Walaloo fi Asoosama Afaan Oromoo


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Art


📝Yaadaa fi gaaffii akkasumas qeeqa qabdaniif,
📝Namootni Walaloo fi Asoosama barreessuun chaanaalii kana irratti dabarfachuu feetan, akkasumas
📝Piromooshinii fi beeksisa adda addaaf
@walaloofiasoosama_bot
irratti nu argachuu dandeessu.

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Art
Statistics
Posts filter


Akkam jirtu Maatiin Walaloo fi Asoosama Afaan Oromoo❤️ Barreeffama chaanaalii kana irratti isiniif maxxansaa jirru cinatti dabalataan kitaabota softcopy waa irraa barattu jennee yaadnu garee kana irratti isiniif dhoobuuf yaadaa jirra. Ni barbaadduu?
Poll
  •   Eyyeen, ni barbaadna📖
  •   Lakki, hin feenu⛔
143 votes


Forward from: Gadaa Sports™
Eenyutu mo'ata?
Poll
  •   ARSENAL🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿
  •   YUNAAYITID🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿
  •   QIXA BAHU🤝
83 votes


Forward from: Nadhii Jaalalaa
❤️❤️❤️

Tokkittiikoo qaalii,
Rukuttaa onneekoo
Faaya ilkaan aannanii,
Gammachuu keessakoo
Si'eessituu sammuu,
Bohaarsituu yaadaa
Utuu ati jirtuu,
Akkamiin danda'een,
Kan biraa barbaada?
...si qofan araada!


@NadhiiJaalalaa


Forward from: Cuunfaa | Soora Sammuu
Wanti guddaan milkaa'aa tahuu fi tahuu dadhabuukee har'aa miti. Amaleeffatnaan guyyuu guyyuu ati agarsiistu daandii milkaa'inaatti si qajeelchaa jiraachuu fi dhiisuu isaati malee.


@Cuunfaakoo


Forward from: Cuunfaa | Soora Sammuu
Dursanii argamuun tarkaanfii tokkoon waan dhufu osoo hin taane deemsa irra deddeebiitiini. Fiigicha amaleeffatameeni. Namni waanuma irra deddeebi'ee hojjete taha. Dursanii argamuufis tahu boodatti deebi'uuf amaleeffannaan namaa abbaa murtiiti.

Ati maal amaleeffattee jirta?

AMMUMA OF GAAFADHU!

@Cuunfaakoo


Forward from: Dr Baacaa Official
DHUKKUBA GIFIRAA (MEASLES)
Dr. Baacaa F. tiin

SEENSA
Dhukkubni Gifiraa dhukkuba saffisaan nama irraa namatti darbuudha. Yeroo dhihoo asittis biyya keenya keessaa bakkeewwan hedduutti akka weeraraatti ka'ee mul'achaa jira.

AKKAMIIN DHUFA?
- Dhukkubni kun vaayirasii 'Morbillivirus' jedhamuun kan dhufu yoo tahu daa'imman irratti baay'inaan mul'ata.

MALLATTOON ISAA MAAL FA'I?
- Namni tokko vaayirasiin dhukkuba gifiraa fidu qaama isaa erga seeneen booda giddu galeessaan hamma guyyaa kudha afuriitti mallattoo agarsiisuu dhiisuu mala.
- sana booda mallattooleen akka gubaa qaamaa, miirri dadhabbii namatti dhagahamuu, fedhii nyaataa dhabuu, hoqqisiisuu, bowwuu mataa, qufaa, furreessuu, dhukkubbii/diimachuu/boo'uu ijaa akkasumas madaa'uun afaanii (waan akka ashaboo afaan keessatti xixiqqaatee bahuu) ni mul'atu.
- dhagna gubaan erga eegalee guyyaa 2-4 booda shiffeen/shifiin(rash) fuula irratti bahuu eegala. Fuula irraa ka'uunis gara qaama guutuutti babal'ata. Shifeen kun yeroo hedduu barruu harkaa fi miillaa irratti hin argamu.

AKKAMIIN DADDARBA? YEROO AKKAMIIS DADDARBUU DANDA'A?
- Dhukkubni kun nama dhukkuba kanaan qabame irraa tuttuqqii fi qilleensaan baatamee nama birootti darbuu danda'a.
- Namni tokko shiffeen utuu hin mul'atin dursee guyyaa shan irraa eegalee akkasumas shiffeen mul'atee erga badee booda hamma guyyaa afuriitti dhukkubicha nama biraatti dabarsuu danda'a.

