HARD POTENTIAL


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Telegram


🌹🌹YOO NAMA TAATE FEDHII KEETIIF OSOO HIN TAANE KAAYYOO KEETIIF DURSA KENNI.🌹🌹
✍️asirraa kanneen argattu
👉Jechoota hayyootaa
👉Gorsa mimmiidhagoo
👉Seenaafi K.K.F.Argattu.

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Telegram
Statistics
Posts filter




Forward from: BEST ቪዲዮ
የምስራች አሁን online ላላችሁ ብቻ ጥያቄ ና መልስ ልንጀምር ነው

1⃣ ለወጣ 500 ብር ካርድ
2⃣ ለወጣ 250 ብር ካርድ
3⃣ ለወጣ 100 ብር ካርድ

👉 ዝግጁ ከሆናችሁ ጀምር የሚለውን ይጫኑ


Guyyaa 21 keessatti of jijjiiri

➬1. Ganamaan Ka'i
➬2. Galateeffadhu
➬3. Ispoortii hojjedhu
➬4. Dubbisi
➬5.Dubbii namoota milkaa'oo dhaggeeffadhu
➬6. Guyyaatti yeroo tokko waan si bashannansiisu raawwadhu
➬7. Saatii tokko waanta baay'ee murteessaa ta'eef guyyaatti yeroo tokko kenni
➬8. Bishaan dhugi
➬9. Abjuu(mul'ata) kee isa guddaa wajjin wal qunnami ykn hidhami
➬10. Yeroo hundaa of ajaa'ibsiifadhu.

✍Waantota kunniin walitti fufinsaan guyyaa 21'f raawwattee jennaan suusii sitti ta'u. Sana booda Jireenya kee jijjiiruu keessatti gahee guddaa qabu.

Saayikolojii‌‌

Transform yourself in 21 days

➬1, Get Up in the Morning
➬2, Be thankful
➬3, Do sports
➬4, Read it
➬5. Listen to the words of successful people
➬6. Do something fun once a day
➬7. Give an hour to something very important once a day
➬8. Drink water
➬9. Connect or be arrested with your biggest dream(vision).
➬10. Always surprise yourself.

✍If you do these things for 21 days in a row, you will become suicidal. Then they play a big role in changing your life.

Psychology‌‌

Share➬ @hard_potential


lakkoofsi_Shan , Oromoo biratti maali;? akkamitti ilaalama ?

👉#Oromoon_Gadaa shan qaba

1-Gadaa Birmajjii
2-Gadaa Duuloo
3-Gadaa Meelbaa
4-Gadaa Michillee
5-Gadaa Roobalee.

👉#Oromoon_hortee shan qaba.

1-Maccaaf Tuulama
2-Ituuf Humbannaa
3-Raayyaaf Asaboo
4-Sabboof Goona
5-Sikkoofi Mandoo

👉#Oromoon_bokkuu shan qaba.

1-Bokkuu Biifaa
2-Bokkuu Dikaa
3-Bokkuu Horaa
4-Bokkuu kallachaa
5-Bokkuu Roobaa.

👉#Oromoon_Yaayyaa shan qaba

1-Bannoo Galeessa
2-Boruu Biloo
3-Galleen Annoo
4-Golloo Goboo
5-Mannee Leeqaa Jaarsoo

👉#Oromoon_Odaa shan qaba

1-Odaa Bisil
2-Odaa Bulluq
3-Odaa Bultum
4-Odaa Nabee
5-Odaa Roobaa

👉#Oromoon_seera Walaabuu shan qaba

1-Seera Tajoo
2-Seera Faanoo
3-Seera Innoo
4-Seera Irroo
5-Seera Latoo

👉#Oromoon_Waayyuu shan qaba.

1-Dhaha-dhooftuu
2-Ekera-dubbistuy
3-Huchuu
4-Mallima
5-Qaalluu.

👉#Amantiin_Oromoo Waaqeffataan daandii shan qaba.

