#Anaa_fi_Marii_Geetaa👨🍳
Group marii-geetaa ani karaa telegram baqadhee dadhabetu karaa TikTok natti dhufuu jalqabe. Mee waanti kun maaluma jedheen dhaggeeffadhe. Gosti dhukkubaa isaan biratti furmaata hin arganne hin jiru😂 Dhukkuba dawwee, teessisaa, kaachisaa, dadhabina wal qunnamtii saalaa, kaanserii, HIV, busaa, taayifooyidii, garaa kaasaa, dugda kutaa, hafuura kutaa, abdii kutaa😂, rakkoo waa dagachuu...
Hunda keessaa inni dhumaa kun xiqqoo na ilaallata. Darbee darbee rakkoo waa dagachuun nan qaba. Waan kana deemee ilaalamuun qaba jedheen deeme. Achi ga'ee gaafa dabareenkoo ga'u #Marii_geetaan'faa na waamanii "Maal taatee dhufte?" naan jedhan. Maal jedhee itti himuu? Daqiiqaa 5 keessatti maal ta'ee, maal barbaadee akkan deeme nan dagadhe😭 Taa'ee itti yaadee yaadeen dadhabe. "Baqqaa ka'ii gara manaakeetti deemii, gaafa yaadatte koottu" naan jedhan. Tole jedheen bahee deeme. Gara manaa utuun deemuu karaa walakkaa yoon ga'u dhimman deemeef sanan yaadadhe. Rakkoo waa dagachuukoo...😭 Yerooma sana fiigeen ofirra deebi'e. Garuu maal godha? Gaafan achi ga'ummoo deebi'een bakka manichaa dagadhe 😭
@Qoosa430