Daa'imni dhukkuba kanaan qabamte dhukkubichi xaxaa kan biraa yoo hin qabaanne, shiffeen erga mul'ateen booda hamma guyyaa 3tti fooyya'iinsa agarsiisuu dandeessi.
Shiffeen fuula irraa eegaluun guyyaa sadii ykn afur gidduutti baduu jalqaba. Qufaan hamma torban tokkoo ykn lamaa turuu danda'a.

DHUKKUBICHI XAXAA AKKAMII QABA?
Namoota dhukkuba kanaan qabaman keessaa 30% kan tahan xaxaa (complication) ni qabaatu. Xaxaa kana keessaa warri dursa qabatan Garaa Kaasaa (diarrhea) fi infekshinii sombaa (pneumonia) dha. Kan biroon kanneen akka infekshinii ijaa(conjuctivitis), infekshinii gurraa(otitis media) fi infekshinii sammuu(encephalitis) illee jiraachuu malu.

NAMOOTA AKKAMIITU XAXAA DHUKKUBA KANAAF CAALAATTI SAAXILAMA?
Warreen xaxaan dhukkubichaa irratti hammaatu keessaa muraasni:
- namoota HIV/AIDS ykn kaansarii qaban
- Haadholii ulfaa
- ijoollee hanqina nyaataa qaban
- Daa'imman baay'ee kichuu tahan
- Namoota umurii dullumaa
keessa jiran

DHUKKUBA KANA OFIRRAA ITTISUUN NI DANDA'AMAA?
Eyyeen. Kunis daa'imman talaallii akka fudhatan gochuuni. Talaalliin dhukkuba kanaa akka biyya keenyaatti yeroo lama, jechuunis daa'imni tokko dhalattee umurii ji'a 9 fi ji'a 15tti kennama. Kanaaf daa'ima ofii talaalchisuun dhukkubicha ittisuun ni danda'ama.

MAAL GOCHUU QABNA?
Dhukkubni kun salphaatti hammaatee kan daa'ima ajjeesuu danda'uudha. Kanaaf mallattoolee armaan olii nama/daa'ima inni irratti mul'ate:-
- ariitiin mana yaalaa geessuu
- namoota kaan itti akka dhukkubicha hin dabarsineef qofaatti baasuu
- nyaata madaalamaa kennuufii
Ittisa isaaf immoo daa'imman keenya yeroon (umurii ji'a 9 fi 15tti) talaalchisuun barbaachisaadha.


Yaadaa fi gaaffii qabdaniif karri keenya banaadha.
Ani @DrBaacaa dha.
Fayyaa hin dhabinaa!

t.me/DrBaacaaofficial


Warreen:-
1. Dogoggorakee kaleessaa akka daawwitiitti si dura qabanii ittiin si cabsuu barbaadan,
2. Yeroo ofiif si barbaadan iyyanii si waammatan; yoo ati isaan barbaaddu gurra cuqqaallatan,
3. Siin gadi qabanii miira ol aantummaa argachuu fedhan,
4. Jireenyi isaanii hinaaffaan guutee fi
5. Sansalata balleessaa sitti marsanii jireenyakee to'achuu fedhan

Warreen akkasii irraa fagaadhu!

@WalaloofiAsoosama


Forward from: Nadhii Jaalalaa
Jibba irra jaalalli;
Fudhachuu irra kennuun;
Kuffisuu irra harka qabuun;
Miidhuu irra gargaaruun;
Dheekkamuu irra gorsuun;
Dubbachuu irra dhaggeeffachuun;

Yeroo kamillee gaariidha!

@NadhiiJaalalaa


AMALOOTA NAMOOTA GUDDAA YAADANII:

A. Walitti fufiinsaan baratu.
Waan beekanitti yeroo kamiyyuu quufoo miti. Bakka haaraa daawwatu, kitaaba haaraa dubbisu, nama haaraan wal baru, dandeettii haaraa gabbifatu. Isaan umurii isaanii guutuu barattoota.

B. Qalbii guutuun dhaggeeffatu. Namootni guddaa yaadan akka waan baay'ee hin beekne of beeku. Kanaaf yaadaa fi hubannaa isaanii cimsuuf namoota hubannaa isaanirra qaban ni gaafatu. Kan hin beekne baruuf sirriitti dhaggeeffatu. Isaan dhaggeeffattoota gaariidha.