1-Damboomsa
2-Haaromsa
3-Gaaromsa
4-Namoomsa
5-Hundeessa

👉#Oromoon_mulannoo shan qaba

1-Badhaadhummaa
2-Gaarummaa
3-Gammachuu
4-Mo'aa
5-Namummaa

👉#Oromoon_ayyaana mo'aa shan qaba.

1-Aarsaa
2-Booranticha
3-Gijaaree
4-Gindiika
5-Urgooftuu Mo'aa.

👉#Oromoo-biratti mo'aa ta'uun waan shan of keessaa qaba.

1-Arjummaa
2-Dhugaa jaallachuu
3-Gootummaa
4-Haayyummaa
5-Obsa

👉#Oromoon_seera Gadaa shan qaba

1-Seera Safuu
2-Seera Asaasaa
3-Seera Dhowwaa
4-Seera Basaqqeessaa
5-Seera Gooroo

👉#Horri_Oromoo kutaa shan qaba

1-Ittisa
2-Baqassaa
3-Faxxaana
4-Naanniga
5-Qaawwaa Eelaa

👉#Manni_Oromoo kutaa shan qaba

1-Goorduba
2-Dinqa
3-Gola mirgaa
4-Gola bitaa
5-Bakka Ibiddaa

#jechoota maanguddoofi seenaa oromoo


Share and like or react🙏


  Yaadachiisa!! Miseensota chaanaalii Hard potential 😂 Hundaaf...

Akka imaammata (policy) telegram haaraa ba'etti, miseensonni chaanaalii kana MUTE gootan akka waan chaanaalii kana keessa hin jirreetti ilaalama.  kanaafu, UNMUTE gochuun nu hordofaa.

Waan nuti maxxansinu yoo ilaalaa jirtu ta'ellee yoo chaanaalii kana MUTE gootani jirtu ta'e akka ilaaltanitti hin lakkaa'amu. 

Akkuma suuraa irratti mul'atuutti..
MUTE jedha yoo ta'e hin tuqinaa!!

UNMUTE irra jira yoo ta'e yeroo 1 tuquun MUTE tti deebisaa.


Share👉 @hard_potential


Mammaaksa.

1,Waa sadi irraa waa sadi hin eegan

☞Hiyyeessa boonu irraa durummaa hin
eegan
☞Lola gowwaa irraa araara hin eegan
☞Dhibee dulluma keessaa irraa fayyaa hin eegan.

2,Waa sadi waa sadiitu mi’eessa

☞Nama du’e awwaalatu mi’eessa
☞Intala dubraa heerumaatu mi’eessa
☞Keessummaa galaatu mi’eessa

3,Waa sadi dulluma quba hin qaban

☞Qeensa
☞Rifeensa ykn dabbasaa
☞Qalbii ykn lubbuu

4,Waa sadi abbaatu kadhata sadi ofii dhufti

☞Durummaa abbaatu kadhata; hiyyummaan
ofumaa dhufti
☞Fayyaa abbaatu kadhata dhibeen
ykn duuti ofumaa dhufti
☞Ulfina abbaatu kadhata salphinni ofumaa dhufti

5,Kormaan lukkuu waa sadi fakkaata

☞Yoo lafa qotu adurree fakkaata
☞Yoo yeroon manatti galu hayyuu fakkaata
☞Yoo iyyu maraattuu fakkaata

6,Korbeessi re’ee waa sadi fakkaata

☞Yoo areeda laalan sheeka fakkaata
☞Yoo ofirratti fincaa’u saree fakkaata
☞Yoo hobobsu maraattu fakkaata


GORSA SHAN

1. Iddoo Hundumaatti gaarummaa hojjadhu! Yoos maqaan kee bakka gaaritti waamama.
2. Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen utuu hin taane, hojii bakkichatti hojjetteen madaalama.
3. Amma dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu hundumtuu gochuu danda'a waan ta'eef.
4. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattudha.
5. Yeroo keetti fayyadami!


