gurguddaatu ta’a ture. Kana hundumaa keessatti garuu Maqaa WAAQAYYOOF kabaja kennuu malee maqaa fi ulfinasaanii hin dubbatan.

🗣️ 5ffaa: Hojjetaa Wangeelaa ta’anii jalqabanii Hojjetaa Wangeelaa ta’anii xumuran: Bara namni maqaasaa yeroodhaa yerootti Hojjataa Wangeelaarraa gara Raajii, Paastarii, Ergamaa, Ergamaa guddaa…jedhaa jirjiiraa oolu kanatti, bara hojjataa Wangeelaa jedhamuu hin barbaadamne kana keessatti, Hojii Waaqayyoo hojjachuu malee maqaa fi ulfinasaaniitif dhimma hin qaban. Jalqabaa hamma dhumaatti maqaa Hojjata Wangeelaa jedhuun xumuran.

🗣️ 6ffaa: Barumsa Macaafa/Kitaaba Qulqulluu kan baratan turan: Bible College of Wales’tti barumsa baratanii tajaajilatti bobba’an…

🗣️ 7ffaa: Kitaabota Barreessuu: Kitaabotaa fi barreeffamoota adda addaa afaanota 100 oliin maxxansiisuun biyyoota 55 ol ta’an dhaqqabsiisaniiru…

🗣️ 8ffaa: Xiqqaarraa jalqabanii guddachuu: Tajaajillisaanii biyya Jarmanii waldaa tokkotti jalqabe, ergasii gara Afrikaatti dhufee, yeroo jalqabaatiif biyya Leeseetootti namoota 100 ta’aniif Wangeela lallabuudhaan jalqaban,…ergasii tajaajillisaanii guddachaa dhufee sagantaa tokkorratti namootni miliyoona jaha ta’an hirmaatanii turan…

🗣️ 9ffaa: Hundeessa Minisitirii CFAN ta’anii gaggeessumma dhaloota haaraadhaaf dabarsan: Bara namni anatu dhaabbata hundeesse, anatu hamma dhumaatti/du’aatti hogganuu qaba jedhee jaalala aangootiif du’u kanatti, Ministirii hojii Wangeelaa hojjatu bara 1974 hundeessan sanarratti yeroo dheeraadhaaf erga gaggeessaa turanii booda, osooma/utuma lubbuun jiranuu tajaajila Lammii biyyaa USA (Ameerikaa) Daniel Kolenda jedhamuuf bara 2011 ALA dabarsanee kennuun fakkeenyummaa gaarii kaa’an.

🗣️ 10ffaa: Xumura bareedaadhaan xumuran: Umriisaanii guutuu Wangeelaaf of-kennanii, amanamummaadhaan Gooftaasaanii tajaajilanii, iddoo maatiinsaanii walitta qabamee jirutti Muddee 07, 2019’tti gara Gooftaatti deeman. Fiigichasaaniis milkaa’inaan xumuran.

🗣️ Ergaa xumuraa: Dan. 12:13, Ati garuu hamma dhumaatti deemi. In boqotta. Guyyaa dhumaa sanattis Gonfoo ulfinaa sana fudhatta. Akkuma Ergamaan Phaawuloos jedhe (2Xim. 4:6-9), fiigicha kiyya xumureera, amantii kiyyas eeggadheera. Kana booda Gonfoon ulfinaa na’eeggata akka jechuu dandeessuuf jabaadhu. WAAQAYYO GOOFTAAN xumura kiyyas, keetis nuuf haa midhaassuu. Ameen. Waan guddaa irraa baratteerta jedhee amana, hiriyoota keetis dhaqqabsiisi. Eebbifamaa!

@Maaranaataa_Yesuus


🗣️ Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Maal Jedha?