C. Waa bal'isanii ilaalu.

"Waantotni baay'een daangaa agartuu keenyaa qofa keessa waan seenaniif nutti hin mul'atani. Nutti mul'achuuf daangaa sammuu(yaada) keenyaa keessa seenuu qabu." David Thoreau

Namni yeroo hedduu jalqabatti kan argu addunyaa ofii isaati. Eenyummaankee maal akka ati argituufi akkaataa ati itti yaaddu murteessa. 
Namootni guddaa yaadan, addunyaa ofii isaaniin alatti addunyaa biraan akka jiru beeku. Kanaaf addunyaa ofii isaanii keessaa bahuun addunyaa namoota biraas ija isaaniin ilaaluuf carraaqu. Akkaataa namni tokko ilaalu beekuuf, dursa akkaataa namni sun itti yaadu beekuun barbaachisaadha. Dhaggeeffataa gaarii tahuun asitti nama gargaara.

D. Guutummaatti jiraatu (live completely)

"Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa osoo hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." Michel Montaigne

Dhugaan jiru jireenyakee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'u.

Itti fufa ...


@WalaloofiAsoosama


Forward from: Nadhii Jaalalaa
YOO DHUFTEEF SIN EEGA!

Yoo dhufteef sin eega,
Balbala onnee banee
Silas deemuu kankee,
Garaan yoom amane?
Qara ilaalaan jira,
Ofiikoo irraa bahee
Lubbuun osoon jiruu,
Waan hin jirre tahee

Yoo dhufteef sin eega,
Yaada jijjiirrattee
Coba imimmaankoo,
Kallattii godhattee
Sittin obsa hunda,
Bu'aa bayii jiruu
Kunoo ergati deemtee,
An jiruyyuu hin jiru

Lubbuunkoo si dhabnaan,
Narkatti maraatti
Yoo dhufteef sin eega,
Qe'ee jaalalaatti!


@NadhiiJaalalaa


Forward from: Cuunfaa | Soora Sammuu
HIRIYYE!

Jireenyi dhala namaaf hamtuu dha. Namni guyyuun bu'aa ba'ii hedduu keessa darba. Hiriyaa dhabuu, hoji-dhabdummaa, jireenya harkaa gara afaanii, nama jaalatan dhabuu, fayyaa dhabuu fi kaanis baay'eedha. Kana namni dubbatu hin jiru. Namni rakkoo namaa hin hubatu waan taheef.

Atis of ilaaltee bakki ati amma jirtu bakka ati gahuu barbaadde tahee sitti mul'achuu dhabuu danda'a. Akkuma guyyaan darbaa deemu umuriinkee dabalaa deema. Umurii dabalaa deemuun bakka yaadde yoo hin geenye immoo miira abdii kutannaatti seenta. "Dhuguma jireenyikoo kun sirrataa?" jettees of gaafatta.

Hiriyootakee fi namoota si boodarraan dhufan yeroo isaan karaa salphaan milkaa'anii fi jireenya gammachuu qabu jiraatan argita. Ati garuu waan hunda yaaltee karaan sitti cufamee bakkuma kaleessaa, bakkuma dheengaddaatti of argita. Akka nama abaaramaa, gatii hin qabnee ykn immoo kufaatiif dhalate tokkoottis of lakkaa'uu eegalta.

Ta'us garuu waan hundi akkas miti. Milkaa'uu dadhabdus abdii hin kutin. Dhaabadhuu of ilaali. Boqonnaa fudhadhu. Humnakee haareffadhu. Namni ati jaallattu sababa ati qarshii dhabdeef si ganuu danda'a. Akka barbaaddetti hiriyootakee fi firootakeef bakka isaan si fedhanitti argamuu dhabuu malta. Harki si qallachuu danda'a. Namoota kaaniinis akka waan gatii hin qabneetti ilaalamuu dandeessa.

Tahus garuu abdii hin kutin. Jireenyakeef falmadhu. Eenyullee waan guyyaan borii fidee dhufu hin beeku. Siifis akkasuma. Gatii of dhabsiisuu, gammachuu dhabuu fi abdii kutachuu irraa fagaadhu. Addunyaan kun cimtuudha. Atimmoo caalaatti cimaa tahi.