CHANNEL KANARRATTI MAAL DABALLEE ISINIIF HAA GADHIISNU?
Poll
  •   BAACOO
  •   ASOOSAMA
  •   WALALOO
  •   HOMAAYYUU ITTI HIN DABALIINAA AKKASUUMAAN JABAADHAA ITTI FUFAA.
1 votes


Jechoota ajaa'ibaa Robert Mugabe
..
Sirni barnoota Ardii Afrikaa kun nama dhiba
..
Fakkeenyaaf ;-
..
√√ Baratootni qabxii olaanaa(1ffaa) galmeesisan Injiineraa fi
Madisinii baratu
.
√√ Baratootni qabxii itti aanu(2ffaa) galmeesisan Seeraa fi
Manajimentii baratanii warra qabxii olaanaa(1ffaa) to'atu
.
√√ Baratootni qabxii gad aanaa(3ffaa) galmeesisan siyaasa
geggeessuun warraa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa waliti qabanii
bulchu
..
√√ Baratootni kufan immoo poolisii fi Raayyaa itisaa leenji'uun
warraa 1ffaa - 3ffaa qabxii galmeesisan ol aantummaan to'atu
Yoo barbaadan :- ni tumu
Yoo barbaadan:- ni hidhu
Yoo barbaadan:- qaama hir'isu
Yoo barbaadanimmoo:- ni ajjeesu
:
√√ kan baay'ee nama dhibummoo warri kutaa tokkoyyuu hin
seenne Qaalluu fi Xonqaayii ta'uun hordoftoota hedduu
horachuun hojjechaa jiru.
..
Kun akka biyya keenyaatti dhugaadhaa???


Gaaffilee kana of gaafattee beektaa?

❏ Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha. 
⁃ Ani eenyu ?
⁃ Maalifan Uumame?
⁃ Ergamni koo maali?
⁃ Karoorri koo maali?
⁃ Mul'anni koo maali?
⁃ Kaayyoon koo maali?

√ Eessaan dhufe?
√ Eessan Jira?
√ Eessan Deema?

√ Har'a maalin hojjedhe?
√ Maal hojjechuun qaba?
√ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!

√ Your Future is on your hand!
√ Success is behind you!


Gorsa Koo Yeroo Hundumaa:
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Lafa kana irratti namni tasa yookiin akkasumaan uumame hin jiru.
➋. Namni kophaa ofii jiraachuu danda’u hin jiru.
➌. Jecha ofiif kennitu ilaalladhu!
➍. Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru.
➎. Jireenya keetiif eeggannoo cimaa godhi!
➏. Wantootatti of hin madaalin!
➐. Jecha namaaf utuu hin ta’in hojii keetiif iddoo kenni!
➑. Yeroo qabdu utuu hin dabarsin itti dhimma ba’i!
➒. Milkaa’inni fagoo miti, dhiyoo dha.
➓. Wanta dandeessu hojjechuuf of hin qabin!

👉 Waan hojjechuu dandeessu hojjechuuf gatii si baasisu sodaattee fiixaan ba’uumsa irraa duubatti hin deebi’in! Wanti gatii guddaa qabu tola hin argamu.
Galatoomaa!

Share➬ @hard_potential


SEENA NAMICHA BOFTI IDDEE

Namicha tokkotu bofti tokko osoo ibiddaan gubachaa jiruu arge. Bofa gubachaa jiru kana lubbuu isaa baraaruun qaba jedhee murteessee osoo boficha ibidda keessaa baasaa jiruu, bofichi namicha kana hidde. Namichis lubbuu isaa baraaruuf osoo tattaffatuu bofichi ibidda keessatti deebi'ee kufe.

Namichi kuni gaddee, bofichi kuni ibidda kanatti kan kufe sababuma isaatiin jedhee bitaa fi mirga yeroo ilaalu sibiila dheeraa tokko argatee boficha ibidda keessaa baasee lubbuu isaa baraare.

Yeroo dhimmi kuni hundi ta'u namtichi ilaalaa ture tokko "bofti kuni ati lubbuu isaa baraaruuf ibidda keessaa osoo baasaa jirtu si hiddee maalif ibidda keessaa isaa baafte?" jedhee gaafate. Namichis deebisee "na hidduun isaa kuni amala qoshaashaa bofichaati! amala isaa fokkuu kanaaf jedhee gaarummaa fi gara laafummaan uumamaan qabu hin jijjiiru" jedheen.

