#Ofirratti_Hojjedhu!
Namoonni hedduun qoma isaanii reebanii, uffata isaanii tarsaasanii kan isaan jiraatan nama gammachiisuufidha. Ofiif yeroo kennuu, ofirratti hojjechuu, ofii cimanii dhaabbachuun maal akka tahe hin beekani. Yeroo hedduu nama gammachiisuuf osoo sirbanii guyyaa keessaa guyyaa tokko namoota hedduu riqaa tahanii dabarsan biraa hafanii of argu. Guyyaa sanadha egaa kan waareen waarii isaanitti tahu. Maal fayyadaa yeroon sun immoo duubatti hin deebihu.
Yeroo tokko biyya Germany magaalaa Hamburg keessatti seenaa saree tokko irra gahe tokkotu na ajaahibe. Sareen kun balbala manaa fuulduratti hidhamee bula ture yeroo hundumaa. Akkuma yeroo kaanii hardhas biyyi nagaadha jedhanii warri mana sanaa hirriba isaanii keessa osoo jiranii haala hin beekamneen ibiddi mana keessaa ka'uudhaan mana sana irraa bobahuu eegale. Yeroo kana sareen kun humna guddaadhaan dutuudhaan warra mana keessaa dammaqse. Warri mana sana keessaas akkuma ka'aniin nahanii lubbuu isaanii oolfachuuf jecha baqatanii deemani. Sareen kun garuu hidhaa irra waan jiruuf namoota sana oolchee ofii isaa ibidda sanaan gubatee du'e.
Namoonni hedduun hardha jireenya akka saree kanaa keessa jiru. Nama gorsuu jaalatu, nama gammachiisuuf muka isaan hin yaabneefi dachaa isaan hin buune hin jiru. Guyyaa tokko garuu osuma deemanii tarree namaa keessaa of dhabu akkuma Justin Bieber hardhaa kana. Tajaajiltoonni hedduun nama tajaajiluuf hedduu ariifatu, artistoonni hedduun eenyummaa isaanii nagadanii namaaf jiraachaa bara isaanii fixu. Galgala keessa yeroo dhukkubni hamaan tokko isaan rukutu garuu of yaalchisuun illee akkaan isaanitti jabaata.
Nama dhaloota oolchu tahuu barbaadda taanaan maaliyyuu caalaa ofirratti hojjechuun sirra jiraata. Yesuus Kiristoos kanaafidhaam kan inni...
Waa'ee isaanii dhiisaa! Isaan jaamota, jaamota akka isaaniis karaa in argisiisu; namni jaamaan jaamaa akka isaatii karaa yoo argisiise, lachuu wal-fudhatanii boolla keessa in bu'u" jedhe. (Mat 15:14)
Kanaafuu dammaqiitii ofiikee irratti hojjedhu malee namaaf kurkuraa hin ooliin! Namoota hedduu gargaaruu barbaadda taanaan yeroo dheeraaf ofiikee irratti hojjedhu!
Isinan Jaaladha!
Via Bayanane dha
https://t.me/+LRcKMB9yEK4xZGZk