Kutaa Macaafa Qulqulluu Mat. 5:27-29 irratti hundaa'udhaan gabaabinaan Waa'ee pornogiraafii yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin haa ilaallu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Mat. 5:27-29)
Guutummaa isaa website keenya irraa ni argattu 👇👇

https://gaggeessummaa.com/macaafni-qulqulluun-waaee-pornogiraafii-dubbateeraa/


🗣️ Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda'a. Kakuu (waadaa)'n dubbii gati jabeessa waan ta'eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha. Guutummaa isaa as tuquudhaan dubbisaa,...👇👇

https://gaggeessummaa.com/kakuu-waadaa/


🗣️ Addunyaan keenya faallaa lamaan guutamtee jirti. Jireenyi namaa wantoota adda addaa lamaan kanaan daawwatama. Gaddaa fi gammachuu, kisaaraa fi bu'aan, gammachuu fi kolfa, yaaddoo fi boqonnaa, salphinaa fi ulfina kunneen karaa jireenyaa ilmi namaa keessa darbudha. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/dukkana-koo-ibsita/


Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 6ffaa

III. Mallattoolee Bara Dhumaa - Muraasa

i) Mallatoolee jalqaba ciniinsuu - Jijjiirama qilleensaa, elliinoo, laaliinoo, kaanseri, HIV, Ziikaa, Kovid 19 (koronaa), nervii, sukkaara, shoroorkeessaa hedduu,
ii) Mallatoolee seenaawwanii - Bara Nohii fi bara Loox (Luq. 17:26-37) - kutaa biraatti ilaalla
iii) Mallatoolee uumama irratti raawwataman - Macca waaqa keessaa irratti (2Phe. 3:10-12)
iv) Mallatoolee gocha daabiloos
a) Kiristoos/Masihii sobaa (Mat. 24:4-5, 23-24)
b) Raajota sobaa (Mat. 24:24; 2Phe. 2:1)
c) Barsiisota sobaa (2Phe. 2:1-3)
d) Gubaa bineensichaa (Mul. 13
e) Mallattoo bineensichaa - 666
f) Jawwicha guddicha (Mul. 12:3-9; 16:13-14)
g) Boficha bara durii (Mul. 20:2)
h) Seexana (2Qor. 11:14)
i) Ergamoota sobaa (2Qor. 11:13)
j) “Jarreen tokko” (Gal. 1:6-7; 5:7-10; HoE. 15:1,24) – dhoksaadhaan hojjetu.
v. Jaalalli waan dilallaa’uuf lolaa fi oduun lolaa dhaga’amuu isaa (Mat. 24:6,12) Kanaafis:
a) Seera malee jiraachuun baay’achuu (12
b) Sabni saba irratti ka’uu (7)
c) Dabarsanii walkennu (10)
d) Beelaa fi dha’icha dhukkuba addaa addaa (7)
e) Socho’a lafaa hedduu (8)
f) Raajonni sobdoonni carraa argatu (11, 23-28)

IV. Deebi'ee Dhufaatii Yesus Kiristoos Dura Dirqama Wantoonni Gurguddoon Maaltu Raawwatamuu Qabu? (2Tas. 2:2-12; Mat. 24:15,32)

1. Dameen muka harbuu/በለስ/ quqquuqee baala biqilchuu; lalisuu.

Harbuun Israa’eliin bakka bu’a. Fakkeenyi kun deebitee walitti ijaaramuu mootummaa Israa'el kan agarsiisu akka ta'e, Komeentaariin Weirsbe ni ifoomsa. Biyyattin kun bara mootummaa Roomaanotaa Kiristoos booda 80-82 kan jiru keessatti akka diigamte seenaan waldaa kiristaanaa ni addeessa. Akkasitti hanga bara mootummaan gamtooman 1948 murtoodhaan akka deebitee biyya mootummaa ijaaramte taatutti akka bittimfamtetti hafte. Kun kan taates Gooftaa Yesuusiin simachuu waan diddeef akka ta'e (Luq. 19:41-44) dubbata. Kanaaf barri deebitee ijaaramuun ishee kun fakkeenya baala harbuu isa yeroo
inni quqquuqutti kaa'amee jira. Egaa kun kan ta'e, har'a waggaa 72 akka lakkoofsise hubachuun ni danda'ama. Kanaaf dirqama kun erga ta'ee, mallattoon raajummaa kanaan taa’e raawwatamee jira.