Kanaaf, namni tokko na miidhe jettee gaarummaa fi gara laafummaa uumamaan qabdu sana hin jijjiirin. Hammeenya isaa gaarummaadhaan deebisiif.

Sababnis, amalli gaarummaa fi gara laafummaa namoota kabajamoo fi kabaja guddaa namaaf qaban biratti argama waan ta'eef.

Jireenya keenya keessatti namoonni amala bofaa qaban hedduun nu mudachuu danda'u rabbiin summii namoota bofa ta'anii kana irraa nu haa eegu!

Seena kana eega dubbifte booda oo sitti tole yaada nuuf laadha galatooma waan dubbiftanif🙏🥰

Share➬ @hard_potential
Share➬ @hard_potential


Barruu Beektotaa Irraa

⭕ “Eegalteerta kan jedhamu, yommuu odeessuu dhaabdee hojjechuu eegalte.” — Walt Disney
⭕ “Beekumsi jalqabaa wallaalummaa ofii amanuu; beekuun immoo yaaduu irraa eegala.” — Socrates
⭕ “Rakkooleen addunyaa kana irra jiran kan dhufan wallaalummaa irraa, kanaafuu malli jiru immoo beekumsa qofa.” — Socrates
⭕ “ Waraana injifachuu ni dandeenya; garuu nagaa hin injifannu malee.” — Aayinistaayin
⭕ “Ana kan na kolfisiisu, nama beekaa ati naan jedhu.” — Aayinistaayin
⭕ “Dubbattee amansiisuu yoo hin dandeenye hin dubbatin.” “Jireenyi koo akka kitaaba banamee dha.” — Mahatahama Gandhi
⭕ ‘Hojii amantaa irraa hin qabne yeroo hojjettu dhuma irraattii boolla bira hin gahamnetti akka kufuutti laakka’ama.” — Mahatama Gandhi
⭕ “Yaadaan walii galuu dhabuun jibbiinsa miti; osoo akkas ta’ee haadha manaa koo caalaa dinni koo hin jiru ture.” — Mahatama Gandhi
⭕ “Dhalli namaa nyaachuu fi dhuguu ni beeka garuu dhandhamuu kan beekan muraasa.’ — Konfishiyaas

Share➬ @hard_potential


Seenaan gurbaa kanaa baay’ee natti tole!

Waaqayyo jireenya kee jijjiiruu yoo barbaade waan gatii hin qabnetti gatii guddaa siif godha!

Gurbaan kun Saamu’eel Baayisaa (Saamii) jedhama. Dubai keessa hojii ijaarsaa hojjetee jiraata.

Gaaftokko hojii isaarraa akka baheen konkolaataa bareedduu gatiin qaalii ta’e kan ‘Porsche 911’ jedhamu daandii gubbaatti arge. Baay’ee dinqiisiifate. Itti dhiyaatee ilaale. Abbaan konkolaataa sanaa miira Saamii ilaalee itti tollaan, “Kottuu seeni” jedheen. Saamiin uffata hojiidhaan waan jiruuf konkolaataan jalaa xureessaa laata jedhee yaade. Namichi garuu, “Ilmi namaa konkolaataarra caala” jedhee kabajaan simate.

Konkolaataa sana suutaas, saffisaanis hoofee Saamii gammachiise. Saamiinis, “Waan na kabajjeef galatoomi” jedhee namicha galateeffatee bu’ee deeme. Namichi waan kana hunda camera konkolaataa isaa keessa tureen waraabaa ture. Video sanas instagram irratti maxxanse. Videon sun baay’ee jaallatame. Haga ammaatti namoota miliyoona 1.4 oliin daawwatameera!

