Hundeen Gaaffii Oromoo Maalii?
Yeroo sagantaan siyaasa ABO wixineeffamu Gaaffiiwwan gurguddaa lamatu warreen bu'ureessan gidduutti ka'e. Innis :-
Gaaffii Gitaa : kan hojjetaa, qotee bulaa fi kkf
Gaaffii sabaati .
Gaaffiin Gitaa irra caalaan namoota garaagarummaa ilaalcha siyaasaa qabaatan kan of keessatti qabatu ta'us rakkoo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi Amantii namoota hunda tuqu irratti waloon qabsaa'uu yoo ta’u.
Gaaffiin sabummaa sabni Oromoo akka sabaatti dhaaba tokko jalatti gurmaa'ee rakkoolee siyaasaa, diinagdee , hawaasummaa fi amantii furuu qaba jedhanii warra amanan keessaa madde.
Ta'us Gaaffiiwwan kana lamaan gargar qoodamee yoo dhaaba ABO bu'ureessine akka sabaatti qaawa uumuu mala jedhameetii ABO'n gaaffiiwwan lamaan kana irratti wixiname.
Gareen Gaaffii gitaatti amanu Oromoon saboota biroo waliin qindaa'ee mirga isaaf falmachuu qaba fi siyaasa federaalizimii & Kaappitaalizimii lixaa warra hordofuu hawwanidha. Gareen gaaffii sabaa immoo siyaasa socialism warra hordofuu fedhanidha. Akkuma Addunyaatti erga lolli Qabbanaawaan ( cold war ) dhumatee gaaffiin guddaan ka'aa ture fi jiru kan sabaati. Kanumaan Garaagarummaan yaadaa warra kana lamaan gidduutti dhalachaa dhufe. Yeroo sanaa hanga ammaa Oromoo fi sirna cunqursaa jidduu falmiin jira. Oromoo fi Oromoo jidduus falmiin jira. Falmiin Oromoo keessaa kun akka hin jirreetti irra dibuun kan cunqursaa qofa irratti xiyyeeffachuun qabsicha jidduutti akka qaawwi uumamu taasisaa ture, har’as jira. Kanumaan ka’uun lubbuun qabsaa'ota qaalii hedduu akka galaafatame fi ammas itti jira. Akka dhaabaatti garaagarummaan inni jalqabaa kan ifa bahe 1978 yeroo Jaarraa Abbaa Gadaa ABO keessaa bahuun "ADDA BILISUMMAA ISLAAMUMMAA OROMOO " hundeessedha.
Ergasiis Sagantaa dhaabichaa osoo haalaan hin hubatin ykn hin liqimfamneef irraa ka'uun ABO'n bakka hedduutti akka fofottoqu ta'e. Kan namoonni hedduun hanga har'aatti dubbachuu sodaatan ykn qaanfatan sababa wal dhabdee kaayyoo fi hoggansaan ka'een lubbuun jaallan qaalii hedduun badeera. Qabsichi fuulduratti akka saffisa hin godhanne fi lafarra akka butamu Sababni taasise guddaan kanadha. Kanaaf hanga har’aattis hafuu dadhabee lubbuu qaalii nyaataa jira. "Sabni kun abaarsa qabaa laata?" jechuu dhiifnee garaagarummaa jiru irratti akka diinaatti wal ilaaluurra mari'atamee yoo fuulduree qabsoo Oromoof akeeka kaa'an furmaata jedheen yaada.
Kanas ta'ee sana wixinamuun ABO faayidaa gurguddaa lama qaba akka sabaatti . Isaanis :-
Oromoo sabni jedhamu Impaayera itiyoophiyaan liqimfamuu irraa baraareera. Mirga hiree ofii murteeffannaa laboobsuun alaabaa dhuunfaa , qubee afaan Oromoo , kaartaa Oromiyaa fi sabboonummaa cimaa uummatni kun akka gonfatu taasiseera.
Ammaa kan hafee biyyaa Oromiyaa jedhamtu sammuu dhaloota keessaa jirtu lafa irratti ijaarrudha. Kana gochuuf ammoo tokkummaa saba Oromoo murteessadha. Oromiyaan biyyaa walabaa ni taatii kanumaaf lubbuun qaaliwwaan kumaatamaan itti kitimammee.
Oromiyaan biyyaa!