Giriik Durii keessatti Soqiraaxis ogummaadhaan maqaa guddaa qaba ture. Gaaf tokko, namni falaasfaa guddaa kana barbaaduuf dhaqe akkana ittiin jedhe:
- Waa'ee hiriyyaa keetii waanan dhaga'e beektaa?
- Yeroo muraasa itti yaadee Soqiraaxis deebii deebiseef. Osoo natti hin himiin dura, waa sadiin si qorachuun barbaada.
- Qormaata sadan?
- Eeyyee jedhee itti fufe Soqiraaxis. Waa'ee nama biraa waa dubbachuu dura yeroo fudhattee waan jechuu barbaadde calaluun gaariidha. Qormaanni jalqabaa DHUGAA dha. Wanti ati natti himuuf deemtu dhugaa ta'uu isaa ilaalteettaa?
- Lakki nan dhaga'e!
- Baay'ee gaarii! Kanaaf, dhugaa ta'uu fi dhiisuu isaa hin beektu. Qormaata lammaffaa, kan ammoo GAARUMMAA itti fufna. Waa'ee hiriyyaa koo wanti natti himuu barbaaddu gaariidhaa?
- Lakki! Faallaa kanaati!
- Kanaafuu, gaaffii Soqiraaxis, Waa'ee isaa waan hin mirkaneeffanne waan hamaa natti himuu barbaaddaa? Tarii ammallee qormaata sadaffaa kan darbuu dandeessu, kan FAAYIDAA’ n si gaafadha. Waa'ee hiriyyaa koo kana waan ati natti himuuf deemtu beekuun koo faayidaa qabaa?
- Lakki!
- Kanaafuu, wanti ati natti himuuf deemtu dhugaa miti, gaariis, faayidaas hin qabu jedhee xumure. Maarree maaliif kana natti himuu barbaadde?
"Oduun waan hamaadha. Jalqaba irratti kan nama gammachiisu fi bohaarsu fakkaachuu danda'a, dhumarratti garuu garaa keenya hadhaa'aan guutee nunis nu summeessa! Waa’ee hiriyaa isaa, akkasuma kan nama kamiiyyuu kan odeessus ta’e dhaggeeffatu tokkuma! Kanaafuu ODUU fi ODEESSITUU baqadhu!” ✍️ Amiin Waaree
Kanan dubbiseerraa
Please add More*
Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything
@meraraf