2. Waaqayyoon Mormanii Isa Irratti ka'uun Ni Mul'ata;

Dhimmi dubbii kanaa kitaaba "Icciitii barumsa sobaa isa ammayyaa" jedhu irratti mata-duree, "Mul'achuu Mormituu Mootummaa Kiristoos" jedhu jalatti ibsamee ni argattu. (yeroo biraa ilaalla) Kitaaba sana keessatti mormaan mootummaa Waaqayyoo adda of baasuuf yeroo isaaf kenname eeggachaa jira malee, mallaattoolee mul'isee of qoqopheessaa jiraachuu isaa ni argina. Garuu ammuma iyyuu mootonni dachee kanaa akkana gochaa akka jiran seenaa keessas, ijaanis argaa jira.

3. Inni hamaan seera malee jiraatu, "ilmi badiisaa" bakkeetti baafama;

Inni kunis kitaabuma sana irratti ibsamee jira. Egaa seera malee jiraachuun sirna waliif galtee idil-addunyaa irratti mirgi daa'immanii haa kabajamu wayita jedhamu, safuu fi duudhaa maatii fi hawaasa keessatti guddatan akka gataniif: “hin gorsinaa, hin adabiina” kan kana fakkaatan jechuudhaan akka feetee ta'uudhaan, seera-maleessummaa akka shaakalanii fi dhaloota gocha abaaramaa fi kan abaarsaa akka ta'anii guddatan heeraa jiraachuun isaani iccitii waltajjii irraati. Isaan yoo guddatan isaanuma keessaa mootii seera malee jiraatu nuuf ka'a isa jedhutti hawwaan eegaa akka jiran raaganii jiru. (Isa kana yeroo biraa "Ergaa Alice Bailey kurnan" hiikame keessatti arganna na hordofaa) 🙏

@maaranaataa_Yesuus




Pornogiraafiin Maali?

Hiika Pornogiraafii fi Yaada Qorattootaa

1. Amala fedhii saalqunnamtii kakaasu (Suura, video yookiin barreeffama) kan miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame agarsiisu.
2. Meeshaa (Kitaabota) fedhii saalqunnamtii agarsiisuu fi miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame.
3. Gochoota haala miira namaa kakaasuun argisiisuudhaan miira cimaa akka kakaasuuf yaadame. 👇👇

https://gaggeessummaa.com/pornogiraafiin-maali/


Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

✍️ #Kutaa - 5ffaa

4. Guyyaa fi Yeroon Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesus Kiristos Yoomidha?

Gaaffiin kun dhiphisaadha; salphaadha; walxaxaadhas.
i. Akka hattuuttidha. (2Phe. 2:10; 1Tas.5:1-2,4-5; Luq. 12)
ii. Ciniinsuun akka dubartii ulfaa qabatutti (1Tas. 5:3)
iii. Yeroo hin beekamnetti (Mar. 13:34-35; Luq. 12:45-46)
iv. Yeroo quba hin qabaatiinitti (Mat. 24:44)
v. Akka tasaa/dingata/ (Mar. 13:36)
vi. Akka bakakkaatti mul’ata (Mat. 24:27)
vii. Abbaa qofatu beeka (Mar. 13:32)

5. Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesus Eeggachuu: Gooftaan Yesus akkamitti eeggatama?

1. Of to'achuudhaan (1Tas. 3:13)
2. Of eeggachuudhaan (Mat. 24:43-44)
3. Obsaan (Mat. 24:13
4. Dammaquudhaan (Luq. 12:35-40)
5. Hawwiidhaan (Qol. 3:1-4)
6. Abdiidhaan (Mat. 24:32-35)
7. Gammachuudhaan (Yoh. 16:21-22)
8. Kadhachuudhaan (Mar. 13:33)
9. Amanamuudhaan (Luq. 12:42)
10. Of qopheessuudhaan (Luq. 12:31-37);
Fakkeenyota of qopheessuu:
(2Xim. 2:3-6; 2Qor. 11:2-3)
a) Raayyaa biyyaa
b) Qonnaan bulaa
c) Dorgomaa
d) Durba kaadhimaa eeggattu
e) Barataa eebbifamu