Warra video kana daawwatan keessaa tokko Modelist beekamaa lammii Cameroon kan Dubai keessa jiraatudha. Akkuma video kana argeen “Maaloo Saamii naaf barbaadaa” jedhe. Utuu oolee hin buliin naannoo bakka hojii Saamii deeme sa’atii lama guutuu barbaadee argate. “Ati ana waliin modelist taatee hojjetta” jedheen. Mana rifeensaa geesse, mana uffataa geesse, mana suuraa geesse!

Saamiin amma nama beekamaa hojiif barbaadamu ta’eera. Dhaabbanni baay’een beeksisa akka hojjetuuf barbaadu. Namoonni video isaa instagram irratti argan baay’eenis karaa ittiin isaan wal arguufi isa gargaaruu danda’an iyyaafachaa jiru!

Please don't forget share and react

JOIN NOW ➬ @HARD_POTENTIAL


AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬===========
➛ Jiraachuuf jettee sobda.
➛ Nyaachuuf jettee hatta.
➛ Gammachuudhaaf jettee ejjita.
➛ Boonaa ta'uudhaaf fiigda.
➛ Sooressa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru.
➛ Keessan jiraadha jettee mana ijaarratta.
➛ Beekumsan argadha jettee ni baratta.
➛ Mucaan godhadha jettee fuuta; naaf hin taane jettee hiikta.
➛ Miillaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta.
➛ Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita.
➛ Mucaa tokko yoo qabaatte lammaffaa yaadda.
➛ Dippiloomaa yoo qabaatte digiriidhaaf dhiphatta.
➛ Digirii yoo qabaatte Maastersii yaadda.
➛ Maastersii yoo qabaatte PhD yaadda.
➛ Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhiphatta.
➛ Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda.
➛ Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.
➛ Magaala naannoo kee yoo galtu Finfinnee galuu hawwita.
➛ Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa, Ameerikaa hawwita.
➛ Ameerikaa yoo deemtu immoo pilaaneeti biraa arguuf wareggamtaa.
➛ Aangoo xiqqoo yoo qabaatte guddaatti darbuuf yaadda.
➛ Bulchaa gandaa yoo taate bulchaa aanaa ta'uuf dhiphatta.
➛ Bulchaa aanaa yoo taate bulchaa godinaa ta'uuf dhiphatta.
➛ Bulchaa godinaa yoo taate pireezidaantii ta'uuf yaadda.
➛ Pireezidaantii yoo taate Ministeera muummee ta'uuf yaadda.
.
.
.
Obboleessa (Obboleettii koo)
      ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣ 
➬ Guyyaa duutu yaaddee beektaa?
➬ Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa?

Ati nama har'aati waan bor ta'u hin beektu garuu waa'ee boriif garmalee dhiphatta. Kanaaf yeroo hundumaa dhimma borii qofa yaaduu osoo hin taane yoon har'a du'e qoodni koo waaqa(Rabbi)biratti  maal ta'a? kan jedhu yaadaa deemuutu nurra jiraata.  Yoom akka duunu waan hin beekneef akka itti deemnu beekuu qabna.

Share NOW➬ @HARD_POTENTIAL


Waan ajaa'ibaa kana ilaalaamee

Barsiisaa yuuniversiitii kan ta'e Pirofeeserri beekamaa tokko qorannoo isaa dhiyoo kana geggeesseen waan haaraa nama ajaa'ibu kana nuuf qabatee dhufe.Qorannoon isaa kunis Qubee fi lakkoofsa fayyadamuun ture.Kaayyoon isaas furtuu milkaa'inaa barbaaduu ture.

Qubee afaan Oromoo A-Z fudhadhaa.
Kana booda akka armaan gadiitti gita qubee tarreeffattaniin lakkoofsa  1-26 tarreeffadhaa.
A-1        I-9             Q-17      Y-25
B-2       J-10           R-18       Z-26
C-3        K-11          S-19
D-4        L-12          T-20
E-5        M-13         U-21
F-6        N-14         V-22
G-7        O-15         W-23
H-8        P-16          X-24

Akka armaan olii kanaatti erga tarreeffattanii booda
Furtuu milkaa'inaa 100% dhufuu kan nuuf danda'u barbaaduu eegale. maaliidha? 100% dhufuu kan danda'u? Waliin haa barbaannuka pirofeesera faana taanee.

