Koloneel Saandars
Ijoollummaa isaatti qormaatni eenyumaanuu injifachuu danda’u isa mudatee ture. Haa ta’uutii, kun hiree kooti jedhee harka maratee hin teenye. Harmeen isaa nuffii malee waan hojjattuuf umrii itti kunuunsiifi jaalalli maatii maluufitti akka nama haadhaa fi abbaa hin qabneetti obboloota isaa kaan tajaajiluun dirqama itti ta’e. Daandii dheeraa, bu’a ba’iin guutuu ta’e keessa darbuu dirqameera.
Haa ta’uutii gootni kun harka hin laatne. Qormaatawwan hedduu waliin wal’aansoo wal qabaa carraa argame maratti fayyadamuurraa hin dhiboofne. Buufatawwan tajaajila hawaasaa marti waltajjii isaa ta'ee, waaddii lukkuu dhamdhama namootaa booji’u tolchuun eegale. Qormaatni jireenya isaarraa hin fagaatne. Abiddi mul’ata isaa jalaa barbadeessus, haleellaan qawwee irratti taasifamus haamileen isaa iddootii hin mixxiqne. Umrii isaa wagga 65tti madda iccitii dhamdhama waaddii lukkuu isaa Keentekii Firaayid Chikin jedhamuun beekamu gurguruun addunyaatti as baase. Wanti mana nyaataa tokkotti eegale gola addunyaa guutuutti tamsa’e. Tuffatamuufi kufaatiin isa mudatan waan wayyu addunyaaf akka gumaachuuf ka’umsa ta’aniif.
Har’aan tana KFC’n aasxaa haamilee guutuun socho’uu fi cimanii dhaabbachuu ta’eera. Manneen nyaataa 22,000 biyyoota 48tti banaman waa’ee Koloneel Saandars iyyanii lallabu- lallabawwan abjuu fi waamichi kamuu galma ga’uuf gaarri hin darbamne fi wanti irra hin aanamne akka hin jirre dubbatan.
Kanaafuu seenaan Koloneel Saandars miciree haamilee ol ba’anii mul’achuuf iddoo hin yaadamne irraa eegaluu akka ta’e isin keessatti facaasa. Yommuu jireenyi qormaataan isin sukkuumu, mul’ataa fi garaa kutannaa Saandars qabaachaa ture yaadaan qabaa!
Maal Irraa baranna...?