6. Deebi’ee dhufuu Kiristoosii fi Ga’ee Amantootaa

» Jaalalaa fi Dubbii Waaqayyootti hiddaa fi hundee godhachuu (Efe. 3:17; 1Tas. 3:11-13; 4:10)
» Dammaqanii kadhachuu (Mat. 26:41
» Gara jireenya guutamuutti guddachuu (Efe. 4:12-16
» Deebi’ee akka gooftaan Yesus dhufu yaaduu fi yaadachuu (2Phex. 3:8; Qol. 3:1-4)
» Mudaa malee ta’anii qophaa’anii eeggachuu (Mat. 25:1-13; 1Tas. 3:13)
» Qalbii jijjiirrachuu fi Obsaan deddeebi’uu (2Phe. 3:9; Yaq. 5:7-11)
» Namoota biroo illee yaadachiisuu!

II. Deebi’ee dhufaatiin Kiristoos si’a lama ta’uu isaa

1. Osoo hin mul’atin dhufa. Kun waldaa isaa fudhachuuf (warra qulqulloota ta’an),
yeroo eenyu iyyuu hin beeknee fi quba hin qabaatiinitti yookiin akka hattuutti dhufa (Luq.12:39-40; 21:34-36).

Yeroo kana Kiristoos waldaa isaa (warra obbaafatan du’aa kaasuu fi warra jiran immoo jijjiiruudhaan) qilleensa irratti butata. Kunis kan ta’uuf toloota ofitti sassaabachuuf (Yoh. 14:1-3), gidiraa jalaa oolchuufidha (1Tas. 1:10).

2. Mul’inatti Deebi’ee Dhufuu Isaa.
Samii irratti chidha waggaa torbaa booda toloota waliin ni dhufa. Ulfinaan waan dhufuuf hundinuu isa arguuf jiru.

Kaayyoon Lammaffaa Dhufuun kunis:
a) Waggaa kuma mo’uuf (Mul. 20:4-6)
b) Israa’eliif yeroo fayyinaa akka ta’uuf (Mat. 24:21-22; Rom. 11:26-27)
c) Cubbamoota yookiin hamoota ijaa ba’uuf (Mat. 25:31-48; 2Tas. 1:6-10)
d) Mootummaa Seexanaa fi kan Masihicha sobaa jigsuuf (Mul. 20:1-3)
e) Qulqulloota lafa kana irratti gammachiisuuf (Isa. 11:1-10
Isaan kana iddoo biraatti bal’inaan ilaaluu ni dandeenya.

@Maaranaataa_Yesuus


"Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha."
  — Yoh. 14:3


• Karaa, dhugaa fi jireenya inni ta'e Yesus Kristos nu fayyisee biyya lafaa ishee rakkinaan guutte kana keessatti nu hin dhiisu; akka nuti bara baraan gammadaa isaa wajjin jiraannutti deebi'ee dhufee gara ofii isaatiitti nu fudhata malee.

💐 Inni yeroo deebi’ee dhufutti warra isatti amananiif boqonnaa bara baraa, warra isatti hin amannetti immoo firdii bara baraa faraduudhaaf dhufa. Jireenyi bara baraa, ibiddi bara baraas lamaan isaanii iyyuu kan guyyoota muraasaa osoo hin taane kan bara baraati.

♻️ Qulqullootni warri isatti amanan hundi jijjiiramuun, dhaqna haaraa isa hin badne uffatanii Mootummaa Waaqayyoo keessa gammadaa, faarfachaa bara baraan jiraatu. Warri isatti hin amanne garuu kuufama ibiddaa fi dhagaa boba'u keessatti gubachaa, raammoo hin duuneen nyaatamaa bara baraan jiraatu. Ibiddumti xiqqoon yeroof yoo nama gube mee itti yaadi!...🔥

• Obboleessa koo, obboleettii koo Waaqayyo bara baraan dhiphachuu kee hin jaallanne waan ta'eef karaa fayyinaa siif qopheessee jira. Kanaaf atis jireenya yeroof jiraattuuf jettee jireenya bara baraa dhiistee gubannaa bara baraa hin filatin! Kanaaf maal gochuu qabdaree? Yesus Kristositti amanii boqonnaa bara baraa kana keessaa qooda qabaadhu!