❶HARD WORK-Jabaatanii hojjechuu
H+A+R+D+W+O+R+K
8+1+18+4+23+15+18+11=98%

❷KNOWLEDGE-Beekumsa
K+N+O+W+L+E+D+G+E
11+14+15+23+125+4+7+5=96%

❸LOVE-Jaalala
L+O+V+E
12+15+22+5=54%

❹LUCK-Carraa
L+U+C+K
12+21+3+11=47%

Jabaatanii hojjechuun, Beekumsi, Jaalalli,Carraan,tokkoyyuu parsantii dhibba (100%) kan dhufe hin jiru.Maaliidharee Parsantii dhibba furtuu milkaa'inaa kan ta'u qarshiidhaa? mee waliin haa ilaallu.

❺MONEY
M+O+N+E+Y
13+15+14+5+25=72% qarshiis miti

➏LEADERSHIP-Geggeessumaa dhaaree
L+E+A+D+E+R+S+H+I+P
12+5+1+4+5+18+19+8+9+16=97% kanas miti

➐ATTITUDE-Ilaalcha immoo ta'innaaree
A+T+T+I+T+U+D+E
1+20+20+9+20+21+4+5=100%👏👏👍
Furtuun milkaa'inaa 100% dhufuu kan danda'u Ilaalcha keenya ta'uu isaa mirkaneesse.
Ofii keef,Namootaaf,Addunyaaf ilaalcha ati qabdu gammachuu siif kenna.Ilaalcha kee hanga hin jijjiirretti gammachuu fi milkaa'uu akka hin dandeenye mirkaneesse.Kanaaf Ilaalchi furtuu milkaa'ina keeti jechuudha!

Ajaa'ibaam! @hard_potential


Dhufneerra react godhaame.


♻️"OFIIN DORGOMI"

✍ Bara jiraattu keessatti dorgomaa baay'ee cimaa ta'ii darbi. Dorgommii kee mo'achuuf yoom illee duuba hin deebi'iin. Kan ati ittiin dorgomtu garuu nama biraan hin ta'iin. Ofii keen of dorgomi. Yoo nama biraan wal dorgomte rakkina keessa galuu dandeessa. Kunis namni ati ittiin dorgomtu gara badisaatti deemaa jira yoo ta'e, ati isa dursuuf waan fiigduuf dursitee rakkina keessatti kufta. Inni ati ittiin dorgomtus gaafa kufaatii kee argu duubatti deebi'ee of yaadachuun ni injifata. Kana keessatti yaada keen of yoo dorgomte garuu, waan gootuufi akkamiin akka gootu addaan baastee beekta. Milkaa'insi kees karaa kana. "Akka abaluun sirbaan morma nama cabsa" jedhama. Kanaaf akka nama biraatti osoo hin taane, akka dhuunfaa keetti dorgomi. Osoo yaada ofii hin injiifatiin nama biraa yaadaan mo'uun hin danda'amu. Ati ofii keef dorgomaa cimaadha. Gaafa jecha namaa dhageessu ittiin hin booniin yookiin hin tuffatiin. Garuu hunduma isaa fudhuu ittiin of ijaari. Gaafa of ijaarte ni dorgomta. Dorgommiin kan takkaa yaalanii ittiin milkaa'an miti. Kan keessatti abdii kutanis miti. Garuu kan keessa dhaabbatanii dirree injiifannoo ilaalani. Dorgommii keessatti kuftee kaata. Obsa baratta. Gaafa dorgomte ni milkoofta. Milkaa'insikee dhalootaaf fakkeenya ta'a. Xiqqaaf guddaan si ilaalee deema. Si irraa barata. Gaafa milkaa'e yaadannoof yaada isaa keessa si kaawwata. Si'iin boona. Kanaaf Yoom illee "ofiin dorgomi!"

Kun tokko, kaan immoo gaaf tokko!
imala keennya!

debela_etana


Qoosaa akkasii barbaannaan ammuma @baacookoo join godhadhaa.

20 last posts shown.