@Cuunfaakoo


Forward from: Nadhii Jaalalaa
Mirgisiistuu seeqaa,
Fuulli iftuu akka biiftuu
Yaaddoo jiruu kootti,
Abdii ishee tittiiftu
Dhangaa fooniif lubbuu,
Bareedina uumaa
Dhahannaa onneekoo,
Kanin jaal'u suma

@NadhiiJaalalaa


Forward from: Cuunfaa | Soora Sammuu
Waantota fayyaa sammuukee miidhuu malan:

1. Dukkana keessa yeroo dheeraaf turuu.
2. Yaadota negatiivii tahan irratti xiyyeeffachuu
3. Bilbila irratti yeroo dheeraa dabarsuu
4. Sukkaara baay'inaan fayyadamuu
5. Muuziqaa 'earphone' fayyadamuun yeroo hunda dhaggeeffachuu.

@cuunfaakoo


Forward from: Dr Baacaa Official
Waantotni carraa dhukkuba onneen qabamuu keenya dabalan maal fa'i?

- Umurii : akkuma umuriin namaa dabalaa deemuun carraan dhukkuba onneen qabamuus dabalaa deemam.
- Saala: Akka qorannoon agarsiisutti dhukkubni onnee irra jireessaan dhiirota keessatti heddummaata.
- Maatii ykn fira keessa namni dhukkuba onnee qabu yoo jiraate.
- Sigaaraa xuuxuu fi alkoolii baay'inaan dhuguu
- Nyaata hin madaalamne- keessattuu soorata faatii, ashaboo/soogiddaa fi sukkaarri itti baay'atu soorachuu
- Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa
- Kolestirooliin dhiiga keessatti baay'achuu - keessattuu kolestirooliin LDL (low density lipoprotein) jedhamu fayyaa onnee keenyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.
- Dhukkuba sukkaaraa
- furdina garmalee fi sochii qaamaa gahaa gochuu dhabuu
- Dhiphina garmalee fa'i.


Fayyaa hin dhabinaa!
@DrBaacaaOfficial


#YuunivarsitiiAsoosaa 
#Waamicha

Yuunivarsitiin Asoosaa sagantaa barnoota  sirreeffamaan barattoota gara Yuunvarsiitichaatti ramadamaniif guyyaan galmee  Bitootessa 11 fi 12/2015 ta’uu ifoomseera.

Waantoota yeroo Yunivarsiitii deemtan of harkaa qabaachuu qabdan:

➧ Ragaa barnoota kutaa 12 ittiin xumurtan
➧ Tiraanskriiptii kutaa 9ffaa hanga12ffaa; Orijinaalaa fi koppii
➧ kaardii kutaa 8ffaa, Orijinaalaa fi koppii
➧Suuraa Gurdii 3 by 4  (Suuraa Gabaabaa).
➧Uffata Ispoortii fi Kan halkanii

Yuunivarsiitichi barattoota guyyoota eeraman duras ta’e booda dhufan akka hin  keessummeessine akeekkachiiseera.

@WalaloofiAsoosama


#MattuUniversity

Yuuniversiitiin Mattuu sagantaa barnoota sirreeffamaan bara 2015tti barattoota ramadamaniif guyyaan waamichaa Guraandhala 30 fi Bitootessa 1 tahuu ifa godheera.



➧ Warri Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa maqaan A fi Bn eegalu Kaampaasii Beddellee jirutti.
➧ Kanneen hafan mooraa guddicha Mattuu jirutti qaamaan dhufanii akka galmaa'an


Waantotni qabatanii deemuu qaban:

➧ Ragaa barnoota kutaa 8
➧ Tiraanskiriiptii kutaa 9-12 oriijinaalaa fi koppii
➧ Seertifiiketa kutaa 12
➧ Fotoo gurdii 4
➧ Uffata halkanii fi Ispoortii

Yuuniversiitichi barattoota guyyoota jedhamaniin alatti dhufan akka hin keessumsiisne beeksiseera.

@WalaloofiAsoosama


IMG_20230303_140022_773.jpg
20.7Kb
#Yuunivarsitii_Wolloo 
#Waamicha
Yuunivarsitiin Wolloo sagantaa barnoota  sirreeffamaan barattoota gara Yuunvarsiitichaatti ramadamaniif guyyaan galmee  Bitootessa 04 fi 05/2015 ta’uu beeksiseera.