• Warri isatti amanan biyya gammachuu malee gaddi hin jirre, ifa malee dukkanni hin jirre, faarfachuu malee boo’ichi hin jirre, biyya baraa hamma baraatti ulfinni Waaqayyoo keessaa ifu keessa jiraachuuf deemu.

“Inni wanta kana hundumaa dhugaa baasises, "haa ta'u! Ani dafee nan dhufa" in jedha. Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!
  — Mul. 22:20

👏 Gooftaa keenya nuuf kottu! Maaraanaataa! 🙏

@Maaranaataa_Yesuus


Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa

📋 #Kutaa - 4ffaa

Dhufaatiin Gooftaa Keenyaa Yesus Kiristoos iddoo lamatti qoodama. Isaanis:

1. Abdii raajotaa fi raawwatamuu dhalachuu isaatii hanga du’ee du’aa ka’ee gara mirga abbaa isaa taa’uu; fi

2. Mootummaa fudhachuuf si’a lammaffaa deebi’ee dhufuu isaati.

Isa jalqaba dhufe irratti hoolaa qalmaaf ta’u, bifa garbaa uffachuu fi nama fooniin du’u ta’ee dhufe. Garuu isa lammaffaatti mootii, abbaa aangoo, hundummaa harka isaa jala galfachuu fi firdii isa dhumaaf dhufa. Bara dhumaa kan jedhamu baratuu dhuma. Egaa barumsi itti aanee jiru kun kan isa lammaaffaa ilaallatu qofa ta’a.

Hiramuu barootaa - Rom. 5:12-14:
A. Addaamii hanga Museetti – bara seera du’aa jedhama.
B. Museetii hanga Yesusitti – bara seeraa jedhama.
C. Bara Dhalachuu Kiristoosii hanga dhumaatti – bara seera jireenya hafuuraati.

Itti fufee kan jiru barri “bara dhumaa” jedhamee waamama. Dhumni waan hundumaa fi barri dhumaa akka jiru hubachuu fi hubachiisuu qabna.

Waaqayyo waan uume hunda humna-qabeessa dubbii isaatiin akka uumee fi dubbichumaanis utubee qabee akka eege, isumaanis deebisee akka balleessu beekuu qabna. Jalqabni erga jiraatee dhumnis jiraachuun hin shakkisiisu. Kanaaf barri keenya “Bara Dhumaa” jedhama waan ta’eef barachuun dirqamadha na hordofuu hin nuffiinaa!

Kaayyoo Barreeffama Kanaa:

• "Waa'ee Dhufaatii Gooftaa keenyaa, fayyisaa keenyaa fi gara isaatti sassaabamuu keenya" ibsuufidha. Kunis Abdii Kaayyoo Gooftaatti amanuu keenyaadha. (2Tas. 2:1)

• Rakkoo baroota keessatti ka'an keessaa isa tokkoof ibsa ga'aa laachuuf "Deebi'ee Dhufaatii Yesus Kiristoos akka turutti yaaduu fi "Hin dhufu" kan jedhu ture. Isa kanaaf immoo deebii gaggabaaboo ta'an qabadhee dhufeera.

I. Deebi'ee Dhufaatiin Gooftaa Raagamuu Isaa:

1. Ragaan kun eenyu fa’aan dubbatame?

A. Daawwit (Far. 50:3-6; 96:13
B. Isaayaas (35:4; 40:10; 62:11; 66:15-16)
C. Zakkaariyaas (Zak.14:5
D. Gooftaa Yesus (Mat. 24:30, 44)
E. Ergamoota waaqaa (HoE. 1:11)
F. Phawuloos (1Tas. 4:16)
G. Phexiroos (2Phe. 3:10)
H. Yaaqob (Yaq. 5:7-9)
I. Yihudaa (Yih. 14-15)
J. Yohannis (Mul. 1:7)

