📂 Barumsa Lammaffaa Deebi'ee Dhufaatii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Taateeewwan Bara Dhumaa
✍️ #Kutaa - 12ffaa
VII. Deebi'ee Dhufaatii Kiristoosii fi Du’aa Ka’umsa Amantootaa.
A. Warri duraan du'an ni kaafamu (1Qor. 15:12-58 - Du’aa ka’uu osoo hin dubbatin du’a booda namni maal fakkaata? kan jedhu hubachuun gaariidha. Lal. 12:7; Luq. 16:22-31 irratti:
a) Biyyoon gara biyyootti ni deebi’a;
b) Lubbuu fi hafuurri gara isa kennee gara Waaqayyootti deebi’a; kunis gara jireenya biroo isa haaraatti ce’a;
c) Lubbuu fi hafuurri cubbamaan Sii’ol keessa, qajeelonni immoo Jannata keessa turu;
d) Eenyummaan namichaa ni beekama; namni tokko nama biroo beekuu ni danda’a;
e) Nama biroo waliin dudubbachuun ni danda’am;
f) Haala keessa jiraatan beekuun ni danda’am;
g) Ofis nama biroos beekuu ni danda’ama;
h) Haala keessaa ba’anii dhufanis ni yaadatama;
i) Haala namoonni lafa irra jiraatan itti jiranis ni beekama;
j) Namni yoo foon keessaa ba’u beekumsa ammaa caalaa ni qabaata jechuudha.
» Egaa kanneen akka kanatti iddoo turmaata isaanii turan deebi’anii du’aa kaafamuuf akka jiran dubbiin Waaqayyoo nutti addeessa. Du’aa ka’uun lubbuu fi hafuurri dhufanii qaama foonii isa duraaniitti galuun deebi’anii ni jiraatu. (His. 37:1-10). Kanas waa’ee gooftaa keenya Yesus irraa mee haa barannu: “Kiristoos cubbuu keenyaaf du’eera; inni awwaalameera; guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera” (1Qor. 15:4-5; 1Tas. 4:14). Kanaaf warri ‘du’aa ka’uun hin jiru’ jedhan barsiisota sobdootadha jechuudha.
B. Du’aa ka’uun hin jiru osoo ta’ee maaltuu ta’a? (1Qor. 15 hubannaan dubbisaa)
◪ Kiristoos du’aa hin kaafamne kaa (1Qor. 15:13,16)
◪ Warri ‘du’aa ka’uu Kiristoos argineerra’ jedhanii labsan sobduudha jechuudha; labsuunis waa’ee hin baasu kaa (5-8)
◪ Isa du’ee hafe Kiristoositti amanuun bu’aa hin qabu kaa (14)
◪ Waaqayyo Kiristoos ilma isaa du’aa kaasuu hin dandeenye jechuudha kaa (15)
◪ Nutis warri ‘Waaqayyo Kiristoosiin du’aa kaaseera’ jenne warra Waaqayyoof soba dhugaa ba’an taanee argamne kaa (15)
◪ Warri Kiristoositti amananii obbaafatan badaniiru jechuudha kaa (18)
◪ Warra Kiristoositti amananii jiraatan irra ammuma iyyuu cubbuun tuulamee jira kaa (17)
◪ Kiristoos deebi’ee hin dhufu kaa
◪ Jireenyuma har’a duwwaadhaaf jiraachuuf Kiristoosiin abdanna (kan boriif miti) yoo ta’e nuti namoota hundumaan gad kan taane gadadamoota warra namni boo’uufii maludha kaa (19)
◪ Akkuma warra “du’aa ka’uun hin jiru” jedhanii “bor waan duunee bannuuf kottaa ni nyaannaa, ni dhugnas” hin jennuu ree? (32)
C. Kaayyoon “Du’aa ka’uun hin jiru” jechuu maaliif ture? ( 1Qor. 32-34) --> itti fufnee kan ilaallu ta'a!
...itti fufa...
@Maaranaataa_Yesuus ➕