Wantoota yeroo Yunivarsiitii deemtan of harkaa qabaachuu qabdan:

➧ Ragaa barnoota qophaa'insaa ittiin xumurtan
➧ tiraanskriiptii kutaa 9ffaa-12ffaa; Orijinaala fi kooppii
➧ kaardii kutaa 8ffaa, Orijinaala fi kooppii
➧Suuraa Gurdii 3 by 4  (Suuraa Gabaabaa).
➧Uffata Ispoortii
➧ Uffata halkanii

Yuunivarsiitichi barattoota guyyoota caqafaman duras ta’e booda dhufan akka hin keessummeessine akeekkachiiseera.

@WalaloofiAsoosama


Forward from: Dr Baacaa Official
DHUKKUBA TIRUU
@DrBaacaa tiin

Tiruun fayidaa akkamii qaba?
- Xuraawaa qaama keenya keessatti omiishamu dhabamsiisuuf akka calaltuutti tajaajila. Amooniyaa, alkoolii fi qorichoota garaagaraa qaama keenyatti summii tahan ni dhimbiiba.
- hadhooftuu (bile) maddisiisa. Kunis bullaa'insa soorataa saffisiisuu fi mar'immaan keenya baakteeriyaa irraa ittisuuf shoora qaba.
- Pirootinoota kanneen akka albuuminii fi kanneen dhiigni keenya akka kantaru taasisan (clotting factors) omiisha.
- kolestiroolii maddisiisa.
- madaala giluukosii qaama keenyaa to'ata.
- infekshinii garaa garaa nurraa ittisuu keessatti shoora ni taphata.

Waantotni dhukkuba Tiruuf nu saaxilan maal fa'i?
- alkoolii baay'inaan fayyadamuu
- infekshinii vaayirasii
- nyaata madaalamaa hin taane soorachuu
- furdina garmalee
- dhukkuba sukkaaraa (Type -2 diabetes)
- wal quunnamtii saalaa daangaa hin qabne
- Tumaa qaamaa (tattoo)
- wantota qara qaban waliin fayyadamuu
- dhangala'aa qaamaa ykn dhiiga namoota dhukkuba tiruu qabaniin wal quunnamuu
- Qorichoota aadaa fayyadamuu, qoricha hamma fudhatamuu qabuu ol liqimsuu (overdose) fi keemikaalota garaagaraa
- maatii keessa namni dhukkuba kalee qabu jiraachuu

Namni dhukkuba Tiruun qabame tokko mallattoolee akkamii agarsiisuu danda'a?
- fedhii nyaataa dhabuu
- of dadhabsiisuu
- ol ol jechuu fi ol deebisuu
- dhangala'aa hedduun qaama keessatti kuufamuu...kunis dhiita'uu ykn bokokuu garaa (ascites) fi dhiita'uu miilaan mul'achuu danda'a.
- ijaa fi gogaan halluu keelloo qabaachuu
...kunis hammi biliruubinii qaama keenya keessaa yoo heddummaatu kan uumamuudha.
- halluun bobbaa fi fincaanii jijjiiramuu
- salphaatti dhiiguu fi yoo dhiigu immoo dafee dhaabachuu dhiisuu
- dhiiga hoqqisiisuu
- qalbii dabarsuu, hirriba dhabuu fi of wallaalchisuu faa tahuu mala.

Dhukkuba Tiruu akkamiin of irraa ittisuu dandeenya?
- alkoolii baay'ee dhuguu irraa of qusachuu
- wal quunnamtii saalaa of eeggannoon raawwachuu
- furdina qaamaa hir'isuu
- qorichoota mana yaalaatii nuuf ajajaman seeraan liqimsuu
- qorichoota aadaa fi kan ogeessi nuuf hin ajajne callisnee fudhachuu irraa of qusachuu
- Qulqullina nyaataa fi dhugaatii keenyaa eeggachuu
- Wantota qara qaban waliin fayyadamuu dhaabuu
- Dhangala'aa ykn dhiiga qaama nama biraatii bahu akka argan qaqqabuu fi tuttuquu irraa of qusachuu

Dhumarratti, mallattoolee armaan olii fi kanneen biroo namni of irratti arge mana yaalaa deemee ilaalamuu qaba.

Fayyaan qabeenya hunda caala.

Ulfaadhaa!
@DrBaacaaOfficial




BOORANA HAA BARAARRU!

Namootni uummata keenya Booranaa hongeen miidhamaa jiru gargaaruu barbaaddan lakkoofsa akkawontii baankilee garaagaraa suura olii kana irratti argamu fayyadamtanii gargaaruu dandeessu.

Wal malee maal qabna
Nu waliin dhaadatna
.

@WalaloofiAsoosama

20 last posts shown.