2. Deebi'ee Dhufuu Gooftaa Yesus kan morman jiruu laata?

A) Warra hin amannee fi warra shakkan (Yoh. 21:24-27; Mul. 22:15; Luq. 19:12-14,27)
B) Warra ni tura jedhan (Luq. 12:45-46; 2Phex. 3:9)
C) Ga’iftoota warra ‘ni hafa’ jedhanii yaadan (2Phe. 3:3-4)
D) Warra amala sababiitiin deddeebi’an (Luq. 12:45-48; 14:15-24)
E) Daabilos, Seexana, boficha durii (Yoh. 8:44; Mul. 12:7-9)
F) Sochii barumsoota sobaa - Kiristoos biraa - Hafuura biraa - Wangeela biraa (2Qor. 11:1-4 ) (“….biraa” kan jedhu kana bifa biraatiin bal'inaan ilaalla)

3. Gooftaan Yesus Akkamitti Deebi’ee Dhufa? (Mat. 24:26-28)

A. Ulfina Abbaa fi surraadhaan (Mat. 16:27)
B. Humnaa fi ulfina guddaadhaan (Mat.24:30)
C. Duumessa waaqa irraatiin (Mat.26:64)
D. Ergamoota qulqulloota waliin (Mar.8:38)
E. Utuma ilaalanii dhufa (HoE. 1:9-11)
F. Akka bakakkaa ibsuudhaan (Mat. 24:27)

@Maaranaataa_Yesuus


BARUUMSA DEEBI’EE DHUFUU YESUUS KIRISTOOS

#Kutaa - 3ffaa

Baruumsa Deebi’ee Dhufuu Yesuus Kiristosii fi Taateewwan Bara Dhumaa

Yesuus Nuuf Dhufa 🙏

• Jalqaba namni Waaqayyo waliin jiraachaa ture. Garuu, sababii Addaami fi gargaartun isaa cubbuu hojjetaniif iddoo namatti tolu sanaa baanee biyya lafaa ishee rakkinaan, jal'inaan, cubbuudhaan, jibbaan, hammeenyan, fi kan kana fakkaan hedduun guutamte keessa jiraachaa jirra. (Uma. 3)

• Waaqayyo garuu adeemsa dheeraa booda jireenya keenyaaf jaalala nuuf qabu irraa kan ka'e sababii cubbuu keenyaa kanaaf aarsaa dhiyeessuu barbaadee ilma isaa isa jaalatu aarsaa sababii cubbuu keenyaaf godhee nuuf dhiyeesse. Innis aangoo Waaqummaa utuu qabuu gad of deebisee nuuf dhalatee, aarsaa sababii cubbuu keenyaa nuuf ta'ee cubbuu ilmaan namaa hundumaa baatee fannoo yaabee Waaqayyo abbaa nuuf kadhachuun nuu fi Waaqayyo abbaa walitti araarse. 🙏 INNIS YESUUS KIRISTOOS isa jedhameedha. (Isa. 53) guutummaatti akkamiin akka Yesuus nuuf dhiphate nuuf hima.

Isa. 53
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa'e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka waan Waaqayyo dha'icha isatti fidee, akka waan inni isa rukutee gad isa deebisettis in lakkoofne.
⁵ Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame;
⁶ nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e.

• Egaa yaa obboleessa koo Waaqayyo kana hundumaa kan godhe sababii koo fi kee ta'uu isaa hin dagatin! (Mul. 22:14) Maal gochuun akka nuuf ta'uu fi yoo qulqulluu taane maal argachuuf akka jirru tolchee nuuf hima. (Ibr. 3:1) immoo maal gochuun akka nuuf ta'u barreeffameera.

“Kanaafis yaa obboloota Waaqayyoof qulqullooftanii, waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii, Yesusin ergamaa fi angafa lubootaa, isa amantii keenyaan beeksifnu yaadadhaa!”
— Ibr. 3:1

“Warri uffata isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu.”
— Mul. 22:14

• Egaa obboloota koo Yesuus dhuguma deebi'ee dhufee nu fudhata. Akka nu fudhatu kakuu nuuf galeera. Inni akkuma sababii cubbuu keenyaaf gadi bu'e nu fudhachuuf deebi'ees ni dhufa. Waan inni nuuf qopheesse ijji namaa, gurri namaa, yaadni namaas kan hin hubannedha. Akkam nama gammachiisaa akkam namatti tolas. Garuu, meeqan keenyatu jireenyicha argachuuf jira laata?

@Maaranaataa_Yesuus



20